04/09/2026
******************************************
Harmeen Hayyuu, Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa USTAAZ Ahmaddiin Jabal, guyyaa har’aa gara ganda aakhiraa godaanan.
Rabii al-awwal 22/1448 Adaama Harmeen Hayyuu, Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, guyyaa har’aa gara ganda aakhiraa godaanan. Haadha goota, haadha nama beekaa fi nama ummata isaa tajaajiluuf of kenne addunyaaf gumaachite, Rabbiin rahmata isiif haa godhu; dilii isaani rabbiin haa araaramuuf, qabrii isii rabbiin haa ibsuuf, Jannata isaan haa qananiisu.
Ustaaz Ahmaddiin Jabal nama amantii fi sabaa isaa tajaajiluuf carraaqqii fi Qabsaawaa ture keessaa tokkoodha. Har’a immoo haati isaa addunyaa kana irraa gara Ganda Aakhiraa imaluun maatii, firoottan, hiriyyoota, akkasumas hawaasa bal’aa keessatti gadda guddaa uumee jira.
Dhaabbanni “ Aalam Media’n du’a haadha Hayyuu fi Gameessa Qabsaa’aa Amantii fi Sabaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal kanaan gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun; maatii, firoottan, akkasumas namoota isii jaalatan hundaaf jajjabina fi obsaa hawwa.
Innaa lillaahi wa innaa ileeyhi raaji’uun.
Sirna Awwalcha harmee Ustaaz Ahmediin Jabala jala buune haala hunda isin biraan kan geenyu taha aalam miidiyaa hordofaa.