Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu

Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu, Public swimming pool, Oromiyaa, Oregon City, OR.

Ergaa galateeffannaa            Caamsaa 27/208Ergaa galateeffannaa ajaaja waajjira   Poolisii Aanaa Madda Walaabuu Insp/...
06/04/2026

Ergaa galateeffannaa
Caamsaa 27/208

Ergaa galateeffannaa ajaaja waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu Insp/Geetuu Badhoo.

Godina Boorana Bahaa aanaa Madda walaabuutti Adeemsi fillannoo marsaa 7ffaa biyyoolleesaa bara 2018
Buufatale filannoo 34 hundeefaman
Hundaa keessatti bifaa nagaa ,tasgaabi fi Rakkoo nageenya tokko malee milkaa'inan xumuraameera.

Hawaasa bal'aa aanaa Madda walaabuu fi Uummani keenyaa qamoolee nageenyaa cinaa dhabbachuu fi nageenya keessan dhimaa dhunfaa godhaatani Waan egdaanif akkasumas gocha seeran allaa kammiyuu saxiluun Poolisii waliin ta'un gummacha guddaa wan gotaanif galaani keessan guddaadha jedhaniiru.

Sagaanta kana irratti Bulchaa aanaa Madda walaabuu obbo Abdulkariim Aadaam ,Itti gafaatamtu paartii badhadhinaa aanaa Madda walaabuu addee Ganaat Toleeraa fi bakka koree Qindeesittun aanaa hundii argamaanitti sagaantan galateeffaannaa rawwatame Jira.
Sagaanta kana irratti afeeran gara garaa tasifaame Jira.

Kana malees qamooleen nageenyaa hundii utubaa fi gachaana biyyaa keenyaa ta'un warooni nu Deegara turtan Poolisii idilee,milishaa gachaana sirna dargaggoota fi hojeetoota mootummaa sadarka sadarkaan jiran hundaa fi abbooti amaanta abbooti gadaa fi hadhooli sinqee,jarsooli biyyaa hundii keessan kan haftanire aduu fi rooba osoo hin jedhiin arsaa nageenya keessanif nu waliin kafaaltanif galatooma jedhaaniru .

mariin Gaggeeffame Caamsaa 26/2018Aanaa Madda walaabuutti Koree manaajimentii Waliin  Mariin Gaggeeffame.               ...
06/03/2026

mariin Gaggeeffame

Caamsaa 26/2018

Aanaa Madda walaabuutti Koree manaajimentii Waliin Mariin Gaggeeffame.


Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti haala nageenyaa aanaa keenyaa fi sochii dinaa, seelii dinaa hordafanii addaa baasuu maata duree jedhuun Koree manaajimentii waliin mariin gaggeeffame Jira.

Itti dabaluunis Marii kana irratti ijaarsi mana TPH gandoota baadiyaa Mal irra akka jiru gamaaggamani Qindoomina koree fi Miseensoota giduu jiru irrati mariiyatame jira.

Dhumaa irratti hoogana Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuu Insp.Geetuu Badhoo haala nageenyaa aanaa keenya beekaa deemuu fi nageenya hawaasa keenyaa eeguuf qamoolen nageenyaa aanaa keenyaa seelii dinaa hordafanii adda baasuu, daldala seeran allaa hordofun to'achuu, Ijaarsa maneenTPH gandoota irratti ciminan hojeechu akka qabnu fi Qindoomini koree fi Miseensoota giduu jiru cimee deemuu qaba jechuun kallaatti hojii gara fulduura ka'aani jiru.

Ergaa Baga Ayyaana  Iid Al Adahaa {Arafaa}  1447ffaa nagaan geessan Caamsaa 18/2018         Ajajaan Poolisii aanaa Madda...
05/26/2026

Ergaa Baga Ayyaana Iid Al Adahaa {Arafaa} 1447ffaa nagaan geessan

Caamsaa 18/2018

Ajajaan Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo Ayyaana Id Al Adahaa {Arafaa }waggaa 1447 Hordoftoota Amantaa Islaamaa Biyya keenyaa aanaa Keenyaa hundaan ergaa baga nagaan geessanii Dabarsanii Jiru.

Ayyaanni kun Ayyaana nagaa fi jaalalaa sinif haa ta'u jechuudhan Ajajaan Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo gammachuu fi jaalalaa Amantaa Islaamaaf qaban ibsatan.

Ayyaanna Gaarii.

Aanaa Madda walaabuutti Haala Qophii filaanoo Biyyaaleessaa marsaa 7ffaa bara 2018 Irratti mariin   Gaggeeffame         ...
05/21/2026

Aanaa Madda walaabuutti Haala Qophii filaanoo Biyyaaleessaa marsaa 7ffaa bara 2018 Irratti mariin Gaggeeffame

Caamsaa 13/2018

Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti haala qophii filaanoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa bara 2018 irratti Miseensoota Poolisii aanichaa waliin mariin gaggeeffame.

Marii kana irratti akkaata bakka buufata filaanoo irratti nageenya Uummaata keenya eguu danda'amu irratti Miseensoota Poolisii waliin bali'naan mariyatame jira.

Itti dabaluunis qaamni nageenya aanaa keenyaa Rakkoo nageenya hawaasa keenya maqsuuf qophii barbaachiisuu mara xumuruun hojiitti galuu akka qaban ajajaan waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo himanii jiru.

Aanaa Madda walaabuutti mariin koree manaajimentii Waliin Gaggeeffame.                  Caamsaa 10/2018Godina Boorana Ba...
05/18/2026

Aanaa Madda walaabuutti mariin koree manaajimentii Waliin Gaggeeffame.
Caamsaa 10/2018

Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuutti xiinxala haala yeroo maata duree jedhuun Koree manaajimentii waliin mariin gaggeeffame Jira.
Marii kana irratti xiinxala haala yeroo nageenya aanaa keenyaa fi galmee Poolisii, Qophii filaanoo, Ijaarsa mana TPH gandoota baadiyaa to,annoo daldala seeraan alaa fi namuusa hojii irratti mariiyatame.

Waltajjii kana kan gaggeesan hoogana Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuu Insp.Geetuu Badhoo yoo ta,an isaanis poolisiin keenya haala yeroo biyyaa keenya aanaa keenya beekaa deemuufi Ijaarsa maneenTPH gandoota irratti cimaani hojeechu akka qabani fi qophii filaanoof nageenya Uummaata keenya eguu fi daldala seeraan alaa hordofani to'achuu akka qaban jechuun kallaatti hojii gara fulduura ka'aani jiru.

Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti  Dhaabilee Eguumsaa mootummaa Fi mitti mootummaa Waliin Mariin Gaggeeffame....
04/30/2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti Dhaabilee Eguumsaa mootummaa Fi mitti mootummaa Waliin Mariin Gaggeeffame.

Ebla 22/2018

Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuutti Dhaabiileen eeguumsaa mootummaa Fi mitti mootummaa seektara 25f haala yeroo irratti hubbannoo ittisa yakkaa fi akkaata Eguumsa naannoo dabbalatte waajjiralee mootummaa Fi nageenya Magaalaa keenyaa itti egaan irratti baliinan mari'atame jira.

Mariicha irratti kan argaaman itti gafaatamaan kutaa ittisa yakkaa waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Isheetuu Magaarsaa Fi itti gafaatamaan Bulchiinsa fi nageenyaa aanaa madda walaabuu obbo Awaal Aliiyee argaamani jiru.

mariin gaggeeffame                  Ebla 20/2018Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuutti Mariin Ga...
04/28/2026

mariin gaggeeffame
Ebla 20/2018
Godina Boorana Bahaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuutti Mariin Gaggeeffame.

Aanaa Madda Walaabuutti Miseensoota Poolisii aanichaa waliin haala yeroo, nageenya aanaa keenya Fi qophii fillannoo wal qabaatu irratti mariin gaggeeffame.

Mariin kuniis bakka itti gafaatamaan Ku/ittisa yakka waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp.Isheetuu Magaarsaa argamaanitti gaggeeffame.

Itti dabaluunis qaamni nageenya aanaa keenyaa sodaa fi yaaddoo Nageenya hawaasa aanaa keenya eguuf qophii barbaachiisuu xumuruun hojiitti galuu akka qaban itti gafaatamaan kutaa ittisa yakkaa waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Isheetuu magaarsaa himanii jiru.

Bitootessa 11/2018 Godina boorana bahaa aanaa madda walaabuutti ayyaanni soomaa hiika  ( Eid  al-fitr )waggaa 1447  kara...
03/20/2026

Bitootessa 11/2018

Godina boorana bahaa aanaa madda walaabuutti ayyaanni soomaa hiika ( Eid al-fitr )waggaa 1447 karaa duudhaa amantichaa eegeen karaa nagahaatiin kabajamee xumuramee jira.

Erga Baga GeessaniBaga  Ayyaana Soomaa Hiika  (Eid al-Fitr)wagga 1447faa Geessan Ajajaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda Wa...
03/19/2026

Erga Baga Geessani

Baga Ayyaana Soomaa Hiika (Eid al-Fitr)wagga 1447faa Geessan Ajajaa Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu insp. Geetuu Badhoo.

Bitootessa 10/07/2018

Ajajaan Waajjira Poolisii Aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo Baga Ayyaana Soomaa Hiika (Eid al-Fitr)waggaa 1447ffaa nagaa fi gammachuun geessan jechuun gammachuu fi hawwii qaban ibsaniru.

Uummaata aanaa Madda walaabuu dabalaate hordooftoota amantaa islaamaa biyyaa keenya hundaa fi Miseensoota Poolisii aanaa keenya Milishaa farraa riphee lolaa raayyaa ittisa biyyaa keenya hundii baga geessan jedhaniru.

Hordoftoota amantaa islaamaa aanaa keenya fi biyya keenya hundii keessaanu yeroo ayyaana kana kabajuun akkaataa duudhaan amantichaa hayyaamutti kabajuu akka qaban himuun,bakka ayyaana kana kabajuuf sochoonuu kamittuu dhimmoota yakkaaf sababa ta'u danda'an irra of eeggannoo barbaachisuu hundii taasifamuu akka qabu himuun rakkoo sodaa yakkaa kan isin qunnamee yoo ta'ee qaama Nageenya isinitti dhiyoo jirutti Odeeffannoo akka kennitaan jedhaniiru.

Dabalaatanis Sirna kabajaa Ayyaana EID Al-faxir Waggaa 1447 ffaan akkaataa karaa nagaattin kabajamuu irratti mariin Miseensoota Poolisii aanaa keenya waliin mariin Gaggeeffameera.

Itti dabaluunis qaamni nageenya aanaa keenyaa sodaa fi yaaddoo Nageenya hawaasa keenya maqsuuf qophii barbaachiisuu mara xumuruun hojiitti galuu ajajaan waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo himanii jiru.

Ayyaana Gaarii

mariin Gaggeeffame.     Bitooteessa 08/2018Godina boorana bahaa aanaa Madda walaabuutiii mariin haala yeroo fi haala nag...
03/17/2026

mariin Gaggeeffame.

Bitooteessa 08/2018

Godina boorana bahaa aanaa Madda walaabuutiii mariin haala yeroo fi haala nageenya aanaa keenya, qophii filaanoo fi akkaata ayyaana soomaa hiika nagaan akka kabajamuu fi deegaarsa maatii Milishaan wal qabaatu irrattii mariin gaggeeffaame jira.

Aanichatti mariin kun haala yeroo fi akkaataa rakkoolee nageenya aanaa keenya fi dangaa keenya filaanoo, soomaa hiika kanaaf eguun danda'amurratti xiyyeeffatee kan gaggeeffaame yoo ta'u, mariichi caasaa mootummaa àanaa hanga gandaatti jiran kan hirmachise ta'u bulchaan aanaa Madda walaabuu obbo Abdulkariim Aadam dubbataniru.

Itti dabaluunis ajajaan Waajjira Poolisii aanaa Madda walaabuu Insp. Geetuu Badhoo qaamni nageenya aanaa keenyaa sodaa fi yaaddoo Nageenya hawaasa keenya maqsuuf qophii barbaachiisu gochuu akka qaban himanii jiru.

Address

Oromiyaa
Oregon City, OR

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kominikeeshinii Waajjira Poolisii Aanaa Madda Walaabuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share