21/08/2021
Barbaachisummaa, Dogongorri Ijoo Qabachuu irratti uumamu rakkoo akkam fida? Dogongorri ijoo qabachuu wajjiin wal qabatee mullatu haala akkamiin uumama? Furmaanni rakkoowwan kanaa maali? Kan jedhu barreefama xiqqoo takka isiniif dhiheessera dubbisaa.
Barbaachisummaan ijoo dubbii sirriti qabachuu maali?
✅Murtii haqa qabeessa ta’e kennuuf ijoo dubbii ifa ta'e qabachuun barbachisaadha.
✅Ijoo dubbii (issue) jechuun dhimma falmii ta’e jechuudha,
✅ijoon dubbii agarsiiftuu manni murtii maal irratti hundaa’ee murtii laachuuf akka adeemuu kan agarsiisudha.
✅Ijoon dubbii adda baasanii qabachuu fi ijoo dubbii ifa godhanii kaa'uun murtii haqa qabeessa kennuuf murteessaadha.
✅Raganiis kan dhagahamu ijoo qabame iirrattiidha, ijoo dubbii qabame sana addaan baasanii dhugaa jiru qulqulleefachuuf ragaan dhagaha, ijoo dubbii dogongoraan qabannaan waan ragaan rageessuuf dhufe sanillee jallifne jechuudha,yeroo sana haqniniis daba , kanaaf murtii haqa qabeessa kennuuf ijoo dubbii sirritti qabachuun murteessadha.
Dogongorri ijoo dubbii qabachuurratti uumamu rakkoo akkam akkam fida?
✅Qulqullina murtii irratti dhiibbaa guddaa uuma,
✅Murtiin faallaa heeraa fi seeraa taate akka kennamtu godha,
✅Murtii garmalee haqa dabsituu akka kennamtu godha
✅Murtiin garmalee haqa dhabamsiiftu akka kennamtu godha
✅Murtiin dogongora bu’ura seeraa qabdu akka kennamtu godha
Dogongorri yookaan rakkoowwan ijoo dubbii qabachuu wajjiin wal qabatanii mullatan kan akkam yoo jettan
✅Ijoon dubbii adda baasanii qabachuu dhabuu
✅Ijoo dubbii haala ifa taheen ifa godhanii kaa'achuu dhabuu,
✅Ijoowwan dubbii qabamuu qaban hunda duguuganii qabuu dhabuu, ijoo dubbii kan garee tokkoo qofa qabuun ijoo dubbii kan garee kaanii dhiisuu, ijoo dubbii hamma tokko qofa qabatanii, hamma tokko qabachuu dhabuu,
✅Yeroo sirrii kan ijoo dubbii itti qabachuu qabanitti qabachuu dhiisanii, yeroo sirrii hin taanetti ijoo dubbii qabachuu fakkenyaaf ijoo gaafa ijoo qabatu hin qabatin barreessa murtii keessatti qabachuu,
✅Ijoo dubbii osoo adda baasanii hin qabatin ragaa dhagahuu,
✅Erga ragaan dhagahamee booda ijoo dubbii qabachuu, ragaan kan dhagahamu dhimma falmii ta’e (ijoo dubbii) qulqulleessuuf wan ta’eef dursanii ijoo dubbii adda baafachuun barbaachisaa dha.
✅Ijoo dubbii qabamuu qabu dhiisanii kan biraatti jijjiiruun ijoo qabachuu,
✅Ijoo dubbii maddi isaa hin beekamne qabachuu, Ijoon dubbii himata, deebii, falmii fi sanadoota gareewwan dhiheessan irraatti hunda’uun akka qabamu S/D/F/H/H/Keewwata 248 (a-c) jalatti tumameera, haa ta’uu malee ijoon dubbii maalirraa ka’ee akka qabame yhin beekamne yeroo qabamu ni mullata
✅Himannaa ,deebii fi iyyannaawwan dhihaate sirritti osoo hin dubbisin ijoo qabachuun ijoon dubbii qabamuu qabdu akka hin qabamne nama godha, yeroo baayyee gaafa guyyaa murtii barreessan himannaa fi deebi dhihaate dubbisan malee sanaan dura sirnaan dubbisuu dhabuun ni mullata,
Furmaatni Rakkoowwan kanaatoo maali?
‘’Understanding the problem is half way of solving that problem’’ jedha faranjiin, kanaaf dogongorri yookaan rakkoowwan ijoo dubbii qabachuu wajjiin wal qabatanii mullatan kan armaan olitti ibsaman kana akkamitti akka uumaman hubannaan furmaatni isaa nama hin rakkisu waan ta’eef furmaatni rakkowwan kanaa maal tahuu qaba kan jedhuuf deebii isinumaafin dhiisa,
✅Kanaaf, ijoo dubbii qabamuu qabdu osoo hin qabatin calisanii bira dabruun murtiin kennamtu murtii dogongora bu’ura seeraa qabdu waan ta’eef murtiin oliyyannoon diigamuu waan dandeessuf jalqabumarraa kaafnee adeemsa seeraan tumamee jiru hordofuun murtii haqa qabeessa kennuun
Haqa qabannee haqaaf haa hoojjennuu
Dhugaa qabannee dhugaaf haa hoojjennuun dhaamsa kiyya.
Hora bulaa!
waliif godhaa