W/Abbaa AlangaaA/Q/Maallimaa

W/Abbaa AlangaaA/Q/Maallimaa Haqaaf Haqaan Hojjennaa

06/01/2024

✍️ Bu'aa Diiggaa gaa'elaa ( )

✅Abbaan warraa fi haati warraa ergaa wal fuudhan gargar hin bahan jechuu miti sababa garagaraatiin gaa'ela isaani karaalee sadeeniin diiguu ni danda'u isaaniis
↪️1.Du'a ykn badiinsa(walfuutota keessaa tokko yoo du'e ykn Mana Murtiitiin murteen badiinsaa yoo kenname) ykn
↪️2.Hir'ina ulaagaa bu'uuraa(fuudhaa fi heeruma raawwachuudhaaf haalaawwan barbaachisaa ta'an keessaa tokko sababa hin kabajamneef gaa'elli Mana Murtiitiin yoo diigame) ykn
↪️3.Hiikkaa(murtii diiggaa gaa'elaa Mana Murtiitiin yoo kenname) dhaan diigaamu danda'aa,garu yeroo diigameeti bu'aale hordoofsisu qaba walii galattii

✅Diiggaan gaa'ela bu'aalee lama hordoofsisa
1.Bu'aa qabeenya(pecuniary effect) fi
2.Bu'aa dhunfaa (personal effect)

1.Bu'aa Qabeenya(pecuniary effect)
Bu'aa qabeenya jechuun:- qabeenya walfuutotni gaa'elaan duraafi booda horatan irraatti bu'aa gamaa dhunfaa ykn waliini hordofamuu jechuudha.
Kanaaf gaa'ela kessaatti fi ergaa diigamee boodas bu'aa gamaa kanaan dhufuu iddoo lamatti qoodamee ilaalama
✅Qabeenyaa dhunfaa fi
✅Qabeenya walinii jedhamee

1-Bu'aa Qabeenyaa Dhunfaa

✅Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) Wal fuutotni guyyaa gaa'elaa isaani irratti kennaan dhunfaan kennamuuf yookiin erga wal fuudhan booda bifaa dhaamsan argataan akkaa qabeenya dhunfaatti fudhatamaa.
✅Ergaa wal fuudhan boodas bu'aan qabeenya dhunfaa saniin argamee fi qabeenyi dhunfaa san yoo gurgurames qabeenyuma dhunfaati jedhamaa.kunii raawwatiinsa kan qabaatu qabeenyii gurgurtaan argamee saan akkaa dhunfaa kootti haa anaaf lakkawamuu jedhee mana murtitti iyyatee yoo mirkana'eef qofadha kan san irraa hafee hundii qabeenya waliniiti taaha kana jechuun xaarii dhunfaa isaanitin yookiin waliitin galiin argamuu hundii jechuudha.

✅Haatii warraa fi Abbaan warraa waligaltee gaa'elaa isaani kessaatti qabeenya dhunfaa fi qabeenya walinii jechuun murteefachuu ni danda'aan. yeroo diiggaan gaa'elaa godhamuu mana murtiif qabeenya dhunfaa isaani akkaa ta'ee ibsuudhan deebisani fudhachuu ni danda'uu.

'ila_Keessatti:

✅"Qabeenya waliinii" jechuun qabeenya bu'aa fi galii qabeenya dhuunfaa fi waliinii irraa argamu,galii carraaqqii dhuunfaa irraa argamu;gaa'ila keessatti horatame,qabeenya dhuunfaa bu'uura Seera Maatii Oromiyaa keewwata 74(2) tiin argame yoo kan dhuunfaa jedhamee galmaa'een ala,qabeenyi kennaan ykn dhaamsaan argame haala addaatiin yoo kan dhuunfaa ta'uun hin ibsamin fi kan kana fakkaatan jechuudha.

✅ Jildii 17ffaa Lakkoofsa Galmee 95680 ta'een "qabeenyi tokko gaaffii garee tokkoon kan dhuunfaati jedhamee akka mirkanaa'uuf gaafatamee Mana
Murtiitiin yoo raggaasifame(galmaa'ee mirkanaa'e) malee qabeenya isaan itti bulaa fayyadamaa turan qabeenya waliinii abbaa warraaf haadha warraati jechuun Seera Maatii Oromiyaa
keewwata 74(1)(2) waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

✅ Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Manaa gaa'elaan dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti qabeenya waliinii ta'a,kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf ykn mirkanaa'uu ykn bifa jijjiirachuu
dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture.

✅ Federaalaa jildii 11ffaa Lakk.Galmee 50489 ta'een "qabeenyi abbaa manaa fi haadha manaa keessaa carraaqqii isa tokkootiin argamus qabeenya kan waliinii ta'a"
jechuun murteessee ture.

✅ /qarshiin gaa'ila keessatti deeggarsaan argamu qabeenya waliinii abbaa manaa fi haadha manaati jechuun

Ijibbaataa Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 31430 ta'een fuula 237 irratti murteessee ture.
✅"Bulchiinsa qabeenya abbaa manaa fi haadha manaa" jechuun qabeenya isaan waliin qaban eeguu,kunuunsuu,galii sassaabuu, gurguruu fi kan kana fakkaatan kan dabalatuudha.

✅Abbaa warraa fi haati warraa qabeenya waliinii kunuunsuu,eeguu,galii sassaabuu fi gurguruuf mirga walqixa qabu.

✅Seera biraatiin haala addaatiin yoo tumame malee,qabeenya walii hin sochoone gurguruuf ykn qabsiisuuf
qabeenya socho'aa qarshii 500 ol gurguruuf,qarshii 500 ol liqeessuuf wal ta'iinaa/waliigaltee lamaanii abbaa warraa fi haadha warraa barbaachisaadha, Seera Maatii Oromiyaa
keewwata 84.
✅Abbaa manaa fi haadha manaa keessaa namni eeyyama hin kennine iyyata waggaa 2 keessatti dhiheeffachuun waliigalticha diigsifachuu danda'a.
✅Abbaa warraa ykn haadha warraa keessaa gareen tokko osoo hin beekin qabeenyi garee kaaniin jalaa gurgurame
gareen quba hin qabne ture sun guyyaa raawwatamuu waliigaltee gurgurtaa beekee kaasee ji'a jaha(6) keessatti
dhiheeffachuu qaba,keewwata 85.

✅ Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 27697 ta'een "qabeenyaan yeroo abbaa warraa fi haati warraa gaa'elaan waliin jiran gurgurame
yeroo seerri kaa'e keessatti waliigalteen sun akka diigamuu fi qabeenyi gurgurame sun akka deebi'u yoo hin gaafatamne
ta'e,faayidaa waliiniitiif kan oole akka ta'etti tilmaamni fudhatamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

✅Yoo abbaa warraa fi haadha warraa keessaa qabeenyi garee tokkoo idaa haguuguu dadhabe ykn qabeenya hin qabne idaan dhuunfaas qabeenya waliinii irraa haguugamuu/kanfalamuu
danda'a,Seera Maatii Oromiyaa keewwata 86.
✅Qabeenyi waliinii gaa'ila keessatti waan qoodamuu hin dandeenyeef gahee isa tokkoo adda baafnee idaa dhuunfaa
haguuguu hin dandeenyu.

Kanaaf,qabeenya waliinii irraa idaan
dhuunfaa deebi'ee yoo tarii hiikkaan diigame immoo bifa*beenyaatiin garee biroo gaafachuun danda'ama.

Lakkoofsa Galmee 68190 ta'een "qarshiin daldala waliiniitiif liqeeffame idaa waliiniiti"jechuun Murtii laatee ture.(Jildii 13ffaadha).

23ffaa,Lakk.Galmee152968 ta'een "abbaa warraa fi haadha warraa keessaa tokkoo isaaniitiin gochi(balleessaan) raawwatamee fi hiikkaa gaa'elaatiif sababa ta'e isa biraa irratti miidhaa hordofsiisee yoo argame,Manni Murtichaa garee miidhaa irra gaheef inni
miidhe qabeenya waliinii irraa bifa beenyaatiin gahee garee isa tokkoo irra caalaa isaa ykn guutuu isaa garee miidhaan irra gaheef kennu(akka kanfalu) murteessuu" akka qabu"Seera Maatii Oromiyaa keewwata 111 fi 117 waliin wal qabsiisuun Murtii kennee ture
Qabeenya waliinii(common property) kan fudhatamee fuula fb hubannoo seera M/teyib Nure law office irraahi


Personal effect itti fufa......
_______GALATOOMA________

06/01/2024


✍🏻hojiin investimantiis akkuma hojiilee biroo hayyamni qaama aangoo qabu irraa kennamuun hojitti akka seenamu beekkamaadha hayyamni investimantii kenname immoo haala ittiin dhoorkamu qaba hayyamicha haquu ykn dhoorkuu kan danda'uus qaama hayyama kenne qofaadha.Labsiin investimantii haarayni haalota hayyamni investimantii ittiin dhoorkamu yjn ittiin haqamu ifatti tumee jira isaaniis;

↪2) Hayyamani investimentii sababoota armaan gadiitiin dhorkamuu ni danda’a:
👉🏻(a) Qaama Bulchiinsa investimentii dhimmi ilaallatuuf odeeffannoo yookiin gabaasa raawwii pirojektii sirrii hin taaneefi yeroo isaa eeggate kan hin dhiyeessine yookiin itti yaadee yookiin dagannoodhaan gabaasa dogoggoraa yoo dhiyeesse;
👉🏻(b) Hayyama investimantii yookiin haaromsa hayyamaa kan argate gowwomsuudhaan yookiin ragaa yookiin odeeffannoo sobaa dhiyeessuun yoo ta’e;
👉🏻(c) Hayyama Investimentii Kaayyoo fudhateen alatti kan itti tajajilame yoo ta’e;
👉🏻(d) Pirojektichi naannoo yookiin fayyaa namaa irratti miidhaa geessisuun isaa qaama aangoo qabuun mirkanaa’ee akka sirreessu beeksifamee yeroo kennameef keessatti kan hin sirreessine yoo ta’e;
👉🏻(e) Sababa gahaa malee akkaataa labsichaafi Dambii Labsii investimantii bu’uura godhatee bahuun hayyama investimentii isaa kan hin haaromsine yoo ta’e;
👉🏻(f) Tumaale Labsii investimantii lakk 249 kanaa, Dambiifi qajeelfama bu’ura labsii kanaatiin bahaniifi seerota biroo rogummaa qaban irra darbee yoo argame dha.

✍🏻3) Investarri hayyamni investimantii isaa dhorkame dhimma dhorkaa hayyama isaatiif sababa ta’e akka sirreessuuf yeroon waggaa tokkoo kan kennamuuf ta’a.

✍🏻4) Hayyamni investimentii sababoota armaan gadiitiin haqamuu ni danda’a:
👉🏻(a) Waliigalteen pirojektii investimentii investerichaa yoo diigame yookiin addaan cite;
👉🏻(b) Daangaa yeroo Labsii investimantii labsii lakk 249/2015 Keewwata 16 Keewwata Xiqqaa 2 jalatti tumame keessatti pirojektii investimentii kan hin eegallee yookiin kan hin xumuurreefi hayyamichi kan hin haaromfamne yoo ta’e;
👉🏻(c) Dhimma hayyama investimentii dhorkuuf sababa ta’e yeroo kennameef keessatti kan hin sirreessine yoo ta’e;
👉🏻(d) Investerichi jajjabeessituu ashuuraan ala hojii investimentiif galfate hojii investimentii isaaf hayyamameen alatti yoo ittifayyadame yookiin seeraan ala nama biraatiif dabarsee yoo argame;
👉🏻(e) Investerichi hayyama investimentii kan fudhate ragaa sobaatiin ta’uun isaa yoo mirkanaa’e;
👉🏻(f) Akkaata Labsii investimantii labsii lakk 249/2015 Keewwata 17 Keewwata Xiqqaa 2(d) jalatti tumameen sababa Pirojektichi naannoo yookiin fayyaa namaa irratti miidhaa geessisuun isaa qaama aangoo qabuun mirkanaa’ee yeroo dhorkaa kenname keessatti kan hin sirreessine yoo ta’e;
👉🏻(g) Investerichi lafa liiziin yookiin kiraan fudhate pirojektii hayyamameefiin ala yoo itti-fayyadame yookiin hayyama qaama aangoo qabuun ala qaama sadaffaaf yoo dabarse;
👉🏻(h) Investerichi hayyama investimentii isaa qaama aangoo qabuun osoo hin hayyamamiin nama biraaf dabarsee yoo kireesse;
👉🏻(i) Investerichi seerota investimentii biyyaafi naannichaa rogummaa qaban kamiyyuu kan hin kabajneefi akeekkachiisa qaama aangoo qabuun isaaf kennamu kan hin fudhanne yoo ta’e yookiin of-eeggannoon kennameefii kan hin sirreessine yoo ta’e;
👉🏻(j) Investerichi yakka investimentiidhaan wal-qabate raawwachuun kan itti-murtaa’e yoo ta’e;
👉🏻(k) Investerichi seeraan ala qabeenya uumamaa kan mancaase yoo ta’e;
👉🏻(l) Mirga abbummaa qabiyyee yookiin maqaan yookiin gosti
pirojektii investimentii hayyama itti-fudhate beekamtii qaama
aangoo qabuun ala kan jijjiire yoo ta’e; yookiin
👉🏻(m) Fedhii isaatiin hojii investimentii kan dhiise yoo ta’e dha.
✍🏻5) Hayyamni investimentii qaama aangoo qabuun kan haqame yoo ta’e sababa hayyamichi haqameef investerichiifi qaamoleen dhimmi ilaallatu kan beeksifaman ta’u.

✍🏻6) Investerri hayyamni investimentii isaa haqame guyyaa hayyamni haqame irraa eegalee faayidaan inni argachaa ture battalumatti kan dhaabbatu ta’a.

✍🏻7) Tarkaanfiin bulchiinsaa akkaataa Keewwata kanaatiin fudhatamu ittigaafatamummaa yakkaa kan hambisu miti.
/2015_haqaman_ykn_Haqamaniifi_Raawwatiinsa_Hin_Qabaanne
✍🏻1) Labsiin Bulchiinsa Investimentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 138/2000 Labsii kanaan haqameera.

✍🏻2) Dambiin Lafa Magaalaa Naannichaa Liiziin Bulchuuf Bahe Lakkoofsa182/2008:
👉🏻(a) Keewwata 25 (1)(a, e fi f) jalatti lafa pirojektoota Industirii Manufaakchariingiitiif, lafa pirojektoota misoomaa waldaalee hojii gamtaatiif oolu, lafa tajaajila pirojektoota gurguddoo faayidaa biyyaalessaa qabaniif oolu ta’eefi hojii invetimentiin walqabatan;
👉🏻(b) Keewwata 25 (2)(a) jalatti lafa hojii investimentii qonnaan bulaan,horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan qabiyyee isaa irratti gaggeessu; fi(c) Keewwata 25 (3) (d) lafa tajaajila Intarpiraayizii ce’eefi lafa tajaajila investimentitiif oolu simachuu,xiinxaluu, akkasumas qaama aangoo qabuuf dabarsuun ramaddiin kennuun wal-qabatee kan tumame dhimmoota Labsii kana keessatti hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.

✍🏻3) Tumaan Dambii Lakkoofsa 182/2008 komii yookiin waldiddaa addaan citiinsa waliigaltee liizii akkaataa tumaa Labsii kanaatiin addaan citiinsa waliigaltee pirojektii investimentii irraa madde irratti raawwatiinsa hin qabaatu.

✍🏻4) Labsiin, Dambiin, Qajeelfamniifi barmaatileen hojii Labsii investimantii labsii lakk 249/2015 kanaan walfaalleessan kamiyyuu dhimmoota Labsii kana keessatti haammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.https://t.me/NuraddinFHS

05/01/2024


Guyyaa ,__________
🛑. IBSA WALIIGALTOOTAA

💥
1ffaa __________________
2ffaa __________________
Teessoon _____________
Magaalaa _____________
ganda ____________
lakk.manaa(yoo jiraateef)

💥 /taan
Maqaa :- _____________
Teessoon _____________
Magaalaa _____________
ganda __________________
lakk.manaa(yoo jiraateef) ____________

Waliigalteen gurgurtaa Mana jireenyaa kun gurgurtootaafi bitataa gidduutti akkaataa seera H/H keewwata 1675,1731,2875 fi akkaataa tumaalee armaan gadiitiin kan raawwatameedha.

💥 waliigaltootaa...................................................
a) Nuti gurgurtoonni dhirsaaf niitii yommuu taanu qabeenya waliinii keenya kan tahe Mana jireenyaa Magaalaa ..... ganda.... keessatti argamu bal'ina ....... irratti qubatee argamuufi
daangessitoonni...... lakk.kaartaa.......tiin maqaa keenyaan galmaahee argamu qarshii.........tti gurguruuf fedhii keenya guutuudhaan waliigallee jirra!

b) nuti Mana kana gurgurtaadhaan yommuu dabarsinu akkaataa seera H/H keewwata 2882(1) tiin manicha irratti qaamni 3ffaa mirga qaba jechuun yoo dhufe morminee,falminee deebisuuf dirqama qabna. manichis gaaffii
mirgaafi idaa qaama 3ffaa irraa bilisa!

c) Nuti gurgurtoonni manichaa erga waliigalteen manichaa raawwatamee booda akkuma jirutti bitataadhaaf dabarsuudhaaf dirqama qabna.waan ta'eefis kaartaafi ragaalee abbaa qabeenyummaa manichaa bitataa harkaan gahuuf dirqama qabna

💥
➡➡➡
Namni waliigaltee kana diige ykn bira darbee argame akkaataa SHH keewwata 1889 tiin maallaqa hanga ,.......... ni adabama.

Namni waliigaltee kana irra darbee
Ibsa Tarree ragootaa
*****
1_____________
2 _____________
3 _____________

Ibsa Tarree Ragaa barruu
****
1.
2.
3.

Maqaafi mallattoo..fi teessoo
1ffaa ._____________
2ffaa._____________
3ffaa. _____________

(Re-Post)
✏️ Waliigaltee gurgurtaa mana irratti seerri hariiroo haasawaa fi kanneen biroos akkasumaas dhaddachi ijjibaata mana murtii waligala federaalaa yeroo garaagaraatti murtiilee diriqsiisoo heddu kennanii jiru.
✏️ Waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa seera fuulduratti raawwatiinsa(fudhatama) qabaachuuf barreeffamaan taasifamee garee walfalmitootaatiin irratti mallattaa'ee ragooleen lama(2) mallattoon mirkaneessanii qaama waliigaltee raawwachiisu yookiin Mana Murtii fuulduratti raawwatamuu qaba.
✔Waliigalteen barreeffamaan taasifame qaama aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba,seera hariiroo hawaasaa keewwata 1723,2877 fi 2878.
14ffaa Lakkoofsa Galmee 78398 fi Jildii 12ffaa Lakkoofsa 57356 ta'an irratti "waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Mana tokko seera fuulduratti raawwatiinsa qaba jechuuf akkaataa seera waliigaltee keessatti tumameen ulaagaa guutamee raawwatamuu akka qabu" seera hariiroo hawaasaa(Civil Code) keewwata 2005(1),1678(C),1723,2877 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

✅"Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa" qaama sanadicha mirkaneessu fuul-duratti taasifamu faayidaa ol'aanaa qaba.Faayidaa waliigaltee qaama waliigaltee mirkaneessu biratti taasifame qabu keessaa:-
,waliigaltichi Mana Murtiitti fudhatama akka qabaatu taasisa,
,sanadni garee falmitootaa harka ture yoo bade,yoo gubate yookiin garaa garummaa yoo qabaate sanadichi qaama mirkaneesse irraa akka argamu taasisa,
,nama barumsa hin qabne mirgi isaa akka hin sarbamne taasisa,
,nama ijaan arguu hin dandeenye miidhaa irraa hambisa.
15ffaa Lakkoofsa Galmee 83674 ta'e irratti "waliigalteen tokko barreeffamaan ta'ee garee walfalmitootaatiin ragoolee lamaaniin mallattaa'uu akka qabu,fi waliigalteen namoota hin barannee fi ijaan arguu hin dandeenyeen taasifamu waliigalchiisaa yookiin Mana Murtii fuulduratti yoo hin taasifamne waliigaltichi dirqisiisummaa akka hin qabne"seera hariiroo hawaasaa keewwata 1727,1728(3) fi 2005 wajjiin wal qabsiisuun hiikoo kennee ture.
✔Waliigalteen jiraachuu bitaa mirgi yoo wal amanan qaama aangoo qabu fuulduratti taasifamuun dirqama miti.
Lakkoofsa Galmee 36887 ta'een "waliigalteen jiraachuu yoo amaname mormii waliigaltichi qaama aangoo qabu biratti hin taasifamne jedhamee garee biraatiin ka'u fudhatama akka hin qabne" seera hariiroo hawaasaa keewwata 1731(1) fi 2878 waliin wal qabsiisuun Murtii dirqisiisaa laatee ture.Kunis,sababnii fi kaayyoon waliigalteen qaama aangoo qabu fuulduratti taasifamee galmaa'uu barbaachiseef waliigaltichi jiraachuu hubachiisuuf(mirkaneessuufidha).
23ffaa Lakkoofsa Galmee 153664 ta'een " waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti kan hin galmoofne yoo ta'e diigamaa akka ta'e" hiikoo kennee ture.

✅Waliigalteen ulaagaa seerri kaa'een kan hin taasifamin hafe dirqisiisummaa akka hin qabne,yookaan waliigalteen akkasii akka wixineetti waan lakkaa'amuuf deeggarsa seeraa akka hin qabne seera hariiroo hawaasaa keewwata 1720(1) jalatti ifa taasiseera.
10ffaa Lakkoofsa Galmee 43825 ta'e irratti "Manni Murtii mormii garee walfalmitootaatiin hin kaane kaka'umsa isaatiin bittaa fi gurgurtaa Manaa barreeffamaan(foormii) guutamee hin taasifamne jechuun kaasuun waliigaltichi bu'uurumarraayyuu diigamaadha jechuun kufaa gochuu akka hin dandeenye" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
✍️
Join my telegrame channel
https://t.me/binimoslawyer

05/01/2024

❗️
1.Sanada kamiyyuu Originaala isaa osoo hin argin akkkasumaas haftuu ykn Kooppii osoo hin hambifatin,hin argatin ykn suuraa osoo hin kaasin waa hin mallatteessuuf hin ariifatinaa. Yeroo baayyee namoonni koppii ofiif osoo hin qabaatin waliigaltee adda addaa mallatteessuun waldhabdee hin barbaachifnetti nama geessa Kanaafuu waliigaltee mallatteessite sana kooppii harkaa qabachuun gaariidha, yoo sun mijataa ta'e immoo sanada mallatteessite hunda saffisaan suuraa ka'i.

2 Maatii fi daldala kee shakkii itti gaafatama seeraa irraa eegi. Yoo daldala bifa dhaabbataatiin hojjettan ofii keessanii fi maatii keessan itti gaafatamummaa irraa eeguu akka dandeessan beeki.

3. Ogeessa seeraa Hanga mariisiftanitti itti gaafatamummaa ykn itti gaafatamummaa hin fudhatinaa wantoonni yeroo yaaddoo ykn sodaa keessa jirru dubbannu duubatti deebi'anii nu miidhuu waan danda’uuf jecha mana murtii, waajjira poolisii ykn qaamolee biroo fuulduratti kenninu hubachuun barbaachisaadha. Yoo danda'ame callisuun furmaata hundarra gaarii hanga abukaatoo ykn abukaatoo mariisiftutti

4- Dhimma seeraa ilaalchisee abukaatoo mariisisuu Ogeessa seeraa waliin mari’achuun barbaachisaa dha. Abukaattooleen heddun tajaajila gorsa seeraa bilisaa ykn kaffaltiiniis ni kennu. Abboottii Alangaa irraas hubannoo bilisaa argachuu dandeessa.
Fakkeenyaaf, mallatteessuu kee dura waliigaltee guutuu dubbisi.Yoo waliigaltichi afaan seeraa adda ta'e of keessaa qabaate, tumaaleen sun yeroo baay'ee bu'aa hamaa fi hin yaadamne waan qabaniif, mallatteessuu kee dura abukaatoo mariisisuun gaariidha.

5. Waliigaltee kamiyyuu barreeffamaan kaa’uu Namoonni yeroo heddu waliigaltee ni godhu, yeroo baayʼee waliigalteewwan kana of eeggannoodhaan barreeffamaan kaaʼuu hin dandaʼan.
Fakkeenyaaf, waliigalteewwan tokko tokko, kan akka waliigaltee gurgurtaa manaa, liqii, kennaa, fi gurgurtaa garaagaraa seeraawaa ta’uuf barreeffamaan ta’uu qabu. Qaamoleen fi ragaaleen hundi mallatteessuu isaanii mirkaneessuun waliigaltee kana caalaatti nageenya akka qabaatu gargaara.

6- Dhimmoonni seeraa yeroo si mudatan danta dhabaa hin ta'in. Dogongorri xiqqaa gatii guddaa si kafalchiisa waan taheef. Qabatamni jiruus lammiileen teenya danta dhabummaa fi mirga isaanii irra osoo rafanii mirga dhabaa jiru.

7- Barreeffamoota fi hubannoo seeraa bilisaan bifa barreeffamaan, sagaleen, fi vedion akkasumaas haaluma kamiinuu kennaman dubbisaa waa irraa baradhaa. Waliif qoodaa.
✍️
Join My Telegram
https://t.me/binimoslawyer

05/01/2024

?_Unkaan

✔️Himannaan tokko akka waliigalaatti wantoota sdfhh keewwata 80,222 fi 223 jalatti tumaman guutuu qaba:-
✔️Ofiisaroonni seeraa ulaagaawwan teeknikaa guutuu isaa ni qoratu(sdfhh keewwata 229-232) fi Labsii 216/2011 keewwata 42.
✔️Himannoon ulaagaa yoo guute kan seerummaa kanfalamee galmeen ni banama,sdfhh kwt.214-215,230
✔️Himannoon firii dubbii qofa gabaabinaan,fi foormii gabatee 1ffaa jalaa hordofuu qaba,firii dubbii rogummaa qaban,seerummaa gaafatamu(kwt.224) fi kan kana fakkaatan kan of keessatti hammate ta'uu qaba.

✔️
Guyyaa 08/02/2014
Mana Murtii __________tiif
Ciroo

:Obboo_________,
Teessoon Magaalaa___ Ganda_____

:Obboo______,Teessoon Magaalaa__Ganda____

Himannaan waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa qarshii____raawwachiisuuf dhihaateedha.
A.Himanni kun ulaagaa sdfhh keewwattoota 222 fi 223 tiin guutee kan dhihaateedha.
B.Manni Murtii kun himata ofitti fuudhee ilaalee murteessuuf aangoo ni qaba.
C.Himataan falmii isaa bakka bu'aa isaatiin gaggeeffata,kan himatamaa hin beeku.
D.Himataa fi himatamaan dandeettii seeraa ni qabu.
E.Waraqaa waamichaa himataan himatamaaf qaamaan ni dhaqqabsiisa.

Ibsa Tarree himannaa koo
Himata kanaaf sababa kan ta'e waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Mana Jireenyaa Qorqoorroo baala 90(Sagaltamaa) ta'e Lafa kaaree meetira ___irra qubatee jiru daangaan isaa Bahaan____,Lixaan___,Kaabaan___,Kibbaan__ tiin daangeeffamu Mana qabeenyummaan isaa himatamaa
Obboo_____ta'e gaafa _____ qarshii ___ tti bakka ragooleen namaa afur ta'an jiranitti natti gurguree maallaqa kanas harkaan gahatee utuu jiru,himatamaan akkaataa waliigaltee keenyaatiin guyyaa___ keessatti Mana kana ilaalchisee sanada
isaa hunda na harkaan gahuuf dirqama fudhatee osoo jiru yeroo adda addaa irra deddeebi'ee gaafadhus hanga ammaatti
naaf raawwachuu hin dandeenye.

✔️ Seerummaa ani gaafadhu:
1.Himatamaan kun waliigaltee kana akka naaf raawwatu,yoo naaf hin raawwanne immoo maallaqa fudhate qarshii_____akk
a naaf deebisuun gaafadha.
2.Himatamaan kun baasii fi Kisaaraa koo,kanfaltii abbaa seerummaa sababa himannaa kanaan baaseef akka naaf
kanfalu akka naaf murtaa'u.
Himanni dhiheeffadhe kun dhugaa fi sirrii ta'uu isaa bu'uura
sdfhh keewwata 92 tiin nan mirkaneessa.
Maqaa___
Mallattoo__

Fuula 2ffaa irratti:

Guyyaa 03/09/2013
Mana Murtii___tiif
Finfinnee
Himataan:________Teessoo___
Himatamaan:_____Teessoo___
Ibsa ragaa bu'uura sdfhh keewwata 223 tiin dhihaate.
.Ragaa barreeffamaa:Waliigaltee gurgurtaa Mana Jireenyaa guyyaa ____
raawwatame fuula___ koppii isaa wajjiin.
.Ragaa namaa:
✔️Obboo________
✔️Obboo________
✔️Obboo________
✔️Obboo________
Teessoon isaanii Magaalaa ____ Ganda____
Ibsi ragaa kun hanga ani beekutti dhugaan kan dhihaate ta'uu isaa bu'uura sdfhh keewwata 92 tiin nan mirkaneessa.
Maqaa___
Mallattoo___

Ittii fufa....
Maddi:-M/teyib nure

02/01/2024
24/12/2023

:-
✅"Raawwii murtii" jechuun sirna murtiin kenname hojiitti ittiin jijjiiramuudha.

✅Murtii kan raawwachiisu Mana Murtii murtii kenne yookiin Mana Murtii biraa Murtii akka raawwachiisuuf ajajame ta'uu
danda'a,Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 371(1).
✅Ajajni murtii raawwachiisuu yeroo darbu,ajaja bu'uura sdfhh keewwata 373 tiin raawwachiisuu qaba.
✅Iyyatni raawwii qabiyyee keewwata 378 jalatti ibsaman qabaachuu qaba.
✅Iyyatni bu'uura Murtiitiin qofa akka raawwatamimuuf kan gaafatu malee Murtii haadhoo irratti waan hin ibsamne gaaffii haaraa dabaluu hin qabu.Gaaffii haaraa yoo dhihaate Manni Murtii keessummeessuu hin qabu,baasii fi Kisaaraa yeroo falmii raawwii ilaalchisee yoo ta'e malee.
✅Iyyatni raawwii duuchumaan akkaataa Murtiitiin akka naaf raawwatamu Kan jedhu osoo hin taane waan akka
raawwatamuuf barbaadu tokko tokkoon ibsame qabaachuu qaba.
✅Iyyatni raawwii murtiin akkuma kennameen battalumatti dhihaachuu ni danda'a.Haa ta'uutii garuu,Murtiin Abbaa idaa (raawwii himatamaan) bu'uura Murtiitiin raawwachuuf eeyyamamaa yoo ta'e,akkaataa Murtiitiin akka raawwatuuf
gaafatee yoo eeyyamameef iyyanni raawwii Mana Murtii kan dhihaatu yeroo kenname keessatti yoo hin raawwanneedha,sdfhh keewwata 378(2).
✅Wanti addaa tokko akka raawwatu Manni Murtii ajaja dhorkaa yoo kenne malee iyyanni raawwii murtiin erga
kennamee kaasee waggaa 10(kudhan) keessatti yoo hin dhihaanne iyyatni raawwii waggaa 10 booda dhihaatu
fudhatama hin qabu,sdfhh kewwata 378.
✅Iyyanni raawwii yeroo dhihaatu ulaagaa barbaachisaa guutuu isaa Manni Murtii mirkaneeffachuu qaba,sdfhh
keewwata 385.Iyyatni raawwii hanqina kan qabu yoo ta'e abbaa dhimmaatiif deebi'a ykn Manni Murtii iyyatichi ulaagaa
guutee akka dhihaatu ni ajaja.
✅Iyyatni fooyya'ee fi guutee yoo dhihaate iyyatni guyyaa jalqabaa dhihaate akkaataa seeraatiin fudhatama akka argatetti lakkaa'ama.Kana jechuun guyyaan iyyanni jalqaba dhihaatee fi fooyya'ee dhiyaate jidduu jiru tilmaama darbiinsa yeroo keessa hin galu.
✅Iyyatni raawwii Murtii fudhatama yoo argate waraqaan waamichaa waliin walqabsiifamee Murtii abbaa idaatiif
ergama.Kunis raawwii himatamaan akkaataa Murtiitiin akka raawwatu ykn sababa hin raawwanneef yoo qabaate Mana Murtii dhihaatee akka ibsuufidha.
✅Falmiin kan gaggeeffamu barreeffamaan miti.Raawwii himatamaan gaaffii gaafatameef barreeffamaan osoo hin taane afaaniin deebisuu qaba.Deebii deebisu ykn ibsu dhugaa ta'uu kakuun mirkaneessuu qaba.
✅Falmiin Murtii abbaa idaa dhiheessu murtiin akka hin raawwatamne sababa dhiheessuun(mormuun) hubachiisuu kan
danda'u :idaan irratti murtaa'e kanfalameera ykn Murtii abbaa idaa irraa bilisa ta'eera ykn akkaataa murtiitiin raawwadheera ykn murtiin darbiinsa yerootiin daangeeffameera fi kan kana fakkaatan qofa ta'uu qaba.
Murtiin abbaa idaa waamichi sirnaan qaqqabee yoo hafe (hin dhihaanne),ykn dhihaatee sababa hin raawwanneef yoo
hin ibsine adeemsa raawwii Murtii itti fufa(ajajni battalumatti kennama).

"Murtiin abbaa idaa murtii walakkaas ta'e guutuu yoo kanfaluu hin dandeenye(qabeenya hin qabne yoo ta'e);murtiin akka raawwatamuuf ajajni hin laatamu.Yeroo kanattis ajajni
hidhuu Mana Sirreessaa tursiisuu raawwatiinsa hin qabu.Haa ta'uutii garuu,raawwachuuf dandeettii yommuu qabaatu yeroo kamiiyyuu akka raawwatu ajajuu ni danda'ama.Yeroo kana darbiinsi yeroo seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 384 jalatti waggaa kudhan jedhamee tumame hin lakkaa'amu.Yoo kanfaluuf humna dhabe,sdfhh keewwata 392(2).
✅Murtiin abbaa idaa qabamee(too'annaa jala oolfamee) akka
dhihaatu kan ajajamu murtiin kanfaltii maallaqaa(qarshii) yoo ta'eedha,sdfhh keewwata 386(3)(4).
✅Raawwii himatamaan qabamee akka dhihaatu kan ajajamu haalota sdfhh keewwata 386(4) jalatti tumame idaan kanfaltii maallaqaa yoo ta'e,sdfhh keewwata 387 jalatti tumameen
qabeenya dhoksuu,ykn miliqsuuf karoorfate yoo ta'e ykn aangoo Mana Murtii keessaa baasuu ykn raawwii tursiisuu ykn qabeenya balleessu ykn raawwii gufachiisu jedhamee ibsameen qofaadha.
✅Murtiin abbaa idaa qabamee akka dhihaatu ajajni kennameen boodas waan barbaadamu bu'uura murtiitiin yoo
raawwate ajajni qabamee akka dhihaatuuf ajajame raawwatamuu hin qabu,sdfhh keewwata 386,387 fi 388.
✅Kaayyoon qabamee akka dhihaatuuf ajajni kennamu murtiin abbaa idaa bu'uura murtiitiin akka raawwatuuf dirqisiisuuf qofaadha.Murtiin Abbaa idaa akka yakka raawwatee adabametti hin lakkaa'amu.Rikardiidhaanis(kuusaa yakkaattis) hin qabamu.
✅Raawwii himatamaan too'atamee Mana hidhaa erga galeen booda akkaataa murtiitiin yoo raawwate too'annaa jalaa gadi lakkifamuu qaba,sdfhh keewwata 389(2),388(2),390(1).
✅Raawwii himatamaan hidhaa irraa gadi lakkifamee dhimmuma san irratti irra deebi'amee hidhamuu hin
qabu,sdfhh keewwata 390(2).

Lakkoofsa Galmee 101631 ta'e irratti
"murtiin tokko sababni hin raawwatamneef kan hin jirre ta'uu
yoo mirkanaa'e karaa raawwiif mijataa ta'een ajaja raawwii Murtii kennuun akka danda'amu"sdfhh keewwata 392(1) waliin
wal qabsiisuun Murtii laatee ture.

18ffaa Lakkoofsa Galmee 96814 ta'een
"dhaddachi raawwii adeemsaalee raawwii Murtii hordofuun akkaataa murtiitiin raawwachiisuun ala qabiyyee Murtichaa
ilaaluun murticha dhiphisuun ykn bal'isanii hiikuuf aangoo kan hin qabne akka ta'e" sdfhh keewwata 372 fi 378 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.

Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Federaalaa:-
19ffaa Lakkoofsa Galmee 95537,
18ffaa Lakkoofsa Galmee 101345,98347,104521.

✅ (,Process of Ex*****on):-
Manni Murtichaa kan raawwachiisu qabeenya abbaa idaa kabachiisuu fi gurguruudhaan.
Murtiin abbaa mirgaa qabeenyi murtiin dura kabachiise yoo jiraate dabalatee tarree qabeenyaa murtiin abbaa idaa qabu dhiheessuu danda'a.Qabeenyi kunis isaan sdfhh keewwata 404
jalatti caqafamaniin ala ta'uu fi dhuguma kan Murtii abbaa idaa ta'uu qulqulleeffachuu qaba.

✅Qarshii akka kanfaluuf murtaa'e murtiin abbaa idaa qarshii sana raawwii Mana Murtiitti dhaddacha irratti Murtii abbaa mirgaaf kanfaluun ykn Mana Murtiin alatti qarshicha abbaa mirgaatiif kanfalee kanfaluu isaa ibsu ragaa Murtii abbaa mirgaarraa fudhachuun ykn Abbaan mirgaa dursa murtiin abbaa idaa irraa qarshii liqeeffatee yoo qabaate qarshii murtiin irratti abbaa mirgaaf kenname kan wal madaalu yoo ta'e wal
dandeessisuun kanfaluu ni danda'a.
Qabeenyi kamiyyuu raawwiif kan gurguramu caalbaasiidhaan.Haa ta'uutii garuu,Murtii abbaa idaa fi murtiin
abbaa mirgaa waliigaluun qabeenyi dhuunfaan ykn waliigalteenakkas gurguran Manni Murtii ajajuu ni danda'a.

✅Qabeenyichi caalbaasiin akka gurguramu yoo murtaa'e beeksisni gurgurtaa caalbaasii ummataaf ibsamuu
qaba.Beeksifni caalbaasii Naannoo dhiheenya qabeenyi argamu iddoo ummataaf ifa ta'etti ykn Gaazeexaan akka maxxanfamu taasisuun ni danda'ama,sdfhh keewwata 425(1)
fi 414(2).Beeksisni caalbaasii wantoota seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 423 jalatti ibsaman kan hammate ta'uu qaba.

✅Murtiin abbaa idaa asiin dura akka gurguramu yoo waliigale malee qabeenyi socho'u guyyaa beeksisni caalbaasiin irraa kaasee 15;qabeenyi hin sochoone immoo guyyoota 30 osoo qilleensa irra hin turin qabeenyicha gurguruun hin danda'amu.

Garuu,qabeebyi dafee kan badu yoo ta'e ykn baasii eegumsa qabeenyaaf taasifamu gatii qabeenya sanaa kan
caalu yoo ta'e yeroo armaan olitti ibsame eeguun osoo hin barbaachisin qabeenyicha battalumatti gurguruun ni
danda'ama,sdfhh keewwata 426,406(2).
Beeksifni caalbaasii bahuun dura Murtiin abbaa idaa idaa barbaadamu hunda yoo kanfale gurgurtaan caalbaasii ni
dhaabbata,sdfhh keewwata 427.

✅Gatii qabeenyaa beeksisa caalbaasii jalqabaa irratti ibsameen namni dhihaatee dorgomee bitu yoo dhabame
beeksisni caalbaasii 2ffaa ni baha,sdfhh keewwata 428.
✅Beeksisni caalbaasii 2ffaa kan bahu gatii qabeenya caalbaasii 1ffaa baheen osoo hin taane gatii ka'umsaa caalbaasii 1ffaa irra bahee tureen gadi buusamee bahee nama qarshii ol'aanaa kennetti gurgurama.

jildii 17ffaa Lakkoofsa Galmee 99743,jildii 4ffaa Lakkoofsa Galmee 17984,jildii 20ffaa Lakkoofsa Galmee 104943,jildii 19ffaa Lakkoofsa Galmee 110681,jildii 18ffaa Lakkoofsa Galmee 96588 akka dubbistan isiniif eereera.

Lakkoofsa Galmee 97332 ta'e irratti
"qabeenya Murtii abbaa idaa ta'e raawwii Murtiitiif jecha caalbaasiin erga gurgurameen booda caalbaasii irratti
hanqinatu jira,gurgurtaan caalbaasii akka haqamu jedhamee iyyata dhihaatuuf gurgurtaan haqamuu qaba moo? Haqamuu hin qabu? Kan jedhu irratti falmuu kan qaban Murtii abbaa idaa fi Murtii abbaa mirgaa qofa osoo hin taane nama qabeenya caalbaasii moo'atee bitate garee 3ffaanis dabalatee ta'uu qaba jechuun Murtii kennee ture.

✅"Diigamiinsa gurgurtaa"(setting a side the sale):-Sababoon ni gurgurtaa qabeenyaa diigsisan:
#1.Gatiin caalbaasii galii osoo hin godhamin yoo hafe,
#2.Bittaan namoota seeraan akka hin hirmaanne dhoorkamaniin yoo raawwatame,
#3.Iyyata namoonni qabeenyicha irraa gurgurtaan dura faayidaa ykn mirga ni qabna jedhaniin(garee 3ffaan qabeenyi kan murtiin abbaa idaa osoo hin taane kan kooti jechuun yoo dhihaatan,nama qabeenyicha bite,garee 3ffaa mirga qabna jedhaniin,sdfhh keewwata 444(1),446,44(1)),
#4.Hanqina beeksisaa fi adeemsa gurgurtaa hordofuu dhabuu
ulaagaan kunneen bakka tokkotti yoo guutan gurgurtaan ni
diigama,sdfhh keewwata 445.
!!Maddii:-M/xayyib Nuuree!!

Address

Butejera
Woliso

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/Abbaa AlangaaA/Q/Maallimaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to W/Abbaa AlangaaA/Q/Maallimaa:

Share