27/11/2021
?
Gaafa kan harki dhiigaa
Fakkeeffamu qulqulluu
Gaafa sobni dhiita'u
Akka gaarreniif tulluu
Bara sobni wal horee
Ulfi haqaa gatate
Bara daangaan kijibaa
Addunyaatti bal'ate
Yeroo tafkiin qaxxisee
Geergoon utaaluu yaalu
Yeroo beekaan callisee
Doofaan qe'ee nu dhaalu
Yeroo gareen sobdootaa
Samii keessa utaalu
Yeroo falmataan haqaa
Qoleedhaan lafa laalu
Yeroo harreen bookkisee
Sangaan immoo caraanu
Yeroo qarri dachaanaan
Doomaan nama waraanu
Yeroo qamadii qonnaan
Hingirdaadi biqilu
Yeroo murni xixiqqaan
Abbaa biyyaa fincilu
Yeroo gabroomsaan horee
Qe'ee namaarra yaasu
Yeroo garbichi quufee
Gooftaatti mataa raasu
Eessa jirta yaa dhugaa?
Mee gaaffii si gaafadhuu?
Keessookoo sa bokokse
Afaan saaqee baafadhuu?
Gadheen labata keenya
Akka garbuu hin haamnee?
Harka lafa jalaatiin
Qabeenya keenyan saamnee?
Yeeyyiin gogaanshee hoolaa
Saba nagaattin duullee?
Shira 'Araara' jedhuun
Reeffa walirran tuullee?
Abukaattoowwan dhugaa
Gootota hedduun dhabnee?
Qoleen saba garraamii
Wanjoo diinaan hin cabnee?
Cilee gurraacha dibee
Seenaa keenyaan haguugnee?
Saba Gadaadhaan bulu
Gadoodhaan hin daguugnee?
Funcaa dachaa sagaliin
Qeerroof qarree hin hiinee?
Hirreedhaan nu hacuuccee
Afaan qawween nun miinee?
Kan boriif abdataman
Qileetti hin darbamnee?
Daa'imman abdiin biyyaa
Mirgisaa hin sarbamnee?
Dhugaa sobaan haalanii
Nun goonee saamtuu baankii
Lafarraa nu haxaahuuf
Hin fidnee jeettiif taankii?
Nutoo akkasiin jirraa!
Kumaatama awwaallee
Eessa jirta? yaa dhugaa!
Bakka jirtu wallaalle
πππππ
βοΈβοΈ