Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu

Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu

25/04/2026
23/04/2026
     šŸ‘‰Himatamaan bu’aa Boba’aa Beenzila seeraan alaa geejjibuun himatame hidhaa cimaa fi maallaqaan adabame  (Ebla 15/20...
23/04/2026


šŸ‘‰Himatamaan bu’aa Boba’aa Beenzila seeraan alaa geejjibuun himatame hidhaa cimaa fi maallaqaan adabame
(Ebla 15/2018,Baatuu)
⭐Himatamaa Abdii Reediwaan Muhaammad jedhamu konkolaachisaa ta’ee sanada seera qabeessa dhimma fe’ee geejjibaa jiruun walqabatu osoo harkatti hin qabatin gaafa guyyaa 07/05/2018 halkan keesssaa tilmaama sa’aa 9:00 yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Ganda Aabinee iddoo addaa daandii saffisaa jedhamee beekamutti konkolaataa fe’uumsaa ā€œIsuzuā€ lak.gabatee 3-B39326 AA ta’een bu’aa boba’aa beenzila roottoo 28 ( liitira 6,400) kan qarshii 827,136(kuma dhibba saddeetiif kuma digdamii torbaa fi dhibba tokkoof soddomii jaha) ta’e fe’ee kallattii Magaalaa Finfinnee irraa gara magaalaa Baatuu osoo konkolaachisu to’atamee dhimmi isaa garee qorannaa Qajeelcha Poolisii fi Abbaa Alangaa Magaalaa Baatuun erga qulqullaa’ee booda himatamaan ragaa seera qabeessa osoo hin qabaatin geejjibaa turuun waan adda baheef labsii Bittaa fi Gurgurtaa Bu’aalee Boba’aa lak 1363/2017 kew.25(5) jalatti himanni hundaa’ee dhiyaachun falmii irra kan ture yoo ta’u,ragaan Abbaa Alangaas akkaatuma himannaan kan irratti mirkaneessanii fi himatamaanis waan of irraa hin ittisneef Manni Murtichaa dhaddacha gaafa guyyaa 14/08/2018 oolen hidhaa cimaa waggaa 2f Baatii 3 fi Qarshii 350,000(kuma dhibba sadii fi kuma shantamaa)’n akka adabamu murteessee jira.
šŸ„‡Adabbiin kenname akka raawwatuu fi ciraan qabame Beenzilli gurguramee Qarshiin 827,136 mootummaan akka dhaalamu(mootummaaf galii akka ta’u) ajajni darbee jira.
šŸ‘ŒKanaaf,Badhaadhina hin malle argachuuf hojiin seeraan alaa raawwatamu guddina biyyaa irratti gufuu kan ta’uu fi qaala’iinsa jireenyaa kan hammeessu ta’uu beektanii hojii seeraan alaa irraa of qusachuun qaama hojii seeraan alaa raawwatu yoo jiraate immoo akkuma kanaan duraa qaamolee nageenyaa fi haqaatti eeruu kennuun akkasumas ragaa bahuun hojii seeraan alaa raawwatamu waliin taanee akka ittifnun dhaamsa Keenya

17/04/2026
                        šŸ‘‰Falmii yakkaa daldala seeraan alaa (Boba’aa seeraan Ala geejjibsiisuu) Abbaa Alangaa Bulchiinsa...
17/04/2026



šŸ‘‰Falmii yakkaa daldala seeraan alaa (Boba’aa seeraan Ala geejjibsiisuu) Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu fi himatamaa Muddiin Kadiir Radii ilaalchisee himatamaan kun gaafa gaafa guyyaa 07/05/2018 halkan keessaa tilmaaman sa’aa 9:00 yoo ta’u,Bulchiinsa Magaalaa Baatuu Ganda Battallee iddoo addaa ā€œnaannoo kaffaltiin daandii saffisaa itti gaggeeffamuttiā€ konkolaataa ā€˜ISUZUā€LAK.Gabatee 3-39509 AA ta’een bu’aa boba;aa beenzila roottoo 27(digdamii torba) kan liitira 5,940 ta’u tilmaamni gatii isaa 767,685.60(kuma dhibba torbaaf kuma jahaatamii torbaa fi dhibba jahaaf saddeettamii shanii fi saantima jaha) ta’e ragaa seera qabeessa osoo hin qabaatin kallattii Magaalaa Finfinnee irraa gara Baatuutti osoo geejjibsiisu to’atamuun dhimmi isaa erga garee qorannaatiin qulqullaa’ee booda Abbaa Alangaa himannaa saaquun dhimmicha irratti falmisiisaa erga tureen dhaddacha gaafa 09/08/2018 oolen keewwatuma jalatti himatame labsii Boba’aa lak.1363/2017 kewwata 25(5) jalatti hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 3 fi Adabbii Maallaqaa Qar.300,000 (kuma dhibba sadii) akka adabamu Akka Adabamuu fi Maallaqni Boba'a seeraan alaa geejjibsiifama ture itti gurgurame qar. 767,685.60 dhaalamee Mootummaaf galii akka ta'u Murteesse jira. murteessee jira.
šŸ‘‰miidhaa daldalli seeraan alaa Diinagdee biyyaa irraan gahu, akkasumas miidhaa yakka raawwachuun mootummaaf hawaasa irraan gahu hubatamee yakka raawwachuu irraa akka of qusannu, bakka yakki raawwatetti immoo eeruu kennuun yakka waliin taanee akka ittisnu dhaamsa keenya dabarsina.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa guyyaa har'aa gaafa 24/7/2018 Wixinee labsii Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa, Lab...
02/04/2026

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa guyyaa har'aa gaafa 24/7/2018 Wixinee labsii Seera Adeemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa, Labsii Lakk.1410/2018 jedhamuun yaamamu mirkaneesse jira.

Gurraandhala 28,2018   .  . =======//=========          'n=========//============šŸ‘‰Waajjirri AA Bul.Mag.Baatuu gaafa guyy...
07/03/2026

Gurraandhala 28,2018
. .
=======//=========
'n
=========//============
šŸ‘‰Waajjirri AA Bul.Mag.Baatuu gaafa guyyaa 28/6/2018 tti yakkoota wal qabatee jiru irratti Garee Qorannoo Yakkaa Qajeelcha Poolisii, W/ra Daldalaa fi Galii Mag. Baatuu wajjiin Daldaltoota Hojii Daldalaa garagaraa irratti bobba'anii hojjachaa turan kanneen iddoo hojii Daldalaa isaanii keessatti gatii meeshaalee Daldalaa iddoo ifaa ta'eetti osoo hin maxxansin hojii Daldalaa gaggeessa turani fi Meeshaalee gurgurtaa irratti gatii daballii taasisanii hojii Daldalaa seeraan alaa gaggeessa turan labsii 813/2006 kwt.15(1) fi 43(6) jalatti himatamtoota baay'inni isaani 44 ta'e Galmee 44'n irratti himannaa hundeesse Galmeen 44 'n (Murtee battalaa) kan argatan yoo ta'u Manni Murtii haalaa Raawwii fi ulfatina yakkichaa akkasumas Madda galii himatamtoota giddugaleessa godhachuun tokkon tokkoon himatamtoota Adabbii Maallaqaa Qar. 5000 hanga 5,500 fi Adabbii Hidhaa salphaa ji'a 3 hanga ji'a 4 tin akka adabaman taasifameera.

Address

Ziway

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjiira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu:

Share