Waajjira Barnoota Aanaa Bachoo

Waajjira Barnoota Aanaa Bachoo Barnoota Lammi Hundaaf
'Education for all'

Finca'aa Soor!!!!!!==============Hawaasni barnootaa Aanaa Bachoo( barattoota,barsiisota,hoggansa barnootaa fi maatii bar...
20/09/2023

Finca'aa Soor!!!!!!
==============
Hawaasni barnootaa Aanaa Bachoo( barattoota,barsiisota,hoggansa barnootaa fi maatii barattootaa) filannoo hawwata tuurizimii Fincaa'aa Soor hanga ammaatti karaa marsaariitii( online) taasifama jiru keessatti gahee keessaan bahaa waan jirtaniif guddaa galatoomaa.
Haa tahu malee ammallee sagaleen keessanii fi karaa keessan kan argamu murteessaa waan taheef;
1.Ofii keessan filachuun
2.Account dabalataa jiruun filachuu
3.Namoota beektan,hiriyyootaa fi maatii keessan filachisuun sagalee keenyaan misooma Aanaa keenyaa akka deeggartan irra deebiin waamicha isiniif taasisna.
Sooooor waterfall!!!!!
!!!!!!

24/08/2023
BSTD FUGOO LEEQAA===================Ijaarsi daree BSTD  Fugoo Leeqaa bu'uuruma waliigalteen kennameen yeroo ammaa kana x...
24/08/2023

BSTD FUGOO LEEQAA
===================
Ijaarsi daree BSTD Fugoo Leeqaa bu'uuruma waliigalteen kennameen yeroo ammaa kana xumuramuun tajaajilaaf qophaa'eera.Waajjirri Barnootaa A/Bachoo qaamolee mlkaa'ina hojii kanaaf gummachitan hundaa galatoomaa jechaa bara 2016 hojii eegalchiisuuf galmeen barattoota BSTD f hanga 12ffaa gaggeeffamaa waan jiruuf maatii fi dhimmamtootni barnootaa marti milkaa'ina galmee barataaf gahee keessan akka baatan waamicha keenya dhiyeesina.
========================================

20/05/2023

የ12ኛ ክፍል ማጠናቀቅያ ሀገር አቀፍ ፈተና መስጫ ጊዜ ይፋ ሆነ።........................................................................

ግንቦት 10/2015 ዓም. (የትምህርት ሚኒስቴር) የትምህርት ሚኒስቴር የ2015ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ማጠናቀቂያ ሀገር አቀፍ ፈተና የሚሰጥበትን ቀን አሳውቋል።

የ12ኛ ክፍል ማጠናቀቂያ ፈተና ከሐምሌ 19 እስከ ሐምሌ 30/2015 ዓ.ም ድረስ በመንግስት ዩኒቨርሲቲዎች ይሰጣል።

ዩኒቨርሲቲዎችም ያላቸውን ስራ በማጠናቀቅ ከሐምሌ15/2015 ዓ.ም ጀምሮ ለሚሰጠው የ12ኛ ክፍል ፈተና ራሳቸውን እንዲያዘጋጁ ሚኒስቴሩ አሳስቧል።

ተጨማሪ መረጃዎችን ለማግኘት፡-
በፌስቡክ -https://www.facebook.com/fdremoe/
በቴሌግራም -https://t.me/ethio_moe
በትዊተር - http://twitter.com/fdremoe
በሊንክዲን - https://www.linkedin.com/company/ministry-of-education-ethiopia
በዌብሳይት - www.moe.gov.et

This is FDRE Ministry of Education Official Face Book Page.We are promoting Educational Achievement & Attainment.

06/05/2023
06/05/2023

Sirna Barnootaa Haaraa!!!
:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Sirna Barnootaa Haaraa Keessatti Sadarkaan Barnootaa
6 - 2 - 4, Bara 2016 guutumaa guutuutti hojiirra kan oolu ta'uun beekameera.
27/08/2015
----------------------
Sirna Barnootaa Haaraa Barnoota Waliigalaa bara 2015 irraa hojiirra oolu kan jalqabe yoo ta'u bara dhufu(bara 2016) irraa eegalee akka biyyaatti guutumaa guututti kan hojiirra ooluudha.
1ffaa kan jedhamu
kutaa 1faa - 6ffaa,
barnoota Jiddu Galeessaa kutaa 7ffaa - 8ffaa yoo ta'u,
2ffaa kan jedhamu immoo kutaa 9ffaa - 12ffaa kan jiruudha.
Sadarkaa 1ffaan Duraa (BSTD) /Preprimary School/ jedhamu Manneen Bu'uura Boruu irraa barnootni kennamuu eegala.
Barattootni umrii 5 irraa kaasee hanga umrii 6 guutanitti sadarkaa BSTD waggaa lamaaf baratanii umrii 7 yoo guutan kutaa 1ffaa galuu qabu.

6ffaa Qormaatni Sadarkaa_Naannootti kennama.
8ffaa Qormaatni Sadarkaa_Biyyaatti kennama.
12ffaa Qormaatni Sadarkaa_Biyyaatti kennama.

- Barnoota Sadarkaa 1ffaa(kutaa 1-6) keessatti Gosni Barnootaa SAFUU ni kennama.
- Barnoota Sadarkaa Jiddu Galeessaa (kutaa 7 - 8) keessatti Gosni Barnootaa Ogummaa ni kennama.

Akka Sirna Barnootaa Haaraatti barnootni sadarkaa BSTD irraa hanga kutaa 8ffaatti lammii hundaaf bilisaan kan kennamu yoo ta'u, barachuun garuu dirqama ta'uun beekameera.
Walumaagalatti, Sirni Barnootaa Haaraan Sirna Barnootaa dabre irraa adda kan isa taasisu;
- Beekumsa xabboo irratti kan hundaa'eefi gahumsa barattootaa ol guddisuu irratti kan xiyyeeffate,
- Teeknikaafi Ogummaa kan of keessatti hammate,
- Lammii aadaafi duudhaa hawaasaa akka kabajaniifi kabachiisan taasisu uumiuf gosa barnootaa Gadaafi Safuun kan kennamu,
- Teeknoloojii ammayyaatiin kan deeggarameedha.
Madda: fuula fb BBO

21/04/2023

Barattoota kutaa 12ffaa irra deebiin foormii guutuu barbaaddan Hundaaf ===================================
BBO'n guyyaa galmee Amma gaafa 17/08/2015 ti waan butee jiruuf isinis kana hubachuun waajjira Barnoota Aanaa bachootti sa'aatii hojii mootummaatti qaamaan dhihaachuun foormii kana guutuu dandeessuu.Dabalataan immoo foormii kanaaf Kan barbaachisu ;
1.Ragaa Qormaata kutaa 12 ffaa( entrance) kooppii isaa
2.Qarshii galmeef barbaachisu Saayinsii Hawaasaa( S/S ) 228 fi Saayinsii Uumamaa(
N/ S ) immoo 260 ta' uu hubattanii fayyadamoo carraa kanaa akka taatan isin yaadachiisna.
===================================

Oromiyaa: Hawwata Tuurizimii Aanaa Bachoo !!!!!
21/03/2023

Oromiyaa: Hawwata Tuurizimii Aanaa Bachoo
!!!!!

16/03/2023
Goolaba shaampiyoonaa!!!=================================Shaampiyonaan manneen barnootaa akka aanaa Bachootti qopheessum...
15/03/2023

Goolaba shaampiyoonaa!!!
=================================
Shaampiyonaan manneen barnootaa akka aanaa Bachootti qopheessummaa waajjira Barnootaan guyyoota jahaaf gaggeeffamaa ture gaafa 06/07/2015 bifa hawataa taheen goolabameera.
Saganticha irrattis naamusa,hirmaannaa fi qindeessummaan koree tahuun hojjetaniif akkasumas jaallattoota ispoortii hundaan hoggansi waajjira Barnootaa galatooma jedhaniiru.
Bu'uuruma kaayyoo wal dorgommichaan dorgomtootni Aanaa Bachoo bakka bu'uun shaampiyoona Godinaa irratti hirmaachuu danda'an kan filataman tahuu koree olaanoon shaampiyoonichaa ibsaniiru.
Galatoomaa!!!
==================================

Address

Becho Town
Metu
NO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Barnoota Aanaa Bachoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share