Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Barrak

Waajjira  Komunikeeshinii  Aanaa Barrak Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Barrak, Government Organization, Sendafa.

Caamsaa 16/2016Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti waajjira Geejjiba Abbootii qabeenya,konkolaachistootaa fi daandii c...
24/05/2024

Caamsaa 16/2016
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti waajjira Geejjiba Abbootii qabeenya,konkolaachistootaa fi daandii cirracha Sagantaa bobbii hin qabnee irratti hojjatan waliin marii taasise.
Marii kanarrattis abbootiin qabeenyaa fi Konkolaachistoonni hawaasa sarara daandii cirrachaa irratti tajaajilaman akka hin rakkanneef akka tajaajilaniif rwaliin marii taasisan.

17/04/2024
13/03/2024

Waadaa Galame Gochaan Raawwachuun Badhaadhina Biyya Keenyaa Dhugoomsina
-------------
Sirna siyaasaa biyya keenyaa yeroo dheeraa keessatti mootummaan waan ummataaf waadaa gale raawwachuun baratamaa hin turre. Kunis, hariiroo mootummaafi ummataa laaffisuu bira darbee mootummaa fudhatamummaa qabu uumuufi ijaarsa biyyaa xumuruu irratti rakkoo uumaa tureera. Mootummaa fudhatamummaa qabu uumuun ijaarsa sirna dimokiraasii jabeessuuf bu'uura yoo ta'u mootummaan eyyentaa ummataan gara aangootti dhufuufi waan ummataaf waadaa gale raawwachuun ammoo sanaaf daandii saaqa.

Biyya keenyatti ijaarsa sirna dimokiraasii, bu'uuraalee misoomaa, tajaajila hawaasummaafi kan biroon akkaataa waadaa galamaniin raawwachuu dhabuun ummanni mootummaarraa amantaa akka dhabu taasisuun ummataafi mootummaa jidduutti walitti bu'insa uumaa tureera.

Mootummaan jijjiiramaa dhimmi waadaa ummataa raawwachuufi fudhatamummaa mootummaa mirkaneessuu dhimma fudhatamummaa biyyaa (state legitimacy) akkasumas waliigaltee biyyaalessaa uumuun ijaarsa biyyaa xumuruu ta'uu hubachuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetaa jira. Keessumattuu waggoottan darban keessatti hojiiwwan ummataaf waadaa galaman raawwachuun walqabatee hojiiwwan gurguddoo jiruuf jireenya ummataa fooyyessaniifi birmadummaa biyya keenyaa guutuu taasisan raawwachuu irratti jijjiiramni guddaan dhufeera.

Seenaan dhagaa bu'uuraa kaa'anii ittiin bara filannoo qofaa lakkaa'uufi ummata abdii qofaan jiraachisuu hafeera. Jijjiiramaan dura yeroo filannoon ga`u humni raawwachiisummaafi bajanni jiraachuun osoo hin mirkanaa'iin bakkoota hedduutti dhagaan bu`uuraa ijaarsa pirojektiif kaa`uun baratamaa ture. Waadaawwan galamaa turan karooraafi qorannoo ga`aa irratti waan hin hundoofneef raawwii malee hafaa turaniiru.

Jijjiiramaan asitti fedhiifi kutannoo badhaadhina Itoophiyaa mirkaneessuuf jiru irraa ka'uun waan raawwatamu qofa waadaa galuu, waan waadaa galame ammoo ariitii, baay'inaafi qulqullinaan raawwachuun muuxannoo ta'aa dhufee jira; ummannis jijjiirama kana mirkaneessaa jira. Hojiiwwan hojjetaman keessatti humnoota walootiin hirmaannaa hawaasaa cimsuufi abbummaa ummataa mirkaneessuun kanaaf galtee guddaa ta'ee jira.

Galmoota Imala Badhaadhinaatiin qabaman keessaa hedduun isaanii akkaataa waadaa galamaniin raawwatamaa jiru. Hojiiwwan hojjetamanis Itoophiyaa biyyoota Afrikaa badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun toora duraa jiran 5 keessaa tokko taasisuun faajjii badhaadhina Afrikaa taasisuudha. Karoorri qamadii alatti erguun kadhaa qamadii jalaa bahuuf qabames milkaa'uun isaa waadaa galame raawwachuu ilaalchisee agarsiiftuu guddaadha.

Mootummaan keessumaa gama raawwii pirojektiiwwan misoomaatiin waadaa gale gochaan mirkaneessuufi qormaatilee gara carraatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jira. Dinagdee biyyaas caalmaatti cimsuuf, kallattii kaa`ameefi haala karoorfameen akka raawwatamuuf raawwiin pirojektootaafi inisheetiivonni hojiirra oolaa jiran ragaa guddaadha. Kunis, cimee kan itti fufu ta'a.

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube: https://www.youtube.com/results...
------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Gurraandhala 20/2016Godina shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti daldaltoota leenjii tajaajila misoomaa(TMD) fudhatanif saganta...
28/02/2024

Gurraandhala 20/2016
Godina shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti daldaltoota leenjii tajaajila misoomaa(TMD) fudhatanif sagantaa ebbaa waajjira daldalaa Aanaa Barrakin gaggeeffame.
Sagantaa leenjii misooma daldalaa kanarrattis qaamoolee hirmaatanif waraqaan ragaa keenname.

28/02/2024
28/02/2024
Sadaasa 18/2016"Malaammaltummaan d. diina waloo keenyaa waan ta'eef gamtaadhaan irratti haa qabsoofnu"Godina Shawaa Kaab...
28/11/2023

Sadaasa 18/2016
"Malaammaltummaan d. diina waloo keenyaa waan ta'eef gamtaadhaan irratti haa qabsoofnu"
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti guyyaan farra malaammaltummaa idol addunyaa 20ffaan mata duree"Uniting the world against corruption"jedhun kan kabajamu yoo taa'u sadarkaa biyyaatti yeroo 19ffaa fi akka naannootti yeroo 18ffaaf kabajamuu sadarkaa aanaatti marii paanaalitiin kabajame olee.
Kabaja kanarrattis barreeffamni maalummaa fi dhibbaa malaammaltummaan qaburratti dhiyaatee irratti mariin gaggeeffame.

Sadaasa 11/2016"Biqiltuun jireenya lubbu qabeeyyi hundaaf isa murteessaadha"Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti biqilt...
21/11/2023

Sadaasa 11/2016
"Biqiltuun jireenya lubbu qabeeyyi hundaaf isa murteessaadha"
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barrakitti biqiltuu sagantaa gara garaan dhaabbame kununsa taasisun eegalee.
Itti Aanaan Biroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphasaa yaada keennanin laftii magariisaa ta'ee waan hunda qaba waan ta'eef xiyyeeffannoon akka biyyaatti keenname hojjatamaa jiru galmaan gahuf kan dhaabne kununsun dhaloota oldeemuuf waan gaarii dhaalchisuf waan guyyaa kana eegallee haanga dhumaatti kununsuuf hojjatamu qaba jedhan.
Dhimmi biqiltuu dhimma jiraachu fi jiraachu dhabu ta'u hubanne biqiltuuwwan jiran kununsuun galma yaadameef gahuuf tuumsa gochu qabna jedhan.

Itoophiyaan Ulaan Galaanaa Argachuun Birmadummaa Isheef Murteessaadha
20/11/2023

Itoophiyaan Ulaan Galaanaa Argachuun Birmadummaa Isheef Murteessaadha

Mariin Biyyaalessaa Daawwaa Dhibee Siyaasa Biyya Keenyaati----------Biyya obbolummaan dhugaa keessatti dagaageefi biyya ...
17/11/2023

Mariin Biyyaalessaa Daawwaa Dhibee Siyaasa Biyya Keenyaati
----------
Biyya obbolummaan dhugaa keessatti dagaageefi biyya naga qabeettii ijaarsi sirna dimokiraasii keessatti dhugoome ijaaruun dhaloota egeree dhaalchisuuf mariin biyyaalessaa shoora olaanaa qaba. Biyyi keenya Itoophiyaan biyya guddoo Gaanfa Afrikaa keessatti aadaa wal danda'uu qabduun miira obbolummaa jabaan birmadummaan ishee eeggattee har'a geesse yoo taatu har'as isa durii caalaa cichoominaan biyya rakkoo kamuu damdamattee dhaabbachaa jirtudha.

Biyyi wareegama ilmaan isheen birmadummaa ishee tikfattee as geesse keessoo isheetti qormaatawwan danuu sababa aadaan siyaasaa dimokiraatawaafi wal morkii yaadaa hin gabbanneef keessummeessitus har'a ifaajee lammii isheen birmadummaa ishee kabachiisaa karoora imala badhaadhina biyya keenyaa milkeessuuf milkaa'inni marii biyyaalessaa hirmaannaa lammiilee hundaa gaafata.

Walwaraansi, aangoo humnaan fudhachuufi wal ajjeesn waliigala aadaan siyaasaa ammayyaa'uu dadhabuun biyya keenya gatii guddaa kaffalchiisaa waan tureef kuufamni qormaatilee kanneenii dhaloota irraa gara dhalootaatti tarkaanfataa kan dhufe ta'us amma dhaloota egereetti akka hin dabarreef furtuu rakkoo maraa kan ta'e mariin biyyaalessaa akka milkaa'u gama hundaan deeggarsa gochuun murteessaadha.

Mootummaan kuufamni qormaataa kun dhaloota egereetti akka hin ceeneef kutannoo qabu gochaan mul'iseera. Kanaafis, Komishiniin Maree Biyyaalessaa hundaa'ee hojii qabatamaa keessa kan jiru yoo ta'u lammiileen biyyattii milkaa'ina isaatiif gumaacha addaa taasisuun biyya sabdaneettii obbolummaan dhugaan keessatti ifee mul'atu ijaaruun kuufama rakkoo dhaloota har'aaf ba'aa ta'e kana furuu carraaquu qaba.

Heerri biyya keenyaa ragga'uun hojiirra oolaa jiru sanada waliigaltee obbolummaafi hariiroo waliin jireenyaa saboota, sablammootaafi uummattoota biyya keenyaa kan mirkaneesse aadaafi duudhaa waldanda'uufi nagaan waliin jiraachuun biyya jabduu taate ijaarrachuuf bu'uura kan kaa'e; rakkoowwan barootaaf qab

Address

Sendafa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Barrak posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share