24/01/2026
EGSO Amajjii, 2018: Milkaa’ina raawwii hojii keenyaaf qindoominaa qooda fudhattoota fi qabaattoota waliin hojjachuun jijjirama nuuf fide jira jedhan Ittigaafatamaan Ejensii Galmeessa Siivilii Bulchiinsa Magaala Shaashamannee Obbo Mi’eessoo Woyyuu
Galmeessi siivilii haqa mirkaneessuu, sirna bulchiinsa ammayyaa diriirsuu fi tajaajila hawaasummaa saffisaa fi dhaqqabamaa taasisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu isa ibsuun, raawwiin hojii kurmaana 2ffaa keessatti raawwachaa turaniin keessattu gama raawwiin hojii waliigalaatiin, qindominaa hojii cimsuu,kenna tajaajila irratti hubannoo kennu, hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsaan taasisuu, gamaaggama hojii mana maree galmeessa siivilii waliin gaggeessuun ciminaale fi hanqinaalee mul’atan adda baasuun furmaata kenna jiraachuus ibsaniiru.
Kurmaanoota itti aanan keessatti taatee daangaa yeroo seeraan ta’ee keessatti galmeessuu, mana maree cimsuu, qindoomina jiru cimsuu fi kenna tajaajila kennamuu saffisa fi dhaqqabama ta’e akka kennamu xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uus ibsaniiru.