20/02/2026
Guraandhala 13/2018
Kominikeeshinii Aanaa Sibuu Siree
♧♧♧♧♧♧♧♧♧
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Waltajjiin leenjii fi mana maree Sirna nyaataa fi nuutriishini aanichaa hundeessu gaggeeffamaa jira.
Waltajjii kana irratti hoggansi,miseensota Mana maree fi koreen teeknikaa sadarkaa aanaa fi gandaa hirmaachaa kan jiran yommuu ta'u kaayyoo fi barbaachisummaa waltajjichaa ibsuun haasaan kan saaqan Itti Gaafatamtuun Waajjira misooma magaalaa Godina Wallaggaa Bahaa Aadde Muluwerq Dirbabaa, Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Sibuu Siree Obbo Cannaqaa Bulchaa fi Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Aanichaa Obbo Balaachoo Caalaa walitti aansuun ergaa dabarsaniin nyaataa fi sirni nyaataa maalummaa isaanii sirriitti hubachuun waan oomishuu dandeenyu attamiin madaalawwa qaama,fayyaa fi jireenya namaa haala gaariin qabu taasisuu akka qabnu,garaa garummaa umuriitii fi saalaatiin garaagarummaa soorataa albuudota nyaataatiin guutaman fayyadamuu akka qabnu kan irraa hubannu ta'ee waan hundi sirnaan hogganamuu waan qabuuf caasaa isaa lafa qabsiisuun leenjii hubannoos fudhannee akkaataa itti hojiirra oolchinu akkaataa itti hawaasa keenya hubachiisnu waltajjii irraa hubannu waan ta'eef hubannoo kana fudhachuun barbaachisaa dha kanaaf naamusa waltajjii kabajuun hordofuu qabna jechuun hubachiisaniiru,Qajeelfamni sirna nyaataas Qindeessaa sirna nyaataa fi nuutriishini Obbo Toomaas Nagawootiin dhiyaachaa jira.
Leenjichas Dhaabbatni mit mootummaa "World Vision Ethiopia"damee misooma Aanaa Sibuu Sireetiin deggeramuun ibsameera.