15/06/2022
WALALOO
Ibsituu miira koo
Mi'eessituu aartii
Hiriyaa dhugumaa
Fira kiyya aantii!
Sumaanin si faarsa
Jedheen dhabe jecha
Jaalallikee gubee
Onnee na belbelcha!
Ati naaf ayyaana
Kennaa rabbii guddaa
Sinsinnii hin beektu
Na waliin jiraatta
kunoo yeroo hundaa!
Of biraa sin dhabu
Akkuma gaadidduu
Si waamnaan owwaatta
Tasuma nan diddu!
Madaa keessa kootii
Ummataan naaf geessa
Bakka guddaa qabda
Onnee kiyya keessaa!
Kennaa koo walaloo;
Hangafa afoolaa
Situ onnee natti horee
Gad nabaase golaa!
Gameettii umrii dheeraa
Kumootaaf dhibbootaa
Simboo aartii sabaa
Bu'uura sirbootaa...!
Erga galaa godhee
Waaq si nabaachisee
Si galaaseen darba
Dhaloota dhaalchisee!
Dilbiin jechoota Oromoo
Biiliyoonota kumaa
Hammaarran tasan fixu
Adada hin qabu dhuma!
Anis keessaa fudhadheen
Siin aartii sabaa kabaa
Dhimma filannoo miti
Kanaaf dirqaman qaba!
Akka sin xureessineef
Faltiin yeyyiif sarootaa
Kitaabaan katabamtee
Taa'uu qabda barootaa!
Har'a dhiibbaafi dhabni
Natti taatullee gufuu
Gaaf-tokko sin dabarsa
Anis dhaloota dhufuu!
Albuuda dhuma-n qabne
Kan hin hanne hattuuni
Naaf jiraadhu walaloo
Sin argatin hamtuuni!