13/10/2022
KFOn murtee dhimma daangaa Finfinnee fi Oromiyaa mootummaan gidduu darbe dabarse ilaalchisee, sababaa fi ragaadhan erga turee booda Ibsa bal’aa kana baasee jira. Itti dhiyaadhaa, qalbifadhaa!
"Waliigalteen Daangaa Finfinnee Sararuuf Dhiheenya Kana Godhame Dantaafi Gaafii Ummata Oromoo Kan Hin Kabachiifne Waan Taéef Fudhatama Hin Qabu!"
Dhimma Daangaa Magaalaa Finfinnee Ilaalchisee Ibsa Ijjannoo Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Irraa Kenname
Magaalli Finfinnee magaalaa guddittii Mootummaa Naanno Oromiyaa fi handhuura Oromoo yoo taatu akka teessoo Mootummaa Federaala Itoopiyaa fi wiirtuu diipiloomaasii Afrikkaatti tajaajilaa jirti. Magaali kuni erga dhuma jaarraa 19ffaa keessa bara bulchiinsa Atsee Minilik 2ffa weeraraan jiraattota Oromoo buqqisuun ijaaramtee asitti, Oromoota naannawa ishee jiraatan jiruu hawaas diinagdee isaanii diiguun, afaani fi aadaa isaanii balleessaa hanga haráatti daangaa beekkamaa tokko malee babaláchaa jirti.
Dhimmi abbumaaa magaalaa Finfinnee gaafilee ijoo ummata Oromoo bara dheeraa akka teés ni beekkama. Ummanni Oromoo baroota dheeraaf abbumaan magaalicha irratti qabu guutummaan akka mirkanaayu, magaalaaniis addaa afaanifi hawaas diinagdee Oromoota ishee fi naannawa ishee jiraatan akka hin balleesine; buáa guddina magaalichaa haala haqa qabeessa taéen akka qooddatu; faalamni naannoo guddina magaalichaa waliin walqabatee dhufe akka tooátamuufii dandamatu;ummani Oromoo seeran ala buqqifames akka deebié ijaaramu gaafachaa turee jira. Haataú malee gaafiin kuni mootummoota dhufaa dabraa biyyattiitiin deebii gahaa otuu hin argatin hará irra gahee jira.
Dhiheenya kana Bulchiinsi Godina Addaa Naannawa Finfinneetifii Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waltaúun dhimma daangaa isaan jidduu jiru jedhanii yaadan irratti ibsa kennanii turan. Ibsa kana keessatti bulchinsi lamaanuu waloon koree teekiniikaa hundeessuun akkaataa uumama Finfinnee, guddina ishee fi miidhaa uummata Oromoo irraan gahamaa ture akka qorachiisanii fi bu’aa qorannoo kana irra dhaabbachuun murtii akka kennan eeranii jiru.
Akkaataa kanaanis Magaalaan Finfinnee weeraraan uumauu ishee, uummata Oromoo lafa isaanii irraa buqqisuu, seeraan ala gara Naannoo Oromiyatti babal’achuu ishee erga amananii booda, Magaalaan Finfinnee seeraan ala gara Oromiyaatti Heektaara 11,000 (kuma kudha tokko) qofa waan bal’atteef Heektaara 54,000 (kuma shantamii afur) irraa hir’isuun bal’ina Magaalaa Finfinnee Heektaara 43,000 (kuma afurtamii sadii) akka ta’etti beekamtii kennuun murtii seenaa dogoggora uummata Oromoo irratti raawwatanii jiru.
Murtiin siyaasaa argannoo koree teeknikaa faallessuun kenname kuni kan gaafii buúra ummataa deebisu otuu hin taín kan burjaajii uumufii babaldhifannaa seeraan alaa waggootaaf gaggeefamaa ture beekamtii kennuun golgaa seerummaa uwwisuuf kaayyefameedha waan taéef Kongirasiin Federaalawa Oromoo(KFO)n cimsee balaaleffata.
Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFOn) gama isaatiin dhimma seerummaa babaláchuu daangaa Magaalaa Finfinne, miidhaa babaláchuun kuni barootaaf ummata Oromoo irraan gahaa ture, gaafiilee buúuraa ummanni Oromoo magaalicha irratti qabuu, fi hariiroo Mootummaa Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Addaa Naannawa Finfinneeti fi Bulchinsa Magaalaa Finfinnee jidduu jiraachuu qabu illaalchisee koree ijaaree qorannoo baldhaa mataa isaatiin gaggeesee jira.
Haaluma knaan ragaalee barreeffamootaa,qorannoowwan dhimmicha irratti yeroo adda addaatti gaggeefaman labsiiwwaan, wixineewwaan maasteer pilaanii yeroo adda addaa, Chaartara Mootummaa yeroo ce’umsaa bara 1991,Heera Mootummaa FDRI, Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Chaarteera Bulchinsa Magaalaa Finfinnee,Maappiwwan Arch GIS Magaalaa Finfinnee fi kkf. akkasumas qabatama lafa urra jiru irratti bu’uureffachuun qorannoo isaa gaggeessee jira. Bu’uuruma kanaan gochaawwan raawwatwman, seera qabeesummaa isaanii fi miidhaa isaan uummata Oromoo irraan gahaniitiin argannoowwan gurguddoo bira gahuun yaada furmaataa isaanii wajjin akka armaan gaditti ibsa.
Gochaawwan Raawwataman:-
****
1/Bara 1880 dura Oromiyaa fi Magaalaa Finfinneen tokko ta’uu isaanii;Magaalli Finfinnee weeraraa bara 1880-1900 keessatti kan uumamuu yaalamte ta’uu ishee;
2/Mootummaan Miniliki akka kaampii waraanaatti itti fayyadamuu isaarra darbee Magaali Finfinnee Heektaara meeqa akka bal’attu kan hin ibsinee ta’uu;
3/Mootummaan Hayilessillaasee yeroo lama master pilaanii hojjechiisuyyuu bara 1961 tti magaalli Finfinnee Heektaara 21,800 akka bal’attu kaa’ee turuusaa;
4/Akkasumas, mootummaan Dargii yeroo lama maasteeri pilaanii Magaalaa Finfinnee yeroo hojjechiisuu bal’inni Magaalichaa Heektaara 22,200 ta’uu ishee ibsuu fi,
5/Mootummaan Adda Diimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) immoo battaluma tokkoon gandoota baadiyyaa Oromiyaa 23 gara magaalaa Finfinnee makuun bal’ina Magaalichaa Heektaara 54,000 tiin gahuu isaa hubatameera.
B. Seera Qabeesumma Gochaaawwan Kunneenii:-
*****
1/Mootummaa Miniliki, Hayilesillaasee fi Dargii ta’aniis yeroo babal’ina lafaa Bulchinsa Magaalaa Finfinnee raawwatan uummata Oromoos ta’ee bulchitoota yeroo sanii kan hin mariisifnee fi waliigalteen kan hin jirree yoo ta’u aangahoonni ol’aanoo mootummaawwan sanii qofti irratti waliigaluun lafa Magaalaa Finfinnee akka babal’isaa turan hubatameera.
2/Mootummaaan Adda Diimookiraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) dhimma Magaalaa Finfinnee irratti marii gaggeessuun bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 22,200 ta’uu ishee amanuun, dabalataniis, haandhuura Naannoo Oromiyaa keessatti argamuu ishee fudhachuun, Magaalaa Finfinnee irratti faayidaan addaa akka uummata Oromoo tiif eeggamuu danda’u Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) jalatti tumeera. Haata’u malee, mootummaan kunis, raawwiif akka toluutti yaada dhimma heera mootummaa labsiidhaan deeggaruun hafee seeraan ala humna isaatiin uummata Oromoo tuffachuun lafa heektaara 31,800 gandoota baadiyyaa Oromiyaa 23 irraa gara Magaalaa Finfinneetti kutuun bal’ina ishee gara Heektaara 54,000tti kaasee ture.
3/Mootummaan Paartii Badhaadhinaas koree teekiniikaa hundeessee yeroo dhimmicha qorachiisetti babal’inni magaalichaa yeroo chaarteeraa asi (Heektaara 22,200 ala) taasifame seeraan ala ta’uu isaa mirkaneesse, aangahoon siyaasaa garuu faallaa gabaasa koree teekiniikichaatiin bal’inni magaalichaa heektaara 43,000 jechuun murtii siyaasaa kan itti kenne ta’uunsaa hubatameera.
Miidhaa Murtee Aangawoota Siyaasaan Uummata Oromoo irra Gahe:-
*****
Uummanni Oromoo eegaluu uumama Magaalaa Finfinnee irraaa eegalee haga ammatti qee’ee isarraa buqqaafameera, aadaa fi afaan isaa akka badu yaalameera, iddoo tokko tokkootti immoo sanyiin maatii tokkoo akka badu gochuun, gochaawwaan yakkaa mirga namoomaa kan irratti raawwatame ta’uunsaa sirriitti hubatameera.
Uummanni Oromoo qee’ee isaarratti orma ta’uun mirga aangoo siyaasaa Finfinnee irraaa qabu mulqamee jiraachuunsaa hubatameera.
Uummanni Oromoo qee’ee isaarratti qabeenya horatee abboomuunsaa hafee, lafa isarraa yeroo yeroon buqaafamuun, hiyyummaa jalatti akka kufu ta’ee, inni dhiiraa waardiyyaa ishiin dubartii immoo hojjettuu manaa warra lafa isaanii irraa isaan buqqaasee ta’uun jireenya gadadoo keessa akka jiraatan dirqamuun isaanii beekameera.
Keesumaa warri buqqa’anii asii baqatanis ta’ee duraanuu qarqara laga Aqaaqi Basaqaa jiraatan dhangala’oon keemikaalaoota warshaalee warra isaan buqqisaniin naannoo isaanii faaluun, beellada isaanii irrattis ta’ee namoota achi jiraatanirratti dhibee hinbeekamnee fi qoricha hinqabneen miidhamaa jiraachuun isaanii hubatameera.
Uummanni Oromoo dhimmoota kanneen mormuuf baroota adda addaa yoo manaa bahan carraan isaan eeggatu ajjeefamuu fi hidhamuun kan turee fi keesumaa mormii Oromoo guddichaa dhimma maasteer pilaanii bara 2006 hanga bara 2010 gaggeeffameen jaarsafi jaartii, beekaafi wallaalaa, dureessafi hiyyeessa, daa’imaafi gaheessa osoo hin jedhiin namootni lakkoofsaan 5000 ol ta’an itti wareegamanii, kuma dhibbaatamaan kan lakkawwaman ammoo mana hidhaatti guuramaniiru; miiliyoonotaan immoo qee’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Koongireesii Feederaalawaa Oromoo (KFO)nis dhimma kanarratti yeroo fudhatee gadifageenyaan erga mariyatee booda, ibsa ejjannoo qabxiilee armaan gadii of-keessaa qabu baaseera.
1).Magaalaan Finfinnee magaalaa guddittiifi handhuura Oromiyaati. Kanaafuu Magaala Finfinnee ilaalchisee gaafiin ummata Oromoo mirga abbaa biyyummaa taée utuu jiru gara gaafii daangatti gadi buufamee ilaallamuun isaa kan fudhatama hin qabneedha.
2).Akka qaama Oromiyaatti Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefii Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jidduu daangaan jiraachuun yoo barbaachise daangaa bulchiisaa seeraan beekkamtii qabu kan bara 1991-92 yeroo Mootummaa Ce’umsaa jiru dha. Babaldhifannaan daangaa yeroo sanan asi godhame hundi kan seeraan alaati. Haaluma kanaan Kongireesiin Feederaalawaa Oromoo (KFO)n hanga sirni feederaalawaa cimee jiruttii Magaalli Finfinnee Magaalaa guddoo Naannoo Oromiyaa fi magaalaa gudditti teessoo mootummaa federaalaa ta’eetti bal’inni magaalichaa isa ennaa Heerri Mootummaa FDRI’tiin mirkanaahee jiruu Heektaara 22,200 tti akka deebi’u jabeessee gaafata.
3).Mootummaan ADWUI yeroo Mootummaa Ce’umsaa Chaartera keessatti fi Heera Mootummaa FDRI keessatti marii gaggeeffameen bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 22,200 ta’uu isaa hubatefi heeraan deeggaree osoo jiruu, Bulchinsi Magaalaa Finfinnee fi Bulchhinsi Gidina Addaa Naannawa Finfinnee waloon bal’inni Magaalaa Finfinnee Heektaara 43,000 akka ta’etti murtee kennuun isaanii babaldhifannaa seeran alaatif beekamtii kennuu waan taéef Koongireesiin Feederaalawaa Oromoo (KFO)n jabeessee ni morma.
4).Bulchiinsi lamaanuu faalla heera mootummmaatiin gaafii lammileen Oromoo gatii lubbuu hedduu itti kafale cinatti gatuun lafa akka gurgurtaaf isaanii tolutti asii achi kutuun gaaffii Uummata Oromoo akka deebisanitti Uummata Oromoo irratti baacuun tuffii uummata Oromootiif qaban agarsiisa waan ta’eef gochaan kun attattamaan akka dhaabbatu cimsee gaafata. Waliigalteen daangaa ilaachisee bulchiinsa lamaan jidduu godhame kunis hojitti akka hin hiikkamne gaafata.
5).Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) jalatti Finfinneen handhuura Oromiyaa keessatti waan argamtuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma dhiyeessa tajaajilaa, itti fayyadama qabeenya uumamaa, haala bulchiinsa lamaanuu walitti guduunfu irratti faayidaan addaa Oromiyaaf malu akka eeggamu jechuun tumee jira. Haata’u malee hanga ammaattuu labsiin bahe irratti hunda’ee mirgi kun eegamuufii dhabuun Dh.D.U.On kaleessa ta’ee Paartiin Badhaadhinni har’aa mirga uummata Oromoo dabarsanii kennuu malee eegsisuu akka hindandeenyee fi fedhii akka hinqabne uummata Oromootiif mirkaneessaniiru.
6).Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirga siyaassaa, diinagdee fi hawwaasummaa uummanni Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa qaban hunda akkaataa Heera Mootummaa FDRI keeyyeta 49(5) tiin kabachiisuufii akka qabu KFOn ni hubachiisa.
7).KFOn mootummaan fedaraalaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti uummanni Oromoo teessoo addaa isaan malu argatu; bulchiinsi lamaanuu waloon haala galii walitti qabuu danda’anii, kiraa bishaanii Oromiyaa irraa argamuu, galii mirga abba qabeenyummaa (royalty) albuudaalee adda adaa, mala miidhaa faalamni naannoo balfa industirii fi manneen keessa bahan fidan ittisamuu danda’anii ; miidhaa hanga ammaa gaheef beenyaa isaaniif malu argachuu danda’aniifi akkaataa manca’inni naannoo bakkatti deedbi’uu danda’amuu irratti attattamaan Labsii akka baasu ni gaafata.
😎.Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee waggootii 28 darbaan guutuu faayidaa uummanni Oromoo argachuu qabu dhorkachuun gocha faallaa heera mootummaa FDRI ti waan ta’eef attatamaan ogeessoota gahumsa qabaniin dhimmicha erga qorachiisee booda beenyaa waggoota 28 dhala isaa waliin uummata Oromootiif akka kaffalu KFOn cimsee gaafata.
9).KFOn bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti Afaan Oromoo Afaan Amaaraa wal cina afaan hojii bulchiinsa magaalichaa akka ta’uu qabu cimsee ni gaafata.
10).Sababa babali’ina magaalichaan warri qee’ee isaanii manca’e, warri miidhaan diinagdees ta’ee hawwaasummaa irra gahamee fi warra wardiyyaa fi hojjettuu manaa weerartoota isaanii ta’an attattamaan erga qoratamanii booda bulchinsi Magaalaa Finfinnee beenya gahaa kaffaluufiin magaalicha keessatti bifa deebi’anii dandamatan akka uumamuuf KFOn akeekkachiisa.
Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Onkoloolessa 3, 2015 ALI