23/08/2022
Qabeenya Bishaanii Qabnutti Fayyadamnee,Oomisha fi Oomishtummaa innisheetivoota qonnaa dachaan dabaluun ,wabii midhaan nyataa mirkaneessuuf kan hojjetu tahuu waajjirri Qonnaa Aanaa Agaarfaa beeksise.
Godina Baalee Aanaa Agaarfaatti Waajjirri Qonnaa aanichaa karoora sosochii innisheetivoota Qonnaa bara 2015 irraatti Hoggansa Aanaa, Ogeeyyii qonnaa,bulchoota gandaa fi hojjetoota waajjirichaa waajjiin marii gaggeessaa jiraachuu I/G/Waajjira Qonnaa Aanaa Agaarfaa Obbo Adam Guyyee himaniiru.
Kayyoon marii kanaa fayyadamummaa ummata keenya mirkaneessuudhaaf ogeeyyii qonnaa fi qaamni marii kanarratti hirmaate hubannoo argatee bara 2015 tti karaa guutuun hojjitti galuun jijjirama qabatamaa akka agarsiisaniifi kan jedha Obbo Adam Guyyee bara kana karaa adda taheen hojjechuun ummata keenya jiruuf jireenya isaanii jijjiiruu qabna jechuun dhaamaniiru.
Waltajjii kanarratti argamuun yaada kan kennan I/G/Waajjira paartii Badhaadhinnaa Aanaa Agaarfaa Obbo Geetahuun Tashoomaa yaada kennaniin inisheetivota qonnaa dachaan dabaluun jiruu hawaasaa keenya foyyeessuudhaaf qaamni dhimmi ilaalu hundi tokkoome hojechuu akka qabu himuun akka Aanaa keenyatti hojii jallisiin oomishuu xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Agaarfaa Obbo Awwal Ibraahim saganticharratti argamuun yaada kennaniin Oomishaaf Oomishtummaa dabaluudhaaf karaa baratame rooba qofa eegganne ummata keenya hiyyummaa keessaa baasuu waan hin danda'amneef jallisiidhaan oomishuun dirqama tahuu himuun akka aanaa keenyatti gandoota bishaan argamu hunda keessatti jallisii Aadaa,jallisii ammayyaa fi haroo maatii fayyadmne jallisiidhaan omishuun ni danda'ama jedhan.
Itti dabalunis gandoonni annichaa hundi jallisiidhaan oomishuuf uf qopheessuu akka qabuu fi xiiqiin itti galame hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Dhumarratti Qonnaan bultoota adda dureedhaaf beekkamtii fi badhaasaa kennuun sagantichi goolabameera.