Mattu Town Communication Office

Mattu Town Communication Office Ummataa fi Mootummaa gidduu wal hubannaan bu'aa qabeessa ta'e akka jiraatuuf hojjenna!!

26/06/2026
26/06/2026
"Tajaajilli Bishaan Dhugaatii Magaalaa Mattuu Sadarkaa gaarii irra jira" BoordichaBoordiin Dhaabbata Tajaajila Bishaan D...
25/06/2026

"Tajaajilli Bishaan Dhugaatii Magaalaa Mattuu Sadarkaa gaarii irra jira" Boordicha

Boordiin Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala'aa Magaalaa Mattuu dhiyeessi bishaan dhugaatii Magaalaa Mattuu Haala gaarii ta'e irra Jiraachuun Ibsame.

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti boordiin Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi dhangala'aa magaalichaa gabaasa Raawwii hojii bara 2018 irratti Maree Gaggeessee Jira.

Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Mattuufi walitti qabaan boordii dhaabbatichaa obbo Teshaalee Ejersoo Waliin gayiinsiifi raabsaan Bishaan Dhugaatii Magaalaa Mattuu Yeroo yeroodha yerootti baay'ina Uummata Magaalichaan akka Wal simuuf hojjatamaa jiraachuu himuun Bara 2018 keessaas hanqinni Dhiyeessii bishaanii akka Hin uumamneef hojiin hojjatamaa ture gaarii akka ta'e ibsaniiruu.

Gaabaasaa Raawwii hojii bara 2018 kan dhiyeessan hojiigeggeessaan dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi dhangala'aa magaalaa Mattuu Obbo Isahaaq Shariif magaalichatti uwwisni bishaan dhugaatii Dhibbeentaa 83 ol gahee jiraachuufi hawaasa Magaalichaa kuma 130 ol ta'uuf Dhiyeessiin Bishaan Dhugaatii taasifamaa Jira jedhan.

Miseensotni Boordiichaas haalli Raawwii Dhaabbata tajaajila bishaanii Dhugaatii fi dhangala'aa Magaalaa Mattuu gaarii ta'uufi keessumattuu Waliin gayiinsiifi raabsaan Yeroodha yerootti fooyya'aa deemaa jiraachuu dubbachuun Tajaajila dhaabbatichaa Ammayyeesuun, Qulqullina Bishaan Magaalichaa Caalaatti guddisuun fi hojii qindoominaa Jabeessuun kana Caalaatti hojjatamuu qabas jedhan.

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa ergaa baga gammaddanii dabarse.Waxabajjii 17,2018Manni Maree Waloo...
24/06/2026

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa ergaa baga gammaddanii dabarse.

Waxabajjii 17,2018

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee roga hedduu naannoo fi biyya keenyaa tumsa mootummaa fi Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru faana qajeeltoo tokkummaa fi dorgommiitin furuuf hojjachaa turuun isaa ni yaadatama.

Filannoon biyyoolessaa fi naannoo marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffame karaa nagaa akka xumuramu hojjachuun gamatti, carraawwan jiranitti fayyadamuun sagantaalee paartii keenyaa ummataaf dhiheessudhaan yeroo itti ummatatti dhiyaannee dorgomuuf carraa itti arganneedha.

Adeemsi filannoo waliigalaa nagaa, dimokiraatawaa, fi haqa qabeessa akka ta’uuf tattaaffiin qooda fudhattootaa hundi ol’aanaa akka ta’ee fi nutis miseensonni mana marichaa bu’aa argame fudhannee murtee ummataa akka kabajnu ummata naannoo fi biyya keenyaaf mirkaneessuu barbaanna. Kana irraa ka’uudhan ergaawwan galateeffannaa fi baga gammaddanii armaan gadii dabarsuu barbaanna.

• Filannoon karaa nagaa xummuramee biyyi waan injifatteef ummanni keenya hundi baga gammaddan isiniin jechuu barbaanna.
• Adeemsi filannoo fi bu'aan filannoo dimokiraatawaa ta'ee murteessummaan ummataa kan mirkanaa’e waan ta'eef, sagalee ummataa galata guddaadhaan fudhanna.
• Paartilee siyaasaa fi qooda fudhattoota adeemsa filannoo seena qabeessa kana keessatti hirmaatan hundaaf manni maree waloo keenyaa galata guddaa dhiyeessa.
• Dhumarrattis, Paartiin Badhaadhinaa sagalee ummataa caalmadhaan injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa akka mirkaneessetti nutis Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa carraa kanatti fayyadamuun Paartii Badhaadhinaatin baga gammaddan jechaa, gara fuula duraatti dhimmoota naannoo fi biyyaalessaa irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu keenya carraa kanaan mirkaneessuu barbaanna.

Walumaagalatti፣ Filannoon Biyyoolessaa marsaa 7ffaa’n murteessummaa ummataa ifatti kan mirkaneessee fi qaamoleee hundaaf barumsa kennuurra darbee, bal’achuu dirree dimokiraasii biyya keenyaatiif ashaaraa/mallattoo kaa’ee kan darbe waan ta’eef qaamoleen hundi adeemsa jalqabaa kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjachuu fi barii filannoo irraa kaasee xiyyeeffannoo keenya gara misoomaa fi nageenya mirkaneessutti deebisuun dameewwan gara garaatin jijjiirama fiduuf hojjechuu qabna.

Paartiin Badhaadhinaas amaanaa ummanni itti kenne kunuunsaa, addatti gama nageenyatiin, qaala’ina jireenyatiin, birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa irratti, akkasumas akka biyyaatti mariin biyyoolessaa jalqabame milkaa'inaan akka xumuruu fi gaaffii ummataa deebisuuf halkanii guyyaa cimee akka hojjatu gorsa keenya dhiyeessuufi barbaanna.

Qulqullina Magaalaa Eeguun Mallattoo Qaroominaafi Ammayyuummaati.Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti akkaata qulqullina fi mag...
24/06/2026

Qulqullina Magaalaa Eeguun Mallattoo Qaroominaafi Ammayyuummaati.

Bulchiinsa Magaalaa Mattuutti akkaata qulqullina fi magaarisummaa magaala eeguun danda'amu irratti Mareen gaggeeffamaa Jira.
Mareen Kunis Qooda fudhattoota Seektaroota gara garaa irraa Walitti Dhufan Waliin gaggeeffamaa Jira.

Itti gaafatamaan waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Kaasahun Guddataa Qulqullinni magaalaa hojii qindoominaafi Jiraattoota Magaalaa Maraan eegamu qabu ta'uu dubbachuun kanaafis qaamoleen hawaasaa martuu balfaalee dhabamsiisuun,Daandii cinatti wantoota gara garaa gatuu dhiisuufi Magariisummaa Magaalichaa sirnaan eeguun barbaachisaa ta'uu himan.

Hoj Gaggeessaa mana qopheessaa Magaalaa Mattuu Obbo Darajjee Isheetuu Magaalaa Mattuu miidhagduufi jiruuf Jireenya hawaasaaf mijattuu taasisuuf tumsa hundaa Kan barbaachisu ta'uu himuun qooda fudhattootni Maree kanaas dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuun hawaasa Waliin qindoominaan hojjachuu Kan qaban ta'uu ibsan.

Inistitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa hojirra oolmaa pilaanii Misooma Qe'ee fi Ulaa Misooma Magaalaa  Mattuu irrat...
23/06/2026

Inistitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa hojirra oolmaa pilaanii Misooma Qe'ee fi Ulaa Misooma Magaalaa Mattuu irratti qooda fudhattoota Waliin Mareen Gaggeessee jira.

Waaxabajjii 16,2018 Mattuu

Inistituutichi guddinnaafi ammayyummaa magaalota Oromiyaa saffisiisuuf qorannoo pilaanii haaraa yeroo yeroon bocee gadi buusuun hojiirra oolmaasaa irrattis xiyyeeffannaan hojjachaa jira.

Inistituutichi guyyaa har'aa pilaanii Misooma Qe'ee fi Ulaa Misooma magaalaa Mattuu irratti Koree hojraawwachiistuu Magaalichaa,Hooggansa Seektaraafi Gandaaf Qorannoo pilaanii kanaa dhiyeessuun Mareen irratti gaggeeffamaa Jira.

Inistitiyuutii pilaanii Oromiyaa irraa Obbo Darajjee Asaffaa Qorannoo pilaanii Misooma Qe'ee fi Ulaa Misooma Magaalaa Mattuu dhiyeessuun irratti maryatamee Jira.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Obbo Teshaalee Ejersoo Magaalli Mattuu pilaanii Amayyaa'aafi Jireenya hawaasaaf Mijataa ta'e Akka qabaattuuf inistitiyuutii pilaanii Oromiyaa Waliin ta'uun hojjatamaa Kan ture ta'uu himuun Keessuumattuu pilaanii Magaalaan Mattuu iddoo Carraan hojii heedduun Itti uumamu,gidduu gala Teknooloojii fi jiruuf Jireenya hawaasaaf Mijataa Akka taatuuf ni hojjatamas jedhan.

Dhaabbata Pilaanii Oromiyaatti Qindeessaa Garee qophii Pilaanii Misooma Qe'ee fi Koridarii Obbo Darajjee Asaffaa Magaalaan pilaanii ishee gitu argachuu baannaan babal'ina bu'uuraalee misoomaatiifis ta'e guddina Ammayyaa'aa agarsiisuu waan Hin dandeenyeef Pilaanii kana hojii irra oolchuun Magaalaa Mattuu Magaalaa Jireenya lammiileef mijattuu taate gochuuf xiyyeeffannoon hojjatamuun barbaachisaa ta'uu himan.

Hirmaattotni Maree kanaas milkaa'ina pilaanii dhiyaate kanaaf Kan hojjatanu akka ta'e dubbataniiru.

Address

Metu

Telephone

+251474411703

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mattu Town Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share