Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa Haqaan haqaaf hojjanna

  nama qulqulluu sobaan "Dabballee waraana ABO shaneeti"  jechuun akka hidhamu taasisee adabbii hidhaa cimaa Waggaa 02 (...
12/05/2026

nama qulqulluu sobaan "Dabballee waraana ABO shaneeti" jechuun akka hidhamu taasisee adabbii hidhaa cimaa Waggaa 02 (lama) fi adabbii mallaaqa Qarshii 2000(kuma lama)tiin Adabame jira.

04,2018 Guddaa
👉Kunis,Himatamaan maqaan isaa Mazgabuu Darajjee Mangashaa jedhamuu gaafa guyyaa 22/07/2018 guyyaa keessaa tilmaamaan sa'aati 8:00 yommuu ta'u Bul/Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Aanaa Daalattii bakka addaa Hoteela Maskaram jedhamutti miidhamaa dhuunfaa Urgeessaa Qaabataa jedhamnu garee maqaan isaa ABO Shanee jedhamu kan karaa seeraan alaatiin meeshaa waraanaa hidhachuudhaan Mootummaa fonqolchuuf Naannoo Oromiyaa keessa socho'aa jiru keessatti Dabballee ABO shanee akka hin taane fi miidhamaa nagaan maatii isaa waliin jireenya dhuunfaa isaa jirachaa jiruu ta’u osoo beekuu, sababa Gaarii Farda wal-jijjiran irratti walitti bu'insa dhuunfaa qabaniif qofaa miidhamaan dhuunfaa kun "Dabballee waraana ABO shaneeti" jechuun Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddatti to'annaa jala gaafa guyyaa 22/07/2018 hanga gaafa guyyaa 24/07/2018 akka ooluu taasisee jira jechuun eeruun Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kan dhiyaate yommuu ta'u, Kanumaan himatamaa kana irratti Ragaan adda addaa irratti erga qulqullaa'een booda, Abbaan Alangaa Himannaa Seeraa Yakkaa kewt.447(A) jalatti Mana Murtii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti hundeessuun Ragaan M/Murtiitti dhiyaatee erga dhaga'ameen booda, buu'uruma Himannaa Abbaa Alangaatiin himatamaa irratti mirkaneessani jiran, kanumaan Manni Murtiis himatamaan akka ofirra ittisu ajajuun, Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffatus Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, Bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 03/09/2018 ooleen Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 02 (Lama) fi adabbii mallaaqa Qarshii 2000 (Kuma Lama) himatamaa kanarratti murteessee jira

👉Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya!!

  Jecha ragummaa Sobaa kennee Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 01(tokko)tiin Adabame jira✍✍   16, 2018   👉Kunis, Himatamaan m...
24/04/2026

Jecha ragummaa Sobaa kennee Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 01(tokko)tiin Adabame jira✍✍
16, 2018
👉Kunis, Himatamaan maqaan isaa Wubusheet Taaboor jedhamu dubbachuuf erga kakateen booda jecha ragummaa sobaa kennuuf yaaduun Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa dhaddacha Hariiroo Hawaasaa 2ffaatti falmii lafaa lakkoofsa galmee 55818 ta'e irratti ragaa himataa Asraat W/Carqoos ta'ee dhiyaatee, falmiif sababa ta'e kana bara 2008 hanga bara 2015 tti kireeffatee osoo hin qotiin, sobaan himataa kana fayyaduuf jecha " falmiif sababa ta'e kana anatu bara 2008 hanga 2015 tti qotaa ture "" jechuun dhugaa dubbachuuf erga kakatee booda jecha ragummaa sobaa Dhaddachatti kennee jira jechuun eeruun Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kan dhiyaate yommuu ta'u, Kanumaan himatamaa kana irratti Ragaan adda addaa erga irratti qulqullaa'een booda, Abbaan Alangaa Himannaa Seeraa Yakkaa kewt.453 (2) jalatti Mana Murtii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti hundeessuun Ragaan M/murtiitti dhiyaatee erga dhaga'ameen booda, buu'uruma Himannaa Abbaa Alangaatiin himatamaa irratti mirkaneessani jiran, kanumaan Manni Murtiis himatamaan akka ofirra ittisu ajajuun, Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffatus Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, Bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 16/08/2018 ooleen Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 01(tokko) himatamaa kanarratti murteessee jira.
👉Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya!!


  3, 2018 WAAKMGG   GuddaaItti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa   Masarat Yaddeessaa Abbo...
11/04/2026

3, 2018 WAAKMGG Guddaa
Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Masarat Yaddeessaa Abbootii Alangaa fi Hojjattoota Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa kanneen hordoftoota Amantaa Kiristaanaa ta'anii fi hawaasa Amantaa Kiristaanaa hundaan baga jala bultii Ayyaana Bara 2018 nagaan ittin isin gahe jechuudhaan ergaa baga geessanii dabarsanii jiru! kun kan nagayaa, kan jaalalaa, kan milkii fi kan gammachuu isiniif haa ta'u jechuun ergaa qaban dabarsaniiru!
Gaarii💚

✅Har'a Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa "March 8" mata duree "Sagaleen Dubartootaa-Walqixxumm...
14/03/2026

✅Har'a Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Guyyaan Dubartoota Addunyaa "March 8" mata duree "Sagaleen Dubartootaa-Walqixxummaa fi Badhaadhina Biyyaaf" Jedhuun kabajameera✍️✍️

05, 2018 ✍️
✅Guyyaan Kabaja Ayyaana Dubartootaa 8" Sadarkaa Addunyaatti yeroo 115ffaa, biyyaatti yeroo 50ffaaf, Akka Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti yeroo 3ffaaf kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kabajameera.
✅Kabaja Ayyaana kana irrattiis Abbaan Alangaa kutaa Magaalaa Galaan Guddaa hubannoo seeraa mata duree;
✅Miriga dubartootaa fi Daa'immanii,
✅Yakkoota dubartootaa fi Daa'imman irratti rawwatamaan
✅Itti dabaludhaan Dubartootaan ala hojileen Nageenyaa, Misoomaa, fi Sochiin Hawaas diinagdee hunduu Galma barbaadame ga'uu akka hin dandeenyee ta'u isaa
✅Dubartoonni dinagdee biyyaa Utubuu keessatti shoora olaanaa bahachuuf eeggattummaa jalaa bahuun, diinagdeen of ijaaruuf gurmaa'uun hojii hojjechuun barbaachiisaa akka ta'e
✅Dubartoonni utubaa biyyaa waan ta'aniif dubartoota jajjabeessaa deemuu fi aangessuu irratti yeroo ammaa mootummaan xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechaa jiraachuu isaa
✅Dubartootaa diinagdeen cimsuun fayyadamummaa dubartootaa guddisuufi dubartoota guddina siyaas-diinagdee fi Hawaasummaa keessatti qaban dabaluun barbaachiisaa ta'u isaa hubannoon haala gaarii ta'een kennameera✍✍✍

  Yakka Hanna Cimaa Dhaabbata Dhuunfaa   Orjiin jedhamu irratti Raawwataan Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 tii...
11/03/2026

Yakka Hanna Cimaa Dhaabbata Dhuunfaa Orjiin jedhamu irratti Raawwataan Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 tiin Adabamani jiran✍✍

, 2018
👉Kunis, Himatamtoonni maqaan 1ffaa Akliluu Tafarraa, 2ffaa Salamoon Birraa fi 3ffaa Saayiid Muddasiir jedhaman waliin ta'uun Yakka Hanna Cimaa raawwachuuf itti yaadani Bul/Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Galaan Guddaa Aanaa Daalattii bakka addaa Dhuunfaa Bishaan Orjiin itti gaafatamummaan isaa murta'ee jedhamee beekamutti Qabeenya Dhaabbatichaa kan ta'e adda addaa kan dhaabbaticha kana sochoosan Maashinoota tilmaamaan Qarshii 7,005000.00 (Miliyoona torba fi kuma shan) baasu Warshaa keessa halkan sa'aatii 5:00 hanaga sa'aatii 8:00tti hiktuu biloonitiin hiikudhaan Konkolaataatti fe'ani deemuun gurguratani jiran jechuun eeruun Waajjira Poolisii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kan dhiyaate yommuu ta'u, Kanumaan himatamtoota kana irratti Ragaa Ashaaraa qubaa fi kan kophee, akkasumas Ragaan Naannoo adda addaa erga irratti qulqullaa'een booda, Abbaan Alangaa Himannaa Seeraa Yakkaa kewt.669 (3.B) jalatti Mana Murtii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti hundeessuun Ragaan M/murtiitti dhiyaatee erga dhaga'ameen booda, buu'uruma Himannaa Abbaa Alangaatiin himatamtoota irratti mirkaneessani jiran, kanumaan Manni Murtiis himatamtoonni akka ofirraa ittisaan ajajuun, Himatamtoonni ragaaa ittisaa dhiyeeffatanis Ragoonni dhiyaatan kan irraa hin ittisne waan ta'eef, Bu'uuramaa himannaa Abbaa Alangaatiin Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 01/07/2018 ooleen Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 7 fi Baatii 9 himatamtoota kanarratti mata mataan murteessee jira.

👉Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍



゚viralシfypシ゚viralシ

👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma Milkaa'ina Filannoo Marsaa 7ffaa irratti hubannoo seeraa ke...
13/02/2026

👉Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma Milkaa'ina Filannoo Marsaa 7ffaa irratti hubannoo seeraa kenne jira✍️✍️

06, 2018 WAAKMGG


'a gaafa Guyyaa 06/06/2018 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti Waltajjiin leenjii hubannoo seeraa dhimmmoota milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa irratti xiyyeeffachuun mata-duree" Labsii Filannoo lakk.1394/2017, lakk. 1162/2019, Heera Mootummaa keewwata 38, Aangoo fi Gahee hojii boordii filannoo keewwatta Heera Mootummaa 102 " irratti karaa Itti Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Obbo Yaddeessaatiin Qaamoolee garagaraa fi Dargaggoota Kutaa Magaalichaatiif kennameera✍️✍️✍️✍️
milkaa'ina💚💚💚🙏🙏🙏🎁

  Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma   irratti hubannoo seeraa kennee jira🎁🎁🎁✍️✍️  28, 2018    ✍️Har'a ga...
05/02/2026

Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa Dhimma irratti hubannoo seeraa kennee jira🎁🎁🎁✍️✍️

28, 2018 ✍️

Har'a gaafa Guyyaa 28/05/2018 Qindoomina Waajjira Abbaa Alangaa, Qajeelchaa Poolisii fi ATEN Kutaa Magaalaa Galaan Guddaa waliin ta'uun sagalee guddiftuudhaan Magaala keessa deemuun hawaasa Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatiif hubannoo seeraa Labsii Qabiinsaa fi Dhabamsiisa Balfa Gogaa lakk.1383/2017 ta'e irratti kennee jira🙏🙏🙏



 👮Poolisiin ajaja qabiinsaa malee nama yakkaan shakkame qabuu kan danda'u yoomii?✍️✍️👮 Shakkamaan nageenya ummataa boore...
25/01/2026


👮Poolisiin ajaja qabiinsaa malee nama yakkaan shakkame qabuu kan danda'u yoomii?✍️✍️
👮 Shakkamaan nageenya ummataa booressuu shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate
👮Shakkamaan yakka hidhaa waggaa tokko oliitiin adabsiisu raawwachuu isaa yookaan ni raawwata jedhee shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan yeroo poolisiin hojii idilee isaa hojjatu/raawwatu kan gufuu ta’e yookiin to’annaa jalaa kan miliqe yookiin miliquuf kan yaale yoo ta’e;
👮Shakkamaan to’annoo poolisii jalaa kan miliqe yookiin miliquuf kan yaale ta’uu isaa shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan dirqama hojii poolisii yookiin raayyaa ittisa biyyaa jalaa miliquu isaaf shakkii qabatamaa fi amansiisaa yoo qabaate;
👮Shakkamaan eeyyama seera qabeessa malee meeshaa mana cabsuu danda’u qabatee yoo argame; meeshaa yakka hannaatiin yookiin karaa biraa yakkaan argame jedhamee shakkame shakkamaan haala seeraan ala ta’een qabatee argamuu shakkii gahaa yoo qabaate.
👮Shakkamaan kashalabbee beekamaa yookiin hojii hiiktummaa balaafamaa ta’uu isaa shakkii gahaa yoo qabaate(seera yakkaa keewwata 477);fi
👮Seera biraatiin ifaan ifatti tumamee yoo argame qofa poolisiin ajaja qabiinsaa Mana Murtii malee shakkamaa qabuu(to’achuu) danda’a, seera deemsa falmii yakkaa keewwata 51✍️✍️✍️
taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa ✍✍


🚭Iddoowwan Sigaaraa (Tamboo) itti aarsuun dhorkamutti Sigaaraa aarsuun yakkaan kan nama adabsiisuu dha🚭🚭  16, 2018    Ak...
24/01/2026

🚭Iddoowwan Sigaaraa (Tamboo) itti aarsuun dhorkamutti Sigaaraa aarsuun yakkaan kan nama adabsiisuu dha🚭🚭

16, 2018
Akkaataa Labsii bulchiinsa nyaataa fi qorichaa lakk.1112/2011 keessatti tumametti iddoowwan sigaaraa(Tamboo) itti aarsuun dhoorkaman ilaalchisee labsii kana Keewwata 48 jalatti tarressee jira✍️
🚭 Bakka tajaajilli uummataa itti kennamu,
🚭 Geejjiba uummataa keessatti,
🚭 Manneen Waliin Jireenyaa (Condominiums),
🚭 Koridoora, dilli (balcony) waliinii,
🚭 Bakka buufataa konkolaataa fi
🚭 Bakka tapha ijoollee keessatti tamboo xuuxuun dhorkaadha✍️✍️
Akkasumas Labsii kana Keewwata 49 jalatti iddoowwan Tamboo Xuuxuun Itti Dhorkame;
🚭Dhaabbilee Fayyaa fi Barnootaa keessatti fi alatti tamboo xuuxuun guutummaatti dhorkaadha.
🚭Mooraa dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa, fi bakkeewwan tajaajilli Daa'immani fi dargaggootaa itti kennamu irraa fageenya meetira 100 gidduutti sijaaraa gurguruun dhorkaadha.
🚭Labsii bulchiinsa nyaataa fi qorichaa lakk.1112/2011 keewwata 67 Adabbii
Kewt. 67/20 jalatti iddoowwan dhorkaman kanatti namni tamboo (sigaaraa) Aarse Adabbii hidhaa salphaa ji'a 6 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarahii 5000 hin caalleen ni adabama!!✍️✍️
🚭Waliin taanee yakka haa ittisnuun dhaamsa keenya✍✍

🙏🙏🙏🙏🙏🙏
23/01/2026

🙏🙏🙏🙏🙏🙏

15/05/2018
ABS(Adama Broadcasting Service)

Naannoo Oromiyaatti tajaajilli haqaa si’ataan teeknooloojiin deeggarame kennamaa jira
********
Hojmaanni tajaajila haqaa si’ataan, ifaa fi qaqqabamaa taasisu teeknooloojiidhaan deeggaramee naannoo Oromiyaatti hojiirra oolaa jiraachuu hoogganaan biiroo abbaa alangaa walii galaa naannoo Oromiyaa Guyyoo Waariyoo dubbatan.

Hojmaatilee dijitaalaa haaraa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa kennuu kan dandeessisu hojmaanni diriirfamuusaa hogganaan kun ibsaniiru.

Haala Kanaan tajaajilamtoonni bu’aa ba’ii malee haqa akka argatan haalli mijachuu fi tajaajila argachuuf harlifannaan ture furamuusaa ENAtti himaniiru.

Galmeewwan himataa gara dijitaalaatti jijjiiruudhaan karaa onlaayinii tajaajila kennuun danda’amuusaa, kanneen raga bahan waajjiraalee haqaa godinaalee, magaalotaa fi aanaaleetti jechasaanii akka kennan godhamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan tajaajila haqaa si’ataa iftoomina kan qabuu fi qaqqabamaa taasisuun akka danda’ame ibsanii, cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Poolisii fi abbootiin alangaa wal ta’uun hojii galmeewwan qorannoo qulqulleessuu fi himata banuu hojjechaa akka jiran eeraniiru.

Kana hordofuun dandeettiin galmee qulqulleessuu dabalaa dhufuusaa fi dandeettiin badii raawwatameef murtoo kennuu guddachaa jiraachuus beeksisaniiru.

Kenniinsi haqaa fi harkifannaan qaqqabama tajaajilaa fi hanqinni qulqullinaa fooyya’eera jedhan.

Baadiyyaa fi magaalaatti lafa saamame deebisiisuunii fi hojmaata seeraan alaa ittisuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu kaasaniiru.

Kaartaawwan lafaa tajaajila garagaraaf ooluuf turan hojiirra akka hin oolle taasifamuu eeraniiru.

TOI

Address

Sebeta

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category