Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Haqaaf Haqaan Hojjanna!

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Heeban Arsii baajata mootummaatiin ijaarame xumuramuun iddoo hawaasni bal'aan Aanichaa fi ...
28/05/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Heeban Arsii baajata mootummaatiin ijaarame xumuramuun iddoo hawaasni bal'aan Aanichaa fi hooggansi sadarkaan jiran argamanitti eebbifamee tajaajila ummataatiif banaa taasifamee jira! Sagantaa eebbaa kana irratti Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddaffoo dabalatee Hooggantoota Manneen Hojii Mootummaa sadarkaa Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa fi Aanaa Heeban Arsii argamuun gaafa guyyaa 18/9/2018tti Waajjiricha eebbisiisuun tajaajila ummataatiif banaa taasifamee jira!

Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo, Abbootii Alangaa fi hojjat...
26/05/2026

Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo, Abbootii Alangaa fi hojjattoota Bulchiinsaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa kanneen hordoftoota Amantaa Islaamaa taatanii fi hordoftoonni Islaamaa marti baga jala bultii Ayyaana Iid Al-Adahaa waggaa 1447tiin nagayaan isin gahe jechuun ergaa baga geettanii dabarsanii jiru! Ayyaanni kun kan nagayaa, gammachuu, badhaaadhinnaa, jaalalaa, gammachuu, fi tokkummaa akka isiniif ta'u hawwwwii qaban dabarsanii jiru! Ayyaana Gaarii!

Taarifaa oli kaffalchiisuun yakka!==========================Himatamtoonni taariifa seeraan eyyamamee oli imaaltota irraa...
16/05/2026

Taarifaa oli kaffalchiisuun yakka!
==========================
Himatamtoonni taariifa seeraan eyyamamee oli imaaltota irraa fudhatan irratti adabbiin hidhaa fi maallaqaa kenname! Yakkicha kan raawwatan 1ffaa konkolaachisaa Jamaal Sulxaanii fi 2ffaa Gargaaraa Konkolaachisaa Jabaa Muhaammad kan jedhaman waliin ta'uun gaafa 29/8/2018 ganama keessaa tilmaamaan sa'aatii 3:00 yoo ta'u konkolaataa Deddeebisaa Uummataa lakk.Gabatee 3-9607-ORO ta'e bakki ka'umsa isaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Magaalaa Laajjoo kan ta'ee fi bakki gahumsaa isaa Magaalaa Adaabbaa kan ta'e imaaltota konkolaaticha seenan irraa taarifa seeraan murteeffame qarshii 150 kaffalanii ergaa seenanii booda karaa gubbaatti tokkoo tokkoo imaaltotaa irratti qarshii dabalataan 250 fudhatanii magaalaa Adaabbaa akkuma seenaniin eeruu ummata irraa argameen qabamanii yakka raawwataniin galmeen qorannoo isaanii irratti qulqullaa'ee erga xumuramee booda gochi isaan raawwatan kan himachiisu waan ta'eef Abbaan Alangaa Aanaa Adaabbaa himatamtoota irratti seera yakkaa bara 1996 bahe keewwwata 32(1A) fi labsii Dorgommii fi Eegumsa shammaattotaa eeguuf bahe lakkoofsa 813/2013 keewwwata 25(2),22(6) fi 43(6) jalatti himannaa yakkaa mana Murtii Aanaa Adaabbaatti dhiheessuun falmii bitaa fi mirgaa ergaa booda Dhaddacha guyyaa 29/8/2018 ooleen adabbii himatamtoota barsiisuu fi fakkaattota akka isaanii barsiisuu fi fakkaatota akka isaanii gochaa walfakkaataa raawwachuu malan akeekkachiisuu ni danda'a jechuun Manni Murtii hidhaa salphaa guyyaa 10 fi adabbii qarshii 15,000( Kuma kudha shanii mata mataattti adabee jira.

Leenjiin Karoora Waggaa 5 fi kan bara 2019 qindeessummaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjira Abbaa Ala...
02/05/2026

Leenjiin Karoora Waggaa 5 fi kan bara 2019 qindeessummaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin guyyaa har'aa kana (24/8/2018) qophaa'uun Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Bulchiinsaa sadarkaan jiraniif Magaalaa Shaashamanneetti kennamee jira! Leenjii karooraa kana kan kennaa Daarektara Karooraa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Kab. Obboo Sisay Iddeessaa yoo ta'an leenjii kana irratti Abbootii Alangaa fi Hojjattoonni Bulchiinsaa sadarkaa Godinaa, Magaalaa, Aanaalee fi Kutaa Magaalaa irraa hirmaatanii jiru! Leenjiin kun erga kennamee booda gaafii fi yaada hirmaattota leenjii kana fudhatan irraa ka'ee jira! Gaafii fi yaada mana keessaa ka'e irrattivDaarektarri Karooraa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa deebii itti kennuun leenjiin goolabamee jira!

Qindeessummaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin ...
02/05/2026

Qindeessummaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa fi Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetiin guyyaa har'aa kana (24/8/2018)tti leenjiin Karoora waggaa shanii fi kan bara 2019 irratti Leenjiin Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Bulchiinsaatiif Magaalaa Shaashamanneetti kennamaa jira! Leenjii kana kennaa kan jiran Daarektara Karooraa Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Kabajamoo Obboo Sisay Iddeessaa yoo ta'an leenjii kana irratti Abbootii Alangaa fi Hojjattoonni Bulchiinsaa sadarkaa Godinaa, Magaalaa, Aanaalee fi Kutaa Magaalaa hirmaataa jiru!

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Karoora Addaa Baatii tokkoo sadarkaa Godinaa fi Aanaalee,   kallattii hojii B...
01/05/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Karoora Addaa Baatii tokkoo sadarkaa Godinaa fi Aanaalee, kallattii hojii Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa irraa kennnamee, Leenjii CAS fibajandaalee biroo irratti Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa hirmaachisuun guyyaa har'aa kana Eebla 23 bara 2018 waltajjii marii Magaalaa Shaashamanneetti gaggeessee jira. Waltajjii marii kana I/ Gaafatamaan Waajjira A/Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo haasaa baniinsaa erga taasisanii booda kallattii waltajjii marii kennuun ifatti waltajjii saaqanii jiru! Waltajjii marii kanarratti Gareen Manaajimentiin Waajjira A/Alangaa Godina Arsii Lixaa, Hooggantoota fi Abbootii Adeemsaa Waajjiraalee Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa hirmaatanii jiru! Hooggantoonni Waajjiraaleen Abbaa Alangaa Aanaalee Godina Arsii Lixaa karoora Addaa Aanaa isaanii dhiyeessanii jiru. Duubdeebiin gabaasa raawwii hojii Aanaalee kan kurmaana 3ffaa karaa Obboo Awwal Ayyuubiitiin dhiyaatee jira. Itti aansee leenjiin CAS irratti karaa Dursaa Garee Bulchiinsa Siistamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Obboo Musxafaa Aabbuutiin kennamee jira. Dhiyeessii fi leenjii kenname irratti mariin bal'aan gaggeeffamee jira. Dhuma irratti Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa Kabajamoo Obboo Darajjee Daddafoo Kallattii hojii itti aanuu kennuun waltajjiin goolabamee jira!

Manaajimentiin Waajjira Abbaa Alangaa  Godina Arsii Lixaa guyyaa har'aa kana gaafa  Bitootessa 19 bara 2018 A.L.Itti  du...
27/04/2026

Manaajimentiin Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa guyyaa har'aa kana gaafa Bitootessa 19 bara 2018 A.L.Itti duub-deebii gabaasa raawwii karoora hojii kurmaana 3ffa fi kallattii hojii itti aanuu ilaalchisee Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa irraa kenmame irratti marii gaggeessee jira! Ciminaalee keenna maali akka turanii fi haala kamiin immoo ciminaalee kana galmeessine akkasumas ciminaalee kana ammas haala daran itti fuufsisuun danda'amurratti mariin gaggeeffamee jira. Harcaatilee hojii keessatti mul'achuun duubdeebii irratti nuuf kenname sababa maaliif akka harca'an, eenyuun biratti akka harca' an abbaa itti gochuudhaan yeroo dhiyoo keessatti sirreessuu akka qabnuu fi dhimmoota biroo kan xiyyeeffannaa addaa barbaadan irratti mariin gaggeeffamee jira! Dhuma irratti IG WAAGAL Kabajmoo Obboo Darajjee Daddafoo maali karoorfannee turre? kan karoorfanne keessaa maali milkeessine? yaadama jedhuun ofi ilaalaa akka deemnuu fi karoora addaa baafachuun harcaatilee mul'atan maqasuun yeroo muraasa nu hafe keessatti raawwii olaanaa galmeessuu akka qabnu kaasuun kallattii hojii itti aanuu kennuudhaan waltajjiin goolabamee jira!

26/04/2026
Himatamtoonni boba'aa naafxaa litirii 300 tilmaamaan qarshii 49,476 ta'u seeraan ala bittaa fi gurgurtaa raawwachuun kuu...
25/04/2026

Himatamtoonni boba'aa naafxaa litirii 300 tilmaamaan qarshii 49,476 ta'u seeraan ala bittaa fi gurgurtaa raawwachuun kuusanii himataman adabbii hidhaa fi maallaqaatiin adabaman! Gochaa yakkaa kan raawwatan himatamaa 1ffaa Hayilamaaram Bulaatii fi himatamaan 2ffaa Naatinaa'el Girmaa kan jedhaman yoo ta'an, himatamtoonni kunniin Gaafa guyyaa 16/8/2018 guyyaa keessa tilmaamaan sa'a 8:00 yoo ta'u Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Ganda Ejersaa iddoo addaa naannoo Warshaa Daakuu Abiichoo kan jedhamu biratti, himatamaan 1ffaa kun konkolaachisaa konkolaataa lakk. gabatee 3-28766 ET fi harkifamaan isaa lakk.gabatee 3-38727 ET ta'e keessaa boba'aa naafxaa litira 300 tilmaamni qarshii 49476 ta'u, iddoo haayyamameefiin alatti himatamaa 2ffaatti kan gurgure yoo ta'u, himatamaan 2ffaa kun immoo boba'aa kana himatamaa 1ffaa irraa karaa seeraan alatiin ykn iddoo haayyamame ala erga bitee booda kuusee argamee jira! Himatamtoonni yeroo gochaa kana wajjiin ta'uun raawwatan eeruun hawaasa keenna irraa qaamolee seeraa fi nageenyaa gahetti, hordoffii taasifameen qabamanii galmeen yakkaan irratti qulqullaa'ee jira! Galmeen qorannoo yakkaa erga xumuramee booda Abbaa Alangaa Aanichaa himatamtoota kanneen seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 32(1A) fi Labsii lakk.1363/2017 keewwata 25/1/ jalatti yakka boba'aa iddoo haayyamameen alatti gurguruu fi bituudhaan akkasumaas kuusuun Mana Murtii Aanaa Adaabbaatti himatee jira. Himatamtoonni dhaddachatti dhiyaatan yakka himatamaniin kana akkaataa himannaan Abbaa Alangaa isaan irratti dhiyaateen qusannoo tokko malee guutumaan guututti amanii jiru. Abbaan Alangaa bu'uura amantaa isaaniitiin akka murtiin balleessummaa irratti kennamu kan gaafate yoo ta'u Manni Murtiis bu'uura amantaa himatamtootaatiin akkaataa sdfy keewwata 134(1)tiin keewwatuma himanni irratti dhiyaate jalatt murtii balleessummaa itti kennee jira. Manni Murtii yaada Adabbii cumsuu fi salphisu erga fudhatee booda dhaddachaa gaafa guyyaa 17/8/2018 ooleen himatamtoota ni barsiisa fakkaattota isaanii ni akeekkachiisa jechuun adabbii hidhaa cimaa waggaa 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 350,000 mataa mataan akka adabaman kan itti murtaa'e yoo ta'u walumaagalatti hidhaa cimaa waggaa 3 fi qarshii 700,000 (kuma dhibba torba) itti murtaa'uun boba'aan litirii 300 kan tilmaamaan qarshii 49,476 ta'u akka mootummaa dhaalamu Manni Murtii ajaja kennee jira!

Address

Kela
Shashemene
010

Opening Hours

Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251937432653

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Godina Arsii Lixaa:

Share