26/05/2026
Caamsaa,18/9/2018
Finfinnee
Manni Maree Ministirootaa yaa’ii idilee 55ffaa Guyyaa har’a wixinee Imaammata Biyyaalessaa Aangomsuu Dubartootaa fi Walqixxummaa Koorniyaa irratti gaggeesse.
===
Imaammatni kun kan qophaa’ee fi Mana Maree kanaaf kan dhiyaate waliigalteewwan walqixxummaa koorniyaa idil-addunyaa fi Itiyoophiyaan raggaasiftee, hundee wal-qixxummaa saalaaf xiyyeeffannoo gahaa kennuudhaaf, midhaa koorniyaa irratti hundaa’e sirnaa ittisuu fi deebii kennuuf, akkasumas dubartoota qaama miidhamtootaa fi dubartoota rakkoo adda addaatiif saaxilamoo ta’aniif deebii kennuudhaaf. Wixineen kun waliigalteewwan walqixxummaa koorniyaa idil-addunyaa fi Itiyoophiyaan raggaasifte waliin walsimsiisuun qophaa’ee Mana Maree kanaaf dhiyaateera. Manni Marichaa wixinee imaammataa kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda galteewwan dabaluu fi guyyaa Manni Marichaa raggaasise irraa eegalee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesse jira.