Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa, Government Organization, Woliso.

Mariin Dhimmootaa fi Seeroota Falmisiisoo Irratti Gaggeeffame.====================Bitootessa 26,bara 2018.[Mana Murtii O...
04/04/2026

Mariin Dhimmootaa fi Seeroota Falmisiisoo Irratti Gaggeeffame.
====================
Bitootessa 26,bara 2018.[Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Mariin Dhimmootaa fi Seeroota Falmisiisoo Gaggeeffame.Mariin kun bakka Abbootiin Seeraa Manneen Murtii sadarkaa lamaanii godinichaa heddu argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, ka’uumsa mariitiifis dhiyeessin barreeffamaa karaa qindeessaa KTAS MMO Godinichaa kabajamoo Obboo Mo’ataa Leenjisaatiin dhiyaatee irratti mariyatameera . Goolaba waltajjii marii kanaas guduunfaa pireezdantii MMO kabajamoo Obboo Leencoo Cammaraa taasisaniin xumurameeera.
=======
Kumonikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 26/2018
Walisoo .

Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaa Gaggeeffame .-------------------Bitoote...
03/04/2026

Gamaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaa Gaggeeffame .
-------------------
Bitootessa 25,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Gamaggamni raawwii hojii kurmaana 3ffaa Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaa gaggeeffame. Gamaggamni raawwii hojii kun bakka miseensonnii Koree bulchiinsa Mana Murtii Ol’aanaa ,pireezdantoonnii Manneen Murtii Aanaalee hundi fi gaggeessitoonnii garee Manneen Murtii Aanaalee hundi argamanitti haasaa baniinsaa kabajamoo pireezdantii Mana Murtii Ol’aanaa Godinichaa obboo Leencoo Cammmaraa taasisaniin kan eegale yoo ta’u itti fufeetis pireezdantoonnii Manneen Murtii Aanaalee gabaasa erga dhiyeessanii booda cuunfaan duubdeebii gabaasa Manneen Murtii Aanaalee koree gabaasa gamaggameen kenname karaa Pireezdantii MMO Godinichaa kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraatiin dhiyaatee irratti mariyatameera.Goolaba irrattis gabaasa dhiyaate irratti gaafilee fi yaada hirmaattotaan dhiyaateef deebii , guduunfaa fi kallattiin fuulduraa kennamee waltajjichi goolabameera .
===========
Komunikeeshinii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa .
Bitootessa 25/2018
Walisoo

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee ...
29/03/2026

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Walisoo Gaggeeffame.
=======================
Bitootessa 20,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Walisoo Gaggeeffame.Mariin xinaalaa kun gaafa guyyaa 19/7/2018 bakka kabajamoo pireezdantii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraa argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u , marii kana irrattis Abbootiin seeraa Manneen Murtii kilaastarichaa fi hooggantoonni sadarkaan jiranis argamaniiru .Xinxaallii kunis
Xinxaallii karaa Abbootii Seeraa kabajamoo Obboo Kennaa Daammanaa fi Kabajamoo Obboo Dabalaa Shibbiruu n kan dhiyaate ytoo ta’u dhiyeessii kana irrattis mariin baldhaan erga taasifamee booda gudunfaa fi kallattiin fuuladuraas kennamee waltajjichi goolbamaeera.
===========
Komunikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 20/2018
Walisoo

Beeksisa Qacarrii Ogeeyyii.
25/03/2026

Beeksisa Qacarrii Ogeeyyii.

Eid Mubarak! Baga Ayyaana Eid Al Fixrii Nagayaan Geessan!================= Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lix...
20/03/2026

Eid Mubarak!
Baga Ayyaana Eid Al Fixrii Nagayaan Geessan!
=================
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Ayyaana Eid Al Fixrii Sababeeffachuun Hordoftoota Amantaa Muslimaa Maraan Baga Eid Al Fixrii Waggaa 1447ffaa Nagayaan Geessan Jechaa Ayyaanichi Kan Gammachuu, Kan Jaalalaa, Kan Milkaa'inaa Fi Kan Obbolummaan Itti Cimu Akka Isiniif Ta'u Hawwii Qabu Ibsaa .
=========
Irra Deebiin Baga Ittiin Isin Gahe.
Ayyaana Gaarii!

Guyyaa Kabaja Ayyaana Dubartoota Addunyaa==============Waltajjiin kabaja ayyaanaa kun bakka hawaasni Mana Murtichaa hedd...
16/03/2026

Guyyaa Kabaja Ayyaana Dubartoota Addunyaa
==============
Waltajjiin kabaja ayyaanaa kun bakka hawaasni Mana Murtichaa heddu fi hojjattoonni dubartootaa Mana Murtichaa hundi argamanitti haasaa baniinsaa karaa pireezdantii Mana Murtii Ol’aana Godinichaa kabajamoo Obboo Leencoo Cammaraa taasisaniin kan baname yoo ta’u , waltajjii kana irrattis barreeffamni marii guyyaa ayyaanaa dubartootaatiin wal qabatu karaa dursaa garee koorniyaa fi haqa daa’immanii kabajamoo obbo Gaarummaa Fiqaaduutiin dhiyaatee irratti mariyatameera .Goolaba irrattis gaafilee fi yaadota hirmaattota irraa ka’e irrati deebii fi guduunfaan karaa kabajamoo pireezdantiin kennamee waltajjichi golabameera .
================
Komunikeeshinii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 7/2018
Walisoo .

Mariin Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Gaggeeffame ============Bitootessa 4,bara 2018. [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Sh...
13/03/2026

Mariin Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Gaggeeffame
============
Bitootessa 4,bara 2018. [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Mariin Sagantaa Fooyya’iinsa Sirna Haqaa Gaggeeffame .Mariin kun bakka Miseensonni koree saganta fooyya’insa sirna haqaa godinichaa hundi argamanitti haasaa baniinsaa karaa kabajamoo bulchaa bulchiinsa godina shawaa kibba lixaa kabajamoo obboo Mokonniin Baay’isaa fi kabajamoo pireezdantii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa obboo Leencoo Cammaraa wal duraa duubaan taasisaniin banamee kan eegale yoo ta’u , itti fufuudhaanis ajandaaleen marii heddu waltajjichaaf dhiyaachuun irratti mariyatameera .
===========
Komunikeeshinii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 4/2018
Walisoo

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee ...
11/03/2026

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Tullu Boolloo Gaggeeffame.
=======================
Bitootessa 2,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Tullu Boollo Gaggeeffame.Mariin xinaalaa kun gaafa guyyaa hardhaa bakka kabajamoo pireezdantii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraa argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u , marii kana irrattis Abbootiin seeraa Manneen Murtii kilaastarichaa fi hooggantoonni sadarkaan jiranis argamaniiru .Xinxaallii kunis
Xinxaallii karaa Abbaa Seeraa kabajamoo Obboo Biqilaa Angeessaatiin kan dhiyaate yoo ta’u dhiyeessii kana irrattis mariin baldhaan erga taasifamee booda gudunfaa fi kallattiin fuuladuraas kennamee waltajjichi goolbamaeera.
===========
Komunikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 2/2018
Walisoo

Leenjiin Dhimma Naamusaa Irratti Kenname ===============Bitootessa 1,2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixa...
10/03/2026

Leenjiin Dhimma Naamusaa Irratti Kenname
===============
Bitootessa 1,2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa] . Leenjiin Dhimma Naamusaa Irratti Kenname . Leenjiin kun qajeelfama naamusa hojjattota Mootummaa lakk 22/2015 bu’uureffachuun bakka hawaasni Mana Murtichaa hundi argamanitti karaa dursaa garee bulchiinsa qabeenya humna namaa kabajamoo Obboo Masfin Abbabaatiin kan kenname yoo ta’u,kunis qabatama hawaasa mana Murtichaa jiddu galeessa taasisuun mariin baldhaan irrati taasifameera .
Dabalataanis qajeelfama xinxala sadarkeessa naamusaa irrattis leenjiin hubanoo cimsuu karaa qindeessaa garee naamusaa fi inispeekshinii Mana Murtii Ol’aanaa Godinichaa kabajoo Aadde Hawwii Alamaayyotiin kan kenname yoo ta’u ,kunis komiiwwaan baroottaan darban ka’aa turan jiddu galeessa tasisuun barreeffamni dhiyaatee irratti mariyatameera .
Xumura irrattis barreeffama leenjii lamaan irratti gaafilee fi yaadota ka’anii fi deebiin ,akkasumas gudduunfaa fi kallattiin fuula duraa karaa pireezdantii MMO godinichaa kabajamoo obboo Leencoo Cammaratiin kennamee waltajjichi goolabameera .
==============
Komunikeeshinii Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 1/2018
Walisoo .

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee ...
10/03/2026

Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Sabbataa Gaggeeffame.
=======================
Bitootessa 1,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Manneen Murtii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mariin Xinxaala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Manneen Murtii Kilaastara Sabbataa Gaggeeffame.Mariin xinaalaa kun gaafa guyyaa 30/7/2018 bakka kabajamoo pireezdantii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraa argamanitti kan gaggeeffame yoo ta’u , marii kana irrattis Abbootiin seeraa Manneen Murtii kilaastarichaa fi hooggantoonni sadarkaan jiranis argamaniiru .Xinxaallii kunis
Xinxaallii karaa Abbootii Seeraa kabajamoo Obboo Nagaash Qana’aa fi Kabajamoo obboo Geetaachoo Hawaas n kan dhiyaate ytoo ta’u dhiyeessii kana irrattis mariin baldhaan erga taasifamee booda gudunfaa fi kallattiin fuuladuraas kennamee waltajjichi goolbamaeera.
===========
Komunikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Bitootessa 1/2018
Walisoo

Xiinxala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Irratti Mariin Gaggeeffame .=======================...
05/03/2026

Xiinxala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee Irratti Mariin Gaggeeffame .
============================
Guraandhala 26,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa] Xiinxala Sababoota Diigamuu, Fooyya’uu Fi Qabxiin Deebi’uu Murtiilee irratti Marin Gaggeeffame . Xinxaallii kun bakka Abbootiin Seeraa MMO hundi argamanitti karaa Abbaa Seeraa MMO Godinichaa kabajamoo Obbo Eyyoob Luleesaa tiin kan dhiyaate yoo ta’u, barreeffama dhiyaate kana irratti galmeewwaan sadarkaa MMO murtaa’anii komatamuun ol’iyyataan gara MMWO deemuun jijjiraman irratti sababoota isaa waliin irratti mariyatameera.Goolaba irratti sababoota adda bahan kana irrati xiyyeffachuun hojjatamuu akka qabuuf qulqullina hojii KTAS Mana Murtichaa daran fooyyeessuuf akka hojjatamuu qabu guduunfaa fi kallattii karaa pireezdantii MMO Godinichaa kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraa taasisaniin waltajjichi goolabameera .
==================
Komunikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Guraandhala 26/2018
Walisoo

Bu’aa Oodiitii Galmee Murtiin Boodaa kurmaana 2ffaa Irratti Mariin Gaggeeffame =====================Guraandhala 25,bara ...
04/03/2026

Bu’aa Oodiitii Galmee Murtiin Boodaa kurmaana 2ffaa Irratti Mariin Gaggeeffame
=====================
Guraandhala 25,bara 2018 [Mana Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa]. Bu’aa Oodiitii Galmee Murtiin Boodaa Irratti Mariin Gaggeeffame .Mariin kun bakka Abbootiin Seeraa fi Ofiseronnii seeraa Mana Murtchaa hundi argmanitti kan gaggeeffame yoo ta’u, barreeffamni mariis karaa qindeessaa Garee Naamusaa fi Inispeekshinii MMO Kabajamoo Aaddee Hawwii Alamaayyo tiin dhiyaatee irratti mariyatameera .Goolaba marii irrattis guduunfaa fi kallattiin fuulduraa karaa pireezdantii MMO Godinichaa Kabajamoo Obbo Leencoo Cammaraatin kennamee waltajjichi xumurameera .
================
Komunikeeshinii MMO Godina Shawaa Kibba Lixaa
Guraandhala 25/2018
Walisoo

Address

Woliso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share