01/04/2026
Godina Baalee Bitootessa 23,2018
Kabaja Guyyaa Goototaa, Agarsiisa Gugsii Fardaa, Guyyaa God-Hambaa Addunyaa,Agarsiisa Nyaata Aadaa fi Agarsiisa sarkasii ykn ispoortii aadaa Sadarkaa Godina Baaleetti qindoomina Aanaa Goobbaa Wajjiin qophaa'e bifa ho'aa ta'een kabajamee olee jira.
Itti aansuun wantoonni sagantaan kun hammatu fi kaayyoo sagantaa kanaa wajjiin
~•Guyyaan har'aa guyyaa gootota keenya itti yaadannnuu fi faarsinu
~•Guyyaa ayyaana goda hambaa
~Agarsiisa sarkasii ykn ispoortii aadaa
~•Gugsii fardaa geggeessuun injifannoo har'aatiif gahee fardeen oromoo taphatan itti yaadannu
📌 Kabaja ayyaana goototaa jechuun yaadannoo fi ulfina gootota biyya isaanii, saba isaanii fi aadaa isaanii tiksuuf wareegama lubbuu isaanii baasaniif kennamuudha.
~•Gugsii fardaa geggeessuun injifannoo har'aatiif gahee fardeen oromoo taphatan itti yaadannu
📌 Maalummaa Hambaa
Hambaan jechuun qabeenya aadaa, seenaa fi uumamaa kan eenyummaa saba tokko ibsuudha.qabeenya dhaloota darbe irraa nutti darbe, kan seenaa, aadaa fi uumamaa ibsu dha.
~•Guyyaa agarsiisa nyaata aadaa keenna itti wal itti yaadachiifannu.
📌Sarkasii ykn ispoortii aadaa wajjiin:-
“Sarkaasii gaggeeffamaa jiru kun hojii haaromsa aadaafi aartii keessatti tarkaanfii guddaa akkasumas seenaa qabeessa. kallattii egeree aartii sarkaasiifi guddina aadaa keenyaa akeekuudha.