Waajjira Qonna Magaalaa Shanoo

Waajjira Qonna Magaalaa Shanoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Qonna Magaalaa Shanoo, Government Organization, sheno shoa, Sheno.

Ragaa kana ilaalati Gorsa kana fayyadama 🌱🌱🌱🌱
31/08/2026

Ragaa kana ilaalati Gorsa kana fayyadama 🌱🌱🌱🌱

26/08/2026
21/08/2026
Milkoofne✔️
03/08/2026

Milkoofne✔️

M i l k a a' e e r a !
G a l a t o o m a a!

I B S A     G A D D A A !Hojjetaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan turan Obbo Geetahun Nigaatuu dhibee isaan mudateen yaalamaa...
24/07/2026

I B S A G A D D A A !

Hojjetaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan turan Obbo Geetahun Nigaatuu dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii addunyaa kanarraa boqochuu isaaniitti Hojjettoonniifi Hooggansi Biiroo Qonnaa Oromiyaa gadda guddaa isaanitti dhagahame ibsatanii jiru.

Obbo Geetahun Nigaatuu bultii ijaarratanii ijoollee dhiiraa lama qabu, Ogeessa qonnaafi hooggansa Qonnaa ta'uun sadarkaa Godina Harargee Bahaati sadarkaa adda addaaratti, akkasumas Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarikteera Daarektoreetii Exteenshinii Qonnaa ta'uun namuusa ogummaa cimaadhaan dadhabbiifi nuffii malee cichoominaan hojjechuun fayyadamummaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa mirkaneessuuf deeggersa ogummaafi hooggansaa olaanaa taasisaa turaniiru.

Obbo Geetahun Nigaatuu hojii isaaf, ogeessotaafi gaggeessitoota waliin hojjetu biratti nama namuusa gaarii qabu, nama hunda kan kabaju, imala ce'umsa qonnaarratti eegalame milkeessuuf xiiqeffatee hamilee cimaadhaan nama hojjechaa turanidha.

Maal godhuree, Lubbuun harka Waaqaa waan jirtuuf Obbo Geetahun Nigaatuu dhibee isaan mudateen yaalamaa turanii Adoolessa 16, 2018 galgala keessaa sa'aa 5:30tti addunyaa kanarraa boqochuu isaaniitti Hojjettoonniifi Hooggansi Biiroo Qonnaa Oromiyaa gadda cimaa isaanitti dhagahame ibsaa maatii, firoottaniifi hiriyyoota isaaniif jajjabina cimaa hawwanii jiru.

Sirni Awwaalcha Obbo Gaatahun Nigaatuu guyyaa har'aa Adoolessa 17, 2018 Mana Qulqulluu Madaanaalamii Dukamitti sa'aa 9:00 irratti bakka maatii, firoottan, hiriyoonniifi jallattoonni isaa argamanitti kan gaggeeffamu ta'a.

N a g a a n B o q o d h u!

29/01/2026

Qonna: Ka’umsa Badhaadhinaafi Birmadummaa Dinagdee Biyyaa !
==

Jiruufi jireenyi uummata Itoophiyaa qonna kan bu'uureffateedha. Uummata biyya keenyaatiif qonni madda nyaataa, carraa hojiifi lafee dugdaa dinagdeeti. Haa ta’u malee, akka biyyaattis ta'ee akka naannootti sirni qonnaa keenya duubatti hafaa, tarsiimoo laafaafi hoggansa sirri dhabuun ofii cee'ee seektara dinagdee biroo ceesisuu hin dandeenye.

Sanaanis naannoo qabeenya uumamaa naannicharra darbee biyya guutuu sooruu danda'u qabdu keessatti hiyyumniifi eeggattummaan hiddi gadi jabeeffate.

Sirnoota darban keessa qonna ceesisuuf yaaliifi fedhiin jiraatus, sirni, tarsiimoofi hooggansi wal simuun qonna sadarkaa barbaadamutti ceesisuu hin dandeenye.

Qonni rooba gannaa qofarratti hirkachuun, qonnaan bulaan jireenya harkaa gara afaanii dhiibuun, abdii badhaadhinaa akka dhabu ta'e.

Barii jijjiiramaatii as garuu naannoon qabeenya uumamaa hedduu irraaafi jala lafaatii hammaaramee hin dhumne qabdu, uummanni ishee beela’uun qaanii ta'uu ifatti dubbatamuun
hoggansi mul’ata ifaa, tarsiimoo sirriifi kutannoo cimaa qabachuun qonna naannoo keenyaa ija bu'uura badhaadhinaa taasisaa jira. Qonni jecha qofaan osoo hin taane, qabatamaan deeggarsa galteewwaanii, ogummaafi teeknolojii akka argatu ta'eera. Hojiin qonnaa qorannoo jabaan akka utubamus hojii cimaan itti fufiinsan hojjatameera. Kana malees deeggarsi ogummaa olaanaan taasifamuun hojii qonnaatiif dirree mijataa uumee jira.

Kunis harki hojjachuu danda’u hundi hojjachuun hiyyummaa saba mataa gadi qabachiise injifachuun badhaadhina fageenyarraa hawwinu bira gahuun akka danda'amu akeekee jira. Kanarraa kan ka'e yeroo ammaa qonni naannoo keenyaa ofirra darbee qonna biyyaa kufaatirraa baraaruun injifannootti ceesisaa jira.

Hojiin jallisii irratti hojjatamaa jiru oomishaafi oomishtummaa dabaluun
qonna naannoofi biyya keenyaa rooba gannaa qofarratti hirkatee ture seenaa taasisaa jira.

Naannichatti bona jallisiifi bishaan kuufamaan hojiirra ooluun, bonaa - gan

Address

Sheno Shoa
Sheno

Telephone

+251116870088

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Qonna Magaalaa Shanoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share