West Arsi Siraro prosperity party

West Arsi Siraro prosperity party Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from West Arsi Siraro prosperity party, Political organisation, Democry, Shashemene.

17/12/2023
07/07/2023

Paartiin Badhaadhinaa jiruuf jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuuf hojjachaa jira

Godina Arsii Lixaa aanaa Nageellee Arsiitti pirojektiin misooma jallisi baajata mootummaan ijaarame tajaajilaaf banaa taasifame jira. Akka Godinichattis aanaalee gammoojjiitti hawaasni jallisiin omishuu akka danda'uuf hojiin bal'aan hojjatamaa jira .

Hawaasa diinagdeen guddisuuf qonna mala ammayyaan fayyadamuun qonnaan bultootni, yeroo bonaas eeggattummaa roobaa malee akka omishaniif pirojektiin jallisi murteessaa dha.


06/07/2023

Qaala’insa gabaa hir’isuuf maallaqa qarshii gabaa keessa faca’e to’achuuf hojjetamaa jira
--------------
Qaala’insi gabaa sadarkaa olaanaadhaan kan miidhu hojjetaa mootummaa dabalatee hawaasa galii gadaanaa qabanidha.

Qaala’insi gabaa tasgabbeessuuf hojiileen garaa garaa hojjetamaa jiru. Xaa’oofi boba'aa irratti deeggarsi guddaa taasifameera. Sababni isaa yoo kuni godhamuu baate qaala’insi gabaa kana caalaa dabaluun lammii keenya miidha waan ta’eefi. Hojii hojjetameenis qaala’insi gabaa 30% akka hin caalle taasisuun danda’amee jira.

Bara dhufu lafa heektaarri miiliyoona 2 dabalataan kan qotamuufi waliigala lafa heektaara miiliyoona 15 qotuun rakkoo qaala’insa gabaa to’achuuf ni hojjetama. Galiin nama dhuunfaa qarshii 1,000 gadi ture 1000 oli akka ta'u taasifameera.

25/06/2023

Humna waloo qindeessuuniifi baajata mootummaa qusannoon daguuganii fayyadamuun imala karoora badhaadhinaa galmaan gahuuf hojiin eegale cimee itti fufa.
~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jijjiiramaan as pirojektoota hiyyummaa xiqqeessaniifi gama rakkoo bulchiinsa gaariin komii hawaasichaa hambisan hojjechaa tureera.

Bara kana gaaffii bu'uraalee misoomaa ummanni qabu deebisuuf Pirojektootni kumni 19 dhibbi 9 fi 12 ol baasii qarshii biliyoona 54 hojjemaa turan eebbaaf qophaa'uu Pir. I/A MNO of Obbo Awwaluu Andii ibsaniiru.

Milkaa'ina pirojektoota kanaaf hirmaannaa fi kutannoo uummanni naannichaa taasiseef galateeffataniiru

Humna waloo qindeessuun imala karoora badhaadhinaa galmaan gahuuf hojiin eegale cimee itti fufa.

25/06/2023
25/06/2023
14/06/2023

Biyya sabdaneettii lammii hundaaf taatu ijaaruudhaaf dhugaa waloo sadarkaa hundatti mirkaneessuun dhimma murteessaadha.

Dhugaa waloo mirkaneessuudhaaf ammoo dhugaan kan jiru nu bira qofa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.Dhugaan qaama kaan biras akka jirtu beekuudhaan dhugaa gamaa fi gamanatti argamu walitti fiduudhaan dhugaa walootiin biyya waloo keenyaaf taatu ijaaruun dhimma ijoodha.

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya sabdaneettii duudhaan tokkummaa fi obbolummaa lammiilee keessatti dagaage yemmuu taatu, heddumminni kun ammoo miidhagina addaa ta’uudhaan imala ijaarsa biyyaa kaleessaa hanga har’aatti jiruuf gumaacha hangafaa taasisaa jira.

Seenessa jallataa tokkummaa fi walitti dhufeenya lemmiilee laaffisan qajeelchuudhaan lammiilee gidduutti jaalalli fi obbolummaan dhugaa akka dagaagu, biyya dhugaan waloo itti mirkanaahe fi hunda keenyaaf taatu ijaaruudhaaf lammiin hunduu tumsuu qaba.

Akka biyyaatti dhimmoota walirraa nu fageessanii fi tokkummaa keenya diigan caalaa dhugaawwan waloo walitti nu dhiheessanii fi nu tokkoomsan hedduu qabna. Dhugaan waloo biyya cimtuu fi badhaatu taate ijaaruudhaaf bu’uura waan ta’eef dhimma biyyaa irratti ilaalama sirrii ta’e goonfannee imala jijjiirama biyyaa waloon haa dhugoomsinu.

Address

Democry
Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when West Arsi Siraro prosperity party posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to West Arsi Siraro prosperity party:

Share