East Bale Zone Lega heda Woreda wedesa kebele Administration Office.

  • Home
  • Ethiopia
  • Robe
  • East Bale Zone Lega heda Woreda wedesa kebele Administration Office.

East Bale Zone Lega heda Woreda wedesa kebele Administration Office. har'aaf ganda boruuf.............

26/02/2026
26/02/2026
31/10/2025

Usumana ▶️l

04/11/2024

Bulchaan Ganda Waddeessaa duranii Obbo A/qaadiir Sh/Aadam(Ushura Bariisoo) Itti Aanaa Bulchaa Ganda Dullaachaa ta'uun Muudaman!

15/08/2024
Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa darbe Baga jala bultii guyyaa ayyaana Sabotaa, Sab-lam...
07/12/2021

Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa darbe

Baga jala bultii guyyaa ayyaana Sabotaa, Sab-lammootaafi Ummattoota Itoophiyaa yeroo 16ffaaf kabajamuun nagaan geessan. Sadaasni 29 guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga’e, kan eenyummaa, aadaa, duudhaa, afaanii fi mirga ofiin of bulchuu wabii itti argate waan ta’eef, uummata Itoophiyaatiif guyyaa addaati.
Ayyaana kana yommu kabajnu summii jibbiinsaa fi qoqqoodiinsaa murni TPLF waggoota 27n darbaniif gidduu keenyatti facaase qulqulleessuun boqonnaa haaraa tokkummaa keenyaan Itoophiyaa sab-daneettii, badhaatuu fi hunda keenyaaf mijooftuu taate ijaaruuf waadaa keenya haaromsuun ta’uu qaba.

Sab-daneessummaan keenya madda tokkummaa fi faayaa Itoophiyummaan keenya addunyaarratti bareedee itti mul’atu malee madda wal-dhabdee fi wal-gaarreeffannaa ta’uu hin danda’u. Hata’u malee, murni TPLF shiraaf uumammee shiraan guddate sabadaneessummaa keenya gochaa hammeenyummaaf fayyadamuun gidduu keenyatti obbolummaan hafee wal shakkiifi garaagarummaan akka dagaagu summii jibbiinsaa facaasaa ture. Sirni federaalizimii dhugaa hojiirra akka hin oolle gochuun mirga ofiin of bulchuu sarbuun, haq-maleessummaa diriirsuun olaantummaa murna tokkoo lafa qabsiisaas ture.

TPLF fincila diddaa cunqursaa fi saamichaa ummattoonni Itoophiyaa waloon taasisaniin aangorraa kan darbame yoo ta’u, ummattoota gidduutti wal-fixiinsi akka uumamu, nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraannee fi Itoophiyaan diigamtee kaartaa addunyaarraa akka dhabamtu taasisuuf dhagaan hin fonqolchine hin jiru. Akeeka kana galmaan gahachuuf waraana bakka bu’iinsaa nutti banuun gochaa baandummaa seenaan hin daganne raawwatee jira.

Gochi baandummaa nurratti raawwate kun yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa keenya utubaa sibilaa waan godheef aggaammii keessaa fi alaan nutti roobaa ture ofirraa qolachuun daandii injifannoorratti argamna.
Ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsaa 16ffaa kabajuuf kan jennu, humna badii fi farra tokkummaa keenyaa kan ta’e TPLF fi ergamtuu isaa Shanee fi fakkaattoota biroo awwaaluuf boollarraan yeroo geenyetti waan ta’eef, kan ayyaana itti kabajnu duwwaa osoo hin taane, diinoota keenya boollarra gahan kanneen hundeerraa buqqisuun boqonna haaraa obolummaa dhugaan gara badhaadhina walootti itti ceenu saaquuf waadaa keenya kan itti haaromsisnuudha.

Bu’uura kanaan, guyyaan Ayyaana SSUI bara kana yeroo 16ffaaf kabajamu kun mata duree "Obbolummaan Tokkummaa Sabdaneessummaaf" jedhuun kan kabajamu yoo ta’u, kaayyoon isaas tokkummaa fi obbolummaa, fayyadamummaa haqa-qabeessaafi sabdaneessummaa cimsuun hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo uumuudha.
Dhumaratti, Saboonni, Sab-lammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa heddumminni keenya midhagina ta’uu hubannee tokkummaan harka walqabannee Itoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti dirqama seenaa waan qabnuu shoora nurraa eegamu haa baanu jechaa, irra deebiidhaan baga jala bultii kabaja ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaan nagaan geessan!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Sadaasa 28/2014
Finfinnee

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when East Bale Zone Lega heda Woreda wedesa kebele Administration Office. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share