09/01/2024
BAATUU
Magaala Baatuutti gareen supperviizyinii magaalota garagaraa irraa dhufan kan Kantiibaa Bul.Magaala Amboo Ob.Haacaaluu Gammachuu tiin duurfamu hojiiwwan misooma garagaraa magaalichatti hojjatamaa turanii fi hojjatamaa jiru qabiinsa ragaalee sadarkaa waajjira irraa jalqabanii dawwatanii jiru.
Hojiiwwan misooma dawwatan gurguddoon Kilaastara Lukkuu, Kilaastara Dammaa,Kilaastara Qurxummii, Kilaastara Horii Aannaniif Walitti hidhamiinsa Kilinikaa Beeyladaa cinaa jiru, Maaddii Guutuu, Maashinii Nyaata beeyladaa Daakuu, Manneen/Reezoortii Qarqaraa hara Dambal irraa jiru,Manneen Barnoota Buβuura Boruu,Carraalee Hojii Uumaman, Xiyyeeffannoo Bul.Magaala Kuduraaf Muduraaf Buβaa Beeyladaa akkasumas Qurxummii iddoo Greenery daandii gurraacha biratti tolfametti galchuun Imaltootni Magaala keenya qaxxaamuran waan barbaadan osoo fagoo hin deemne cinatti akkaa argatan taasisu, Magaarisummaa bareeddumma jidduu daandii Magaala(Meediyaa Greenery), Plaanii Qajeela Magaala keessa deddeemu, Kooblistooni,Proojektii Giddu-galaa Gabayaa Kuduraaf Muduraa Dhaabbatni Agricultural Transformational Institute(ATI) hojjataa jiru, Toofta Inisheetivii Qonnaa Milkeessuuf(Hirmaanna Uummataa, Dhaabbilee mit-mootummaa, Aabbootii Qabeenyaf Bulchiinsi Magaala Proojektii itti qabachuun) hojjachaa jiran fi kkf.
Hojiin misooma gurguddoo magaala Baatuu keessatti hojjatamaa jiran Badhaadhinna hunda galeessa mirkaneessu keessatti, Magaalli Baatuu Magaalota Ulaaga SMART CITY haala qabatamaa lafa isheetiin guutan fi Magaala Itoophiyaaf Oromiyaan keessatti karoora qabatan akkaa taatu agarsiiftu guddaa akka jiru mirkaneessanii jiru.
Dabalataan Dilbii Magaalan tun qabduu keessumattu Agricultural transformation carraa Haro-Dambalitti fayyadamuun qophaaβummaa sammuuf kutannoo hoggantoota magaala sadarkaan jiraniif hubannaaf hordoffii uummata Magaala jiru ajaaβibsiisun Daawwii isaanii ana wajjiin GALATOOMI/ THANK YOU/ α αα°αααβn xumuranii jiru.
Carraan Baldhaan ni Jiraata!! Nagaa Magaala Keenya eeggachaa; Oromiyaaf Itoophiyaa tikfaacha misooma nuti dhiyaate kana ofiis dhaloota nu duuba jirus yaa dhandhamsiifnu jenna.
Bultii gaarii !!!