Q/P/B Magalaa Sabbataa/ሰበታ ከተማ ፓሊስ መምሪያ ኮሚንኬሽን

  • Home
  • Ethiopia
  • Sebeta
  • Q/P/B Magalaa Sabbataa/ሰበታ ከተማ ፓሊስ መምሪያ ኮሚንኬሽን

Q/P/B Magalaa Sabbataa/ሰበታ ከተማ ፓሊስ መምሪያ ኮሚንኬሽን Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Q/P/B Magalaa Sabbataa/ሰበታ ከተማ ፓሊስ መምሪያ ኮሚንኬሽን, Police station, Sebeta.
(1)

Jiraatoota Magaalaa Sabbataa fi  dhaabbilee adda addaa magaalaa keenyaa keessaatti argamu meeshaa  waraanaa hidhaataani ...
12/11/2021

Jiraatoota Magaalaa Sabbataa fi dhaabbilee adda addaa magaalaa keenyaa keessaatti argamu meeshaa waraanaa hidhaataani kan dhufaan qabdaniif kan mootummaa hidhaataani eeyyamaa qabdaan fi eeyyamaa kan hin qabnee qaaman argamuun gaafa guyyaa 03/03/2014 egalee Waajjiraa poolisii kutaa magaalaa sadaan 1ffaa Sabbataa, 2ffaa Alamganaa, 3ffaa Furii fi Qajeelchaa poolisii bulchiinsaa magaalaa sabbataatti guyyaa kudhaan walitti fufinsaan akka galmeesiffataan ni ibsina.=//=======
ለሰበታ ከተማ ነዋርዎችና ሰበታ ከተማ ውስጥ ለሚገኙ ቷቋማት/ፋብርካዎች ከቀን 03/03/2014 ዓ.ም ጀምሮ ለተከታተይ 10(አስር) ቀናት የጦር መሠርያ ፍቀድ ያለች ወይም የሌላች በግል ያለች ወይም የመንግስት የተጣቀች ግለሰብና ቷቋማት/ፋብርካዎች በአካል ቀርባችው በአቀራብያችው በሚገኝ ፖሊስ ጣቢያ ማለትም ክ/ከተማ አንድ ፖሊስ ጣቢያ(ሰበታ)፤ ክ/ከተማ ሁለት ፖሊስ ጣቢያ(ዓለምገና) ፣ ክ/ከተማ ሶስት ፖሊስ ጣቢያ(ፉር) እና ሰበታ ከተማ አስተዳደር ፖሊስ መምሪያ እንድታስመዛግቡ እንገልፃለን፡፡

Qajeelchii poolisii bulchiinsaa magaalaa sabbataa opereeshiini gaggeessaa tureen meeshaa waraanaa seeran alaa adda addaa...
06/11/2021

Qajeelchii poolisii bulchiinsaa magaalaa sabbataa opereeshiini gaggeessaa tureen meeshaa waraanaa seeran alaa adda addaa to'aachuu danda'eera======//=======
Opereshiini torbee lamaa gaggeesseen meeshaa waraanaa shuguxii adda addaa
1, Shuguxii turkishii gosaa adda addaa 7(torbaa) rasassaa 24 waliin
2, Shuguxii Istaarii 1(tokko)
3, Kilashii 1(tokko)
4, Uzii 1(tokko) fi gajaara 1(tokko) fi albee 1 (tokko) ABO Shanee waliin kan qabameedha. Hojii kanaa Miseensootni qajeelchaa poolisii bulchiinsaa magaalaa Sabbataa qindoomnaa qaama nageenya fi odeeffannoo hawaasaa fi eruu kennuun meeshaan waraanaa waliigalaa 9(sagal) rasassaani shuguxii 24(digdamii afur) qabamuu danda'eera. Kanaafuu hawaasnii magaalaa keenya akkumaa kanaa odeeffannoo fi eruu kennuun nu cinaa dhabbachuu qabaan dhamisaa keenya.
Kominkeeshiini Qajeelchaa Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa.

Guyyaa alaabaa Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa
12/10/2021

Guyyaa alaabaa Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa

Guyyaa 05/01/2014Meeshaa waraana seeraa ala kilashii 3(sadi) raasassa 378  qabamee jira.========/====Qajeelchii poolisii...
15/09/2021

Guyyaa 05/01/2014
Meeshaa waraana seeraa ala kilashii 3(sadi) raasassa 378 qabamee jira.========/====
Qajeelchii poolisii bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa fi Waajjiri Poolisii Aanaa 3ffaa qindomnaan eruu ummataa irraa dhufeen ka'uumsa godhachuun Qajeelchii Poolisii bulchiinsaa magaalaa Sabbataa, Waajjirii poolisii Aanaa 3ffaa fi dhimmaa nageenya biyyaa keessaa waliin hordoofii godhammaa tureen Magaalaa Sabbataatti ganda 04 bakka adda gooxii 12 jedhamuutti gaafa guyyaa 05/01/2014 sa'aa 6:00 irraatti mana nama dhunfaa Muusxafaa Naasir jedhamuu keessaatti sakkata'umsaa godhameen kilashii dachaa 2(lamaa) fi kilashii abba sadaffii 01(tokko) raassassaa kilashii 357 (dhibbaa sadii fi shantamii torba) fi kartaa 2(lama) akkasummaas raasassaa shuguxii koltii 21(digdamii tokko) qabamee jira. Ittinaa daarkiteera nageenya naannoo mirkaneessaa Qaj/ Poo/ Bul/ Mag/ Sabbataa Insipeekera Ol'aana Irreensoo Nuuraa akka jedhanattii hawaasii keenya eruu fi odeeffannoo nuuf kennuun kana caalaatti nu cinaa hiriruu qaba jedhaani Miseensoon poolisii keenya kutannoo hojeechuun nageenya mirkaaneesuun fi ol'aantummaa seera kabachiisuun akka qaban ibsaan jiru.

Istaaf Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Qajeelchii poolisii Bulchiinsii Magaalaa Sabbataa Gara Dabalii irraa biqiltuu dha...
19/07/2021

Istaaf Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Qajeelchii poolisii Bulchiinsii Magaalaa Sabbataa Gara Dabalii irraa biqiltuu dhabaan jiru

Guyyaa 04/11/2013Gabaasaa raawwii hojii fi Marii paanal nageenya Qajeelchaa Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Bara ...
10/07/2021

Guyyaa 04/11/2013
Gabaasaa raawwii hojii fi Marii paanal nageenya Qajeelchaa Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Bara 2013=======//========///=========================
Hojilee gurguddoo Hojeetamee keessaa :-
-Sochii fareewwaan nageenya hordofuu fi to'achuu ilaalchiisee, Xinxalaa meeshaa waraanaa ilaalchiisee , Sochii dadabarsaa kontiraabandii hojii hojeetamee, Filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa milkeesuu keessaatti hojii hojeetamee filannoo duraa fi booda ilaalchiise,Tajaajilaa poolisii hawaasaa hojilee hojeetamee, Nageenyaa tiraafikaan hojii hojeetamee, Hojii gamaa qorannoo yakkaan fi murtee haqaa kennisissaan hojii hojeetamee ilaalchiisee , fi Gamaa ijaarsaa namuusaa fi Daandeetti raawwachistummaa miseensoota cimsuu keessaatti leenjii kennamee akkasumaas ciminaa fi hanqinaa jiruu irraatti mariin gaggeefamuun ciminaa daraan itti fufsiisuun hanqinaa mul'aataan karooraa bara itti anuu keessatti galfachuun sirritti irraatti hojeechuun yaada marii keessaatti ka'ee barbaachiisaa ta'uu isa galtee godhachuun karooraa bara hojii 2014 akka qabatamuu himuun.Waligalatti hojiin kun akka galmaa ga'uu qaamolee fi qooda fudhatootaa hirmaanaa taasisaan bu'aa gamaa hundaa argameen hogganaa qajeelchaa poolisii bulchiinsaa magaalaa Sabbataa Ispeekteer Anteeneeh Geetanee maqaa kootif maqaa qajeelchaa poolisii bulchiinsaa magaalaa Sabbataan guddaa galateeffatan bakka hoggansii Magaalaa jiraanti waraaqaan galatoomaa kennuun xumuramee jira.

Guyyaa 05/10/2013Shakkamaan meeshaa waraana seeran ala kilashii 13 waliin qabamee adabbii cimaan adabamee===============...
12/06/2021

Guyyaa 05/10/2013
Shakkamaan meeshaa waraana seeran ala kilashii 13 waliin qabamee adabbii cimaan adabamee============================
Gaafa guyyaa 18/06/2013 tilmammaan sa'aa 7:00 irraatti konkoolachiisaan Ashaanafii Tsaggayee jedhamuu konkoolataa lakk.gabatee 3-82121A/A patroolii tooyotaa ta'e keessaatti meeshaa waraana kilashii 13(kudha sadi)Abba sadafii 8 fi dacha 5 baaye e haala dhokkataa ta'en dhoksuun Naannoo Gambeelaa irraa garaa Mag/Finfinnee osoo galchaa jiru Mag/Sabbataatti to'aatamee dhimmichaa galmee isa Qajeelchii poolisii bulchiinsaa Mag/Sabbataa qoratee qulqullesuun erga xumuree booda himanaa isa Abaan Alangaa itti saquun dhimmichaae M/Murtii Ol'aana Godina Adda Oromiyaa Naannoowwaa Finfinnee erga ilaalama turee booda dhaddachaa gaafa 02/10/2013 oleen shakkamaa kanaati adabbii balleesummaa hidhaa cima waggaa 8(sadeeti) fi baatii 5(shan) fi qarshii 50,000:00(kuma shantamaa) yoo adabuu meeshaa waraana fi konkoolataan mootummaa akka galii ta'u murtesseera. kanaafuu namoon gocha akkaana ilmaa nama dugugguu kanaa irraatti boba'aan fayyadaa argachuu jedhaan ummataa walii nyaachisaan fayyidaan irra argamuus biyyi nagaaa yoo tatee nyachuun danda'aamatti otoo irraa ofi quusataaniif kunnoo nyaachuu biraas nyaatamuun jirachu beekuun akkaasumaas umurii ofi mana hidhaati dabarsuun yeroo dargaguumaa ofii waan hojeechuu malu hojeechuu dhabuun gaabuu ta'aati maatii ofii illee ni miidhaa waan ta'eef irraa ofi egaan dhamisaa keenya.

Guyyaa 03/10/2013Qajeelchii poolisii bulchiinsaa magaalaa sabbataa Filannoi biyyoolesaa marsaa 6ffaa ilaalchiisee hogans...
10/06/2021

Guyyaa 03/10/2013
Qajeelchii poolisii bulchiinsaa magaalaa sabbataa Filannoi biyyoolesaa marsaa 6ffaa ilaalchiisee hogansaa leenjii kennee jira.====
Leenjii kanaa irraatti hogannaa Qaj/Poo/Bul/Mag/Sabbataa Inspeekteerii Ateeneeh Geetanee haasawwaa banisaa godhaaninii hogansii leenjii kanaa fudhaataan leenjii kanaa namuusaa fi haala gariin xiyoofannoo itti kennitaan hordofuun raawwii filannoo kun yeroo raawwatuu qaamiin nageenya gahee isa seeraan yoo bahu batee adabiii akka hordoofisisuu beekuun hordoofuun isiin irraa egamaa jedhaan.Leenjiichi kan kennamee sanadaa qopha'ee kutaa sadi kan ofi keessaatti qabatee yoo ta'u poolisiin filannoo nagaan akka mirkana'uu maal akka raawwatuu poolisiin bakka buufataa filannoo ramadamee irraatti waantoota filannoo dura,guyyaa filannoo fi filannoo booda hojii nageenya hojeechuun akka nagaan galmaa gahu fi rakkoo yoo ummaamuu humna haala kamiin fayyadamaa kan jedhuu heerii mootummaa fi seeraa yakka irraatti hunda'uun wa'ee filannoo sanda qapha'ee keessatti filannoo fi nageenya filannoo ilaalchiisee,namuusaa filannoon wal-qabatee,gosaa filannoo, adeemsaa filannoo,filannoo keessaatti seeraa hamatamee jiru fi qaamiin nageenya waan raawwachuu qaban akkasummaas logummaa irraa bilisaa ta'uun namuusaa gariii agarsisuun filannoo akka nagaan xumuramee nageenyi biyyaa mirkana'uu hojii nageenya akka hojeetuu qaamiin kun hubannoo kun murteessaa akka ta'eef ittigafatamummaa fi adabii akka qabu sanadaa leeenjii kanaa keessaati hubannoo kennamee jira.

Gaafa guyyaa 01/10/2013Bul/ Mqgaalaa Sabbataatti meeshaan seeraan alaa qabamee.=====================Qajeelchaa poolisii ...
08/06/2021

Gaafa guyyaa 01/10/2013
Bul/ Mqgaalaa Sabbataatti meeshaan seeraan alaa qabamee.=====================
Qajeelchaa poolisii bulchiinsaa Mag/Sabbataatti waaj/poolisii Aanaa 2ffaa Alamganaa eeruu fi odeeffannoo hawaasaa irraa kennameen Ganda 08 keessaatti meeshaa waraanaa shuguxii gosaa istarii 6(jaha) rasaasaa 70(torbatamaa) waliin sakkata'imsaa taasifameen ganamaa sa'aa 12:00 irraa egalee raawwatameen mana nama dhunfaa keessaatti kan qabamee yoo ta'u achumaa Ganda 06 keessaatti immoo shuguxii gosaa turkish jedhamu1(tokko) mana nama dhunfaa keessaa rasaasaa 3(sadi) waliin qabamee jira. Akka waligalaatti guyyaa tokkooti meeshaa seeraan ala shuguxiiin 7(torbaa) fi rasaasii shuguxii 73(torbatamii sadi) kan qabamee ta'u itti gaafatamaan ittisaa yakkaa Aanaa 2ffaa komandar Tammiraat Sobooqaa ibsaniru. Hawaasii Aanaa keenya wantoota seeran ala yeroo argamee eruu fi odeeffannoo walii irraa hin cinee akka nuuf kennuun waliin yakka yaa ittisnu jedhaan.

Ebilaa 01/08/2013 Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Labsii Boordii Filannoo Federaalaa Dimokraasii Ripil...
09/04/2021

Ebilaa 01/08/2013
Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Labsii Boordii Filannoo Federaalaa Dimokraasii Ripilikaa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa lakk.1162/2011 fooyya'ee bahe irratti leenjiin kenamee jira.=============
Leenjichii hubannoo filannoo marsaa 6ffa biyyoolessaa ji'a caamsaa adeemsifamuu kan cimsuu akka poolisii fi qaami nageenyaatti filannoo kun haqaa qabeessaa fi rakkoo nageenya tokko malee akka raawwatuuf kan godhudha. Leenjichaa keessaatti waantoota hedduu kan qabatee yoo ta'u fkn:- Qajelfamaa namuusaa filannoo, daddamaqnaa filannoo fi hirriraa nagaa,namuusaa paartilee siyaasaa,dorgoomtoota dhunfaa,dhimmaa sagalee kennu,nageenya buufataa filannoo,filatoota degarsaa barbaadaan ilaachisee fkn-: qaama miidhatoota, dubartoota ulfaa fi manguddota.Poolisii fi qaamnii nageenya waayitaa filannoo taasisaan,namuusaa ogummaan bitamuu akka qaban,logummaa fi gosumaa bilisaa ta'u.paartii siyaasaa irraa bilisaa ta'u filannoo haqaa qabeessaa, dhiyoo fi qaqqabamummaa ta'u akka qabu,fi waan raawwachuu hin qabneef filatamtoon iddoo na filadhaa jechuun daddamaqnaa gochuu hin qabneef labsii filannoo biyyoolessaa kabajuun akka irraa egamuu fi namuusaa sirna labsii galmee filannoo paartilee siyaasaa akka kabajaan. poolisiin dirqamaa yeroo bahu waan gutachuu qabu akkaasumaas humnaati fayyadamuu fi madalawwaa fudhachuun kan waliqabatuu fi mirgaa namumaa fi dimookraasummaa akka kabajuu qaba. Akka waligalatii adeemsaa filannoo poolisii fi qaamin nageenya filannoo dura fi booda waan godhu leenj'een

Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa guyyaa hara'aa 10/07/2013 leenjii hubannoo umuu nageenya tiraafikaa ab...
19/03/2021

Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa guyyaa hara'aa 10/07/2013 leenjii hubannoo umuu nageenya tiraafikaa abbooti qabeenya bajajii,konkolachiistoota bajajii fi waldalee bajajii bulchiinsaa magaalaa Sabbataatiif kenne jira.=================
Leenjichaa kan kennan Itt/Gaafatamaa Divizyiin nageenya tiraafikaa Saj.Olaanaa Mamuush Caalaa yoo ta'uu rakko geejjibaa gamaa Magaalaa keenyaan jiru fi kanaa keessaati hanqinaa gama geejjibaa mul'atu salphisuu keessaatti bajajiin hawaasaa magaalaa sabbataaf tajaajilaa gama geejjibaan kennaan olaana ta'uu ibsanii leenjichaa keessaatti rakko gamaa abbaa taayitaa geejjibaa,to'atoota tiraafikaa, abbaa qabeenya, konkoolachiistoota fi waldalee biraa jiru sirritti kan ka'ef fi gaafi leenji'oota biraa ka'e marii sirritti iraatti taasifamee rakko qaamoota kanaa biraati mul'atee ifaati kan mariin gabbifamee booda gaafilee ka'an hogansii Magaalaa deebii kennuuni rakko gama kanaan jiru tokko tokkoon mul
'atee garagarumaa jiru dhiphisuu yeroo yeroon ilalaa deemun fuuruun tajaajilaa hawaasaa keenya kennuu geejjibaa magaalaa keenya fooyyeesuun akka isiini irraa egamuu himaan jiru.

Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Leenjii hubannoo umuu abbooti qabeenya bajajii,waldalee bajajii,fi kon...
13/03/2021

Qajeelchii Poolisii Bulchiinsaa Magaalaa Sabbataa Leenjii hubannoo umuu abbooti qabeenya bajajii,waldalee bajajii,fi konkoolachiistoota bajajii kenne jira.
Leenjichii rakko ijoo geejibaa Magaalaa keenya keessaatti gama bajajiin mul'atuu tokko tokkoon kan ilaalamee yoo ta'u.
*Bajajii fayilaa magaala keenya keessa hinqabne akka waldaan gurma'aan gochu dhabu.
*Gama to'atootni bajajooni seera geejibaa cabsaan caalisaan ilaluu fi araraamaan deemu.
*To'atooni hundii kutannoo wal-fakkataa seera kabachiisuu irratti hanqinii jirachu.
*Rakko waldalee bajajii biraatti mul'atu tokko kan ka'e ta'u
*Rakko abbooti qabeenya bajajii biraa jiru to'achu,haaromsuu fi qacarii konkoolachiisaa irraati jiru.
*Rakko konkoolachiisaa bajajii biraa jiru fkn taarfaa olli kafalchiisuu saraaraan ala fe'u kkf... irraatti waan
guutachuu qaban fi maal irraa akka egamu sirritti leenjii kan kennamee yoota'u akkaadumaas rakko kana furuudhaaf hojiin hojeetame:-
*Rakko waligalaa geejibaa magaalaa kan xinxaalame ta'u.
Qooda fuudhatoota waliin marii kan godhame ta'u.
*Waldalee bajajii waliin marii kan taasifamee ta'u fi xinxaalaa hodhamee booda opeereshiin godhamen bu'a argame :- Waldaleen bajajii digamuuf qarqaraa gahan ijaaramu.bajajooni seera qabeessa ta'an galiin dabalu,hanni hirachu,Ummani dhiyeessi geejibaa bajajii gaha argachu fi daandii cucuufamu hanga tokko banamu It/Ga/Divizyiin to'ataaa nageenya tiraafikaa Qaj/po/Bu/Magaalaa Sabbataa Sajiin Olaana Mamuush Caalaan leenjii erga kennamee booda hirmaatoonni gaafi fi yaada kennuun hojii gara fuulduraaf galte ta'u fi sirreefamuu qabu iftoomnaan kasuun marii fi deebbin gama hogansa magaalaa hoganaa Abba taayitaa geejibaa ob.Masfin Lamaa.hoganaa Bulchiinsaa fi nageenya ob.Tareeqenyi Tasfaayee fi hoganaa ittisaa yakka Qaj/po/bu/mag/Sabbataa Inspeekteera Olaana Irrensoo Nuuraa kan itti kenname fi magaalaa sabbataa keessaati ummaani keenya tajaajilaa geejibaa akka argatu taasisuu keessaati gahee hunda keessaan gaafata jedhan.

Address

Sebeta

Telephone

0113380194

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Q/P/B Magalaa Sabbataa/ሰበታ ከተማ ፓሊስ መምሪያ ኮሚንኬሽን posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category