11/12/2025
Himatamaan miidhaa saal qunnamtii daa'ima irratti raawwate hidhaa cimaan adabame.
Sadaasa 30, 2018 KWAAMSH
Himatamaan maqaan isaa Ibraahim Badhaanee Osolii jedhamu gaafa guyyaa 03/11/2017 guyyaa keessaa tilmaaman sa'aatii 10:00 yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kutaa Magaalaa Malkaa Sirbaa Aanaa Iddoo Leencaa iddoo addaa Gooxii 4ffaa jedhamutti miidhamtuu dhuunfaa umriin ishee waggaa Torbaa hanga sagalii (7-9) gidduu taate, Mooraa Mana jireenya isaa keessa seensisuun lafatti erga kuffise booda, gocha saalqunnamtii irratti raawwate jechuun seera yakkaa bara 1996 baye kwt. 627(1) jalatti A/Alangaa Himannaa dhiyeessee ture.
Himannaa dhiyaate himatamaan waakkatee kan falme yommuu ta'u, ragaan Abbaa Alangaa namaa fi barruu dhiyaate himatamaan gocha yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa irratti mirkaneessuudhaan akka ofirraa ittisu jal murtiin kennamus, ragoonni ittisaa himatamaa dhiyaatanii dhagayaman himatamaa irraa waan hin ittifneef Manni Murtii Olaanaa Bulchiinsa magaalaa Shaashsmannee keewwatuma ittiin himatame jalatti balleessaa qaba jechuun yaada adabbii bitaa fi mirgaa caqasuun dhaddacha gaafa 29/3/2018 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa 16tiin adabee jira.