29/08/2025
Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injifannoo dhaloota haaraati!
**************
Lammiileen Itoophiyaa wareegama qaalii kaffaluun birmadummaa biyyaa tiksanii dhaloota kana dhaalchisaniiru. Kanaanis Itoophiyaan biyya gootummaan beekamtu fakkii barmadummaa Afriikaa ta'uunis leellifamti. Haa ta'u malee, birmadummaa dhiigaan gonfatamee gootummaa Alaabaa Itoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti olqabe dafqaan dabaaluu dhabuun birmadummaan keenya guutuu akka hin taane taasiseera.
Hiyyummaa seenaa taasisuun birmadummaa Itoophiyaa guutuu gochuuf pirojektoota meeggaa jalqabsiifaman keessaa Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa angafummaan kan eeramudha. Hidhi Haaromsaa pirojektii seena qabeessa hirmaannaa lammiilee Itoophiyaatiin ijaaramaa jiru yoo ta'u bittaa boondiifi arjoomaa lammiilee Itoophiyaatiin Ashaaraa dhaloota haaraa kaa'amedha. Kanaanis deeggarsa alaa tokko malee, kan ijaarame Hidhi Haaromsa Itoophiyaa pirojektii guddicha Itoophiyaan danda'uu ishee ittiin mul'ifte mallattoo sabboonummaa injifannoo Adwaatti aansee galmaa'edha.
Odeeffannoo Dabalataaf:
------
Facebook: https://www.facebook.com/kominikeeshinii.aanaaxirooafataa.7
------
Telegram: https://t.me/+uC110EIZRJ02ZTVk
------
TikTok: https://www.tiktok.com/?_t=ZM-8z6QcV6y7GS&_r=1
------
Twitter: https://x.com/GibeNadi37874?t=hatu6tXvy1BWKMhB4ghy3A&s=09
------
YouTube: https://www.youtube.com/