20/04/2022
Tarkaanfiin shororkeessitoota qulqulleessuu cimee itti fufa!
Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Humni shororkeessaa, shaneen, jaarmiyaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo dantaa sabaa ka’umsa godhate kan hin qabne ta’uu isaanitiif gocha hammeenyaa waggoottan afran darban ummata Oromoorratti raawwateen mirkaneesseera.
Tarkaanfii qindaa’aa tibba kana irratti fudhatamaa jiruun kan guyyaan itti dukkanaa’e hoggantoonni humna shororkeessaa kanaa qabatamaatti waan dhalli namaa namarratti hin raawwanne ummata Oromoorratti raawwachaa kan turaniifi jiran ta’uu ofumaan ragaa ofirratti bahuu eegalaniiru.
Dantaan ummata Oromoo afaan qawween osoo hin taane, caalmaa yaadaa fi yaadamaa siyaasaa dirree demokraasii keessatti dhalatuun mirkanaa’aa waan ta’eef, humni kun qabsoo karaa nagaatti akka deebi’u yaalii bal’aan taasifamaa turee jira.
Waamichi qabsoo karaa nagaa kun Mootummaadhaan alattis ummata Oromoo hundarraa dhiyaachaa kan ture ta’ullee, shaneen ergama baandummaa siyaasa Oromoo cabsuuf manaa bahe waan ta’eef, guyyaa guyyaatti gochaa diinummaa Oromoo salphisuu hojii ijoo godhatee itti fufe.
Sababa kanaan, ummanni Oromoo waggoottan afran darban keessatti gochaa hammeenyaafi gar-jabinaa seenaa keessatti argeefi dhagahee hin beekne keessumeessaa turee jira. Gochoonni suukkaneessoon safuufi duudhaa Oromummaa faalleessan danuun shaneedhaan raawwatamaa turaniiru.
Horata dinagdee waggoota hedduuf itti dhama’e kaan ibiddaan kan hafe ammoo saamichaan dhabeera. Daandiin barnootaa gameeyyii qabsoo Oromoo kaleessaatiin saaqame humna shororkeessaa kanaan cufamuun ijoolleen Oromoo lakkoofsi isaanii xiqqaa hin jedhamne barnoota idilee irraa ugguramanii akka mana oolan ta’ee jira.
Ummanni Oromoo diina shanee caale hin qabu. Diina ammoo sosobbaan osoo hin taane haleellaan ofirraa dhabamsiisu. Bu’uura kanaan tarkaanfii qindaa’aan tibbana qaama nageenyaan humna gantuu kanarratti fudhatamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti ummata Oromootiif aara galfii fiduu akka danda’u injifannoowwan t