30/12/2021
Baga Guyyaa seena qabeessa Amajjii 1, 2022n isin gahee!
Seenaa Adda Bilisummaa Oromoo fi Seenaa WBO akkasumas seenaa Qabsoo Oromoo keessatti Amajjiin 1 guyyaa dachaa dha. Tokkoon, guyyaa bara jijjiirraa Oromooti. Lammeessoon, guyyaa jaallan falmaa Bilisummaa irra jiran ,WBO ittiin yaadannu dha.
WBOn Bilisummaa Oromoo, Walabummaa sabichaaf akkasumas Birmadummaa Oromiyaaf falmaa gaggeessa. Jiruufi jireenyaa itti dhabeeti falmaa hadhaawaa gaggeessuun lubbuu tokkitti qabu uummata ofiif kennee falmaa gaggeessa. Kanaaf, guyyaa seena qabeessi Kun kan WBOn itti yaadatamu ta'e. Kanaaf guyyaa Amajjii 1 Guyyaa WBOti Jenna.
Gaafa Amajjiin dhufu Waraana Bilisummaa Oromoo Isa Oromoof beelaafi dheebuun gammoojjii fi baddaa keessa uumamaafi diina waliin qabsoo gaggeessutu fuula dura nu dhufa. Gaafa WBO yaadannu jaallan qabsoo haqaa osoo gaggeessaa kufan yaadanna. Yommuu jaallan wareegaman yaadannu ammoo kaayyoo isaan kufaniif galmaan gahuuf irbuu keenya haaromsanna.
Kanaaf, guyyaa seena qabeessa irbuu keenya itti haaromsannuun baga isin gahe!
Barri Kun bara Xumura gabrummaa nuuf haa tahuu jecha jaalan dirree qabsoo jiranii fi Qeerroo bilisummaa oromoo hundan baga guyyaa Amajjii 1 geessan!
IUOf!