Mana Murtii A/Daaboo Haannaa

Mana Murtii A/Daaboo Haannaa Court house

02/08/2026
Hawaasni Aanaa Daaboo Haannaa fii Hojjettonni Mana Murtii Aanaa Daaboo Haannaa baga Gammaddan Manni Murtii Aanaa Daaboo ...
31/07/2026

Hawaasni Aanaa Daaboo Haannaa fii Hojjettonni Mana Murtii Aanaa Daaboo Haannaa baga Gammaddan Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Raawwii Hojii bara 2018 akka Manneen Murtii Godina Buunnoo Beddelleetti Gaggeeffameen Sadarkaa 3ffaa tin bahuudhaan Geeba Kan argatedha. !!!

Mana Murtii AanaaDaaboo Haannaa ti Koree Simannaaf Keessumeessaa Abbooti Dhimmaa.
21/05/2026

Mana Murtii AanaaDaaboo Haannaa ti Koree Simannaaf Keessumeessaa Abbooti Dhimmaa.

28/03/2026

Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa kennuu keessatti iddoo hojii mijaataa qabaachuun murteessaadha Kanaafis akka Godina Buunnoo Beddelleettis xiyyeeffannoon itti kennamuun baajata Buchiinsi Aanaalee ijaarsa Manneen Murtii Aanaalee ramadeen ijaarsi isaanii saffisaan deemaa kan jiru yammuu tahu kana keessaa kan Mana Murtii Aanaa Gachii kana fakkaataa.

Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Guyyaa har'aa jechuun 07/04/2018 Koree Ittisa Ragaa sobaa Manguddoota biyyaa, Abbootii...
17/12/2025

Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Guyyaa har'aa jechuun 07/04/2018 Koree Ittisa Ragaa sobaa Manguddoota biyyaa, Abbootii Amantaa, Seekteroota Mootummaa Kenna tajaajila haqaa qindoominaan waliin hojjennu kanneen akka Waajjira Gurmaa'insaa, Waajjira Abbaa Alangaa, fii Waajjira poolisii irraa waliitti bobbahan irraa hundeessuun Barreeffama gabaabaa Gahee qaamolee haqaaf dhimmamtootaa ilaallatu irratti dhiyeessiin erga gaggeeffameen booda yaadaaf gaaffii mana keessaa kahe irratti deebii iftomina barbaadu kara hoggansa manaatin irratti kennameera.

Dabalataanis, Ragaa sobaa ittisuu irratti hojii hojjetan gabaasa isaa ji'a ji'aan akka dhiyeessan akkasumas gamaggamni raawwii Hojii ji'a lama lamaan akka gaggeeffamu kallattiin kennamee waltajjiin har'aa xumurameera.

17/12/2025

Konkolaachiftoota Inshuraansii Qaama Sadafaa 3ffaa hin Qabne Irraatti Mannii Murtii Aanaa Daaboo Haannaa adabbii qarshii Murtteessee.

Sadasaa 28/03/2018

Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Qindoomina Waajjira poolisii Aanaa Daaboo Haannaa , Abbaa Alangaa Aanaa Daaboo Haannaa fi Wajjira Dandiif loojistikii Aanichaa waliin tahun konkolaachiftoota Mootoraa (Doqdoqqee ) baay'in noamoota (36 )Soddomii Ja’aa tahan Inshuraansii Qaama 3ffaa kan hin qabnef fi Labsii Mootummaa Federalaawaa Domookiratawaa Rippaabilkaa Itoophiyaa Wabii Inshuuransii Qaama sadaaffaa balaa konkolaataa to’achuuf ba’e Lakk 799/2005 Kewt. 3(1),Kewt.12(3) Kewt.13(2) fi kewt. 30 irraa darbuu dhaan yakkaa wabii Inshuuransii Qaama sadaaffaa balaa konkolaataa osoo hin qabaatin konkolaachisuu rawwatame jechuun mana murtiif dhiyeessaani jiru.

Bu’uruuma Himata Abbaa Alangaa Aanaa Daaboo Haannaa dhiyeeffaten . Manni MurtiiAanaa daaboo Haannaas galmee RTD dhiyaatee ilaluun himatamtoota ni barsisaa fakkatoota isaani ni akkekaachisa jechun tokkoon tokkoon isaanii Qarshi 3000 ( Kuma sadii) Walittii qarshii 108,000 (kuma dhiba tokkof kuma saddet) akka adabaman manni murtii murtteessee jira.

Guyyaa 24/03/2018Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Guyyaa kabaja Ayyaana Farra Malaammaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti ...
04/12/2025

Guyyaa 24/03/2018
Manni Murtii Aanaa Daaboo Haannaa Guyyaa kabaja Ayyaana Farra Malaammaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti M-20ffaaf kabajamu kabajee oolera.
Ayyaannicha irrattis:- 1ffaa, dhiyeessin gabaabaa karaa MMO tin nuuf ergame hawaasa mana hojiif dhiyaateera.
2ffaa, Mariin dhiyeessii kanarratti taasifameera.
3ffaa, Hojjettoota Naamusa gaarii qaban namoota sadiif jechuun dhiira lamaaf shammarra 1f beekamtiif waraqaan ragaa kennameera.
Walumagaalatti, haala ho'aan kabajamee ooleerraa

Address

Nopa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii A/Daaboo Haannaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Mana Murtii A/Daaboo Haannaa:

Shortcuts

Share