Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa, Government Organization, Oromia, Shashemene.

01/07/2024
28/06/2024

Qisaasama Maallaqaa, Qabeennaa bu'aa yakkaa fi Hariiroo Hawaasaa Irraa Tilm. Qarshii 558, 803, 390.72 Mootummaaf Galii Ta'e!
=============================
Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi caasaan waajjirichaa sadarkaa Aanaa irra jiru bara 2016 keessatti qabeenya ummataa fi mootummaa qisaasamarraa hambisuu fi qisaasamee tures deebisiisuu fi qabeenya bu'aa yakkaatiin argames mootummaa fi ummataaf akka deebi'u hojii bal'aa hojjataa tureera. Keessattuu qabeenyi mootummaa akka hin qisaasamni hubannoo kennuu irraa jalqabee yeroo qisaasamee argames karaa gorsaan, akeekkachiisaan, falmii taasisuun, tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuun fi maloota biroo fayyadamuun qabeenyaa fi maallaqa mootummaaf ummataa qisaasamee ture deebisiisuun danda'amee jira. Kanumaan wolqabatee Liqii Baankii Siinqee, Liqii Calla Guddiftuu, argannoo bu'aa odiitii, qabeenna bu'aa yakka malaammaltummaa fi diinagdee irraa argame maallaqa dheedhii fi qabeenna gosaan(in kind) akka deebi'uuf falmiin ala ykn tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu irraa jalqabee hanga himannaa hariiroo hawaasaa fi yakkaa malaammaltummaa fi diinagdee Mana Murtiitti dhiyeessuun falmii taasisuun qabeenyaa fi maallaqa guddaa mootummaaf akka deebi'uu, murtaa'uu fi dhaalamu gochaa turreen bara 2016 maallaqaa fi tilmaamni qabeenyaa qarshii Miliyoona dhibba shaniif miliyoona shantamii saddeetii fi kuma dhibba saddeetiif kuma sadiif dhibba sadiif sagaltamaa fi sat.72/100 (558, 803, 390.72) Mootummaaf galii gochuu danda'amee jira! Dabalataanis gorsaa fi falmii Mana Murtiitiin lafa baadiyaa heektaara 11.37, Mana Gandaa 4 fi lafa magaalaa km2 150 mootummaaf deebisiifame yoo ta'u qabeenyi bu'aa yakkaa ta'uu eeruun dhiyaate Mana Gandaa 1 kan lafa km2 159 irratti ijaarame dhoorkamee galmee qoratamaa jira! Raawwii hojii keenna gurraa fi ija ummata keennaa biraan ni geenna🙏

Kominikeeshiinii Waajjira A/ Alangaa Godina A/Lixaa!

Waajjiirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa raawwii hojii bara 2016 tiin akka Godina Arsii Lixaatti 2ffaa bahee jira. ...
28/06/2024

Waajjiirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa raawwii hojii bara 2016 tiin akka Godina Arsii Lixaatti 2ffaa bahee jira. Baga gammaddan baga gammanne.

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa Gamaaggama Raawwii Hojii bara 2016 taasifameen sadarkaa 2ffaa qabachun geeb...
28/06/2024

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa Gamaaggama Raawwii Hojii bara 2016 taasifameen sadarkaa 2ffaa qabachun geeba fudhatee.

10/04/2024

Ebla 1,bara 2016, WAAGAL, Shaashamannee
=============
Ergaa Baga Geettanii!
=================
Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Aabbee Haajii hordoftoota Amantaa Islaamaa hundaan baga Ayyaana Iid- Al Fixirii kan waggaa 1445ffaa nagaan geettaan jechuun ergaa baga geessanii dabarsanii jiru!
Itti dabaluunis Waajjirri Abbaa Godina Arsii Lixaa Godina keenya keessatti namoota heeraa fi seera darbanii fi gocha yakkaatiin shakkaman seeratti dhiyeessuun murtii saffisaa fi haqa qabeessa ta’e itti kennisiisuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessisuudhaan nagaa fi tasgabbii ummataa eegsisuu,dantaa hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachiisuu, ragaa seera qabeessa ta’e galmeessisuu,hubannoo seeraa hawaasaa kennuun namni mirgaa fi dirqama isaa seeraan tumamee jiru akka beekuu fi seerotni jiran qixa walfakkaataniin Godina keenyatti hojii irra akka oolan taasisuu keessatti ergama Waajjirichaa ta'uu isaa dhaamuun hawaasni keenya ergama waajjirichaa milkeessuu keessatti gahee isaa bahachuu qaba jedhaniiru! Ayyaanni kun kan nagayaa, kan jaalalaa, kan milkii, kan gammachuu, kan tokkummaa, kan rakkataa itti gargaarruu fi kan badhaadhinnaa akka isiniif ta'u hawwa jechuun hawwii qaban dabarsaniiru!
Ayyaana Gaarii!

BAGA GEESSAN !!      ❤😍😍❤🌹🌹🌴🌼🌙Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa Hordoftoota amantii Islaamaa Hundaan baga Ayy...
10/04/2024

BAGA GEESSAN !!
❤😍😍❤🌹🌹🌴🌼🌙
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa Hordoftoota amantii Islaamaa Hundaan baga Ayyaana IId-Al-fixri waggaa 1445ffaan isin gahe jechaa, ayyaanichi kan milki, nagaa fi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii qabnu kabajaan ibsina!!!

06/04/2024

Address

Oromia
Shashemene

Telephone

+251973341171

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gadab Hasaasaa:

Share