27/10/2026
"Hiree uummanni Oromoo argate gara ce’umsa olaanaafi badhaadhinaatti jijjiiruun barbaachisaadha." Obbo Shimallis Abdiisaa
= = =
Gamaaggamni raawwii hojii Paartiifi Mootummaa akkasumas mariin karoora ofdanda'uu irratti guyyoota arfan darbaniif Magaalaa Bishooftuu galma Harsadeetti geggeeffamaa ture kallattii hojii Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin goolabameera.
Pirezdaanti Shimallis xumura waltajjii kanaarraatti kallattii hojii kennaniin, karoorri ofdanda'uu karoora tarsiima'aa hiree uummatni Oromoo ofharkaa qabu ce'umsa olaanaarraan ittiin geenyu ta'uu kaasuun, hiree Uummata Oromoo ce'umsa olaanaarran gahuuf qabanne dhugoomsuuf carraawwan misoomuu rogdaneessa lafa mijataa, uummata gulantaa umurii omishaa irra jiru qabaachuu, yaadama bu'a-qabeessummaan isaa mirkanaa'ee, hooggansa qabsoon Oromoo uumeefi mootummaa muuxannoo horate qabaachuu keenya beeknee xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Karoorri Ofdanda'uu rakkoo uummanni keenya keessa jiru barree carraawwan of harkaa qabnuun furmaata waaraa fiduuf kan qophaa'e ta'uu himuun, karoorichi induustiraalummaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta'uu dubbataniiru.
Kunis, humna namaa, bu'uuraalee misoomaa omishtummaa guddisan, adeemsa oomishuu maashiniin deggarame, tekinoloojiifi omishtummaa olaanaa mirkaneessuudhaan akka walqabatu ibsuun, ogummaafi dhaweessummaan, maashiniifi tekinoolojiin, qusannaa nama dhuunfaafi mootummaan, faayinaansiifi liqii guddisuun, omishtummaa guddisuun, haaromeefi magaalomuun motoora olaanaa milkaa'ina karoora ofdanda'uu ta'uus hubachiisaniiru.
Kana gochuufis geggeessummaa hooggansa mootummaa Idaa'amu, humnoota waloo, badhaadhina maatiifi humna mootummaa sirna itti gaafatamummaa olaanaadhaan qindeessuudhaan hoogganuu irratti fuuleffachuu akka qabamu dhaamuun, karoora kana hojiirra oolchuudhaan sadarkaa maatiitti hiyyummaan kan hir'atu, itti fayyadamni maashinarii kan guddatu, haaromee kan qabaatuufi ce'umsa olaanaatti tarkaanfachuun sadarkaa dandamannaa guddisuuf hojjetamuu akka qabus eeraniiru.
Sadarkaa gandaatti humna bishaan bulchuufi itti fayyadamuu, damee hundaan induustiraalummaatti ce'uu, guddinni ogummaa, qusannaafi dandamannaan, annisaafi omishtummaan sadarkaa olaanaatti akka ce'u xiiqiifi kutannoo olaanaan hojjechuu kan gaafatu ta'uu dubbataniiru.
Pirezdaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaanitiin waggoottan shanan dhufan akka waggaa digdamii shaniitti hojjechuun imaanaa uummatni nutti kenne amanamummaan raawwachuuf hojjechuun murteessaa ta'uu himuun, karoorri ofdanda'uu bu'uurri isaa waadaa uummataaf galle ta'uus ibsaniiru.
Karooricha xiiqii olaanaadhaan raawwachuun ce'umsa hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uu eeruun, karoorri ofdanda'uu hirkattummaa gosa kamirraayyuu walaba ta'uun kabaja biyyaafi uummata keenyaa karaa guutuu ta'een kan ittiin dhugoomsinu waan ta'eef, amala salphistummaa keessaa bahuun xiyyeeffannaa olaanaan hoogganuu qabnas jedhaniiru.
Karoora kana raawwachuun waadaa uummataa kabajuun alatti dhimma sirna waaressuu waan ta'eef, abbaa karoorichaa kan ta'e hawaasa hirmaachisuun raawwi isaatiif tumsa walirraa hincitne taasisuu murteessa ta'u himuun, horata karoora xiiqii keessatti arganne karoora ofdanda'uun daran babal'isuun akkasumas qormaatilee turan maqsuuf xiyyeeffannaa addaan hojjechuun daraan barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru.