02/06/2026
Itoophiyaan filatteetti!
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee, Obbo Nuradin Ahimad, filannoon biyyaalessaa marsa 7ffaan nagaan xumuramuu ilaalchisuun ergaa dabarsan
Bulchiinsa Magaalaa Sanbateetti filannoon biyyaalessaa 7ffaan nagaan, sirnaan fi hirmaannaa uummataa olaanaadhaan xumuramuun isaa gammachuu fi boona guddaa akka itti dhaga’ame Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sanbatee Obbo Nuradin Ahimad ibsaniiru.
Kantiibaan ergaa dabarsaniin, jiraattonni magaalaa Sanbatee, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin amantii, qaamoleen nageenyaa, raawwattoonni filannoo, paartiileen siyaasaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi filannichi nagaan akka gaggeeffamuufi milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha olaanaa taasisaniif galata guddaa dhiheessaniiru.
“Uummatni magaalaa Sanbatee amantii adeemsa dimokiraasii irratti qabu gochaan mirkaneessuudhaan itti gaafatamummaa lamummaa isaa sirnaan ba’ateera. Kunis magaalaa keenyaaf hundee nageenyaa, tokkummaa fi misoomaa jabaa kan kaa’u ta’eera” jedhaniiru.
Ittidabalunis, adeemsi filannichaa nagaan xumuramuu isaa, bilchina siyaasaa uummataa, hojii qindaa’aa dhaabbilee mootummaa fi dammaqina humnoota nageenyaa bu’aa ta’uu ibsuudhaan, kun naannolee biroofis muuxannoo gaarii akka ta’u hubachiisaniiru.
Dhuma irrattis, uummatni yeroo filannoo aadaa dimokiraasii nagaa qabeessa fi bilchaataa ta’e argisiise itti fufuudhaan, magaalattii gara misoomaa, guddinaa fi badhaadhina fooyyeetti ceesisuuf hundi tokkummaan akka hojjetan waamicha dhiheessaniiru.
“Nageenyi injifannoo keenya hundaati; misoomnis firii carraaqqii keenya walooti. Milkaa’ina adeemsa dimokiraasii biyya keenyaatiif gumaacha keessan kan gumaachitan hundaaf galata guddaa qabna” jedhaniiru.