Doreni District Communication

Doreni District Communication Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Doreni District Communication, Government Organization, Elemo, Mettu.

Gamaggamni raawwii hojii karoora xiiqii Mootummaafi Paartii kurmaana 1ffaa karoora  hojii baatii sadaasaa irratti mari'a...
04/11/2023

Gamaggamni raawwii hojii karoora xiiqii Mootummaafi Paartii kurmaana 1ffaa karoora hojii baatii sadaasaa irratti mari'achuun kaallattii kaa'uun xumurameera.

Onkoloolessa 24,02,2015 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooranniitti raawwiin hojii karoora xiiqii Mootummaafi Paartii kurmaana tokkoffaa karaa bilchinaafi naamuusa qabuun ergaa gamaggamameen booda karoora kurmaana 2ffaa irrattis mari'achuudhaan goolabameera.

Waltajjii gamaaggama raawwii hojii kanaanis ciminootaa fi hanqinaalee raawwii hojii darbee keessatti mul'atan adda baasuun mariin bilchina qabu taasifamuun hojii gara fuula duraatiifis karoora kurmaana 2ffaa irratti mari'atamee kallattii fuula duraa hojiin ittiin hoogganamus kennameera.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Doorannii Obbo Bafiqaaduu Oljirraa xumura marichaa irratti guduunfaa taasisaniin akka jedhanitti hojiiwwan gama paartiifi Mootummaatiin hojjetamaa turan ciminootni fi hanqinaaleen tokko tokko jiraatanis bu'aan galmaa'e kan yeroo kamii caalaa sadarkaa fooyyee qabuun akka ilaalameefi kurmaana 1ffaa kanaan hanqinoota jiran kurmaana 2ffaa keessatti sirreessuuf kallattiin qabatamee irratti mari'atamaa ture gaarii ta'u himaniiru.

Karoora xiiqii bara kana qabamee hojjetamaa jiru kallattii hundaan milkeessuufis hoggansi keenya sadarkaan jirtan bu'aa xiqqootti quufanii hojii itti aanu hojjechuu dadhabuu keessaa bahuun hojii hojjannu kamiifuu sababeessuu keessaa bahamuu akka qabuufi karaa gurmaa'inaan hojjetamee fayyadamummaa hawaasaa sadarkaa olaanuun mirkaneessuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

I/G Waajjira Paartii Badhaadhina Aanaa Doorannii Obbo Tashoomee Birhaanuu guduunfaa marichaa irratti haasaa taasisaniin Ilaalchaafi gochoota gufachiisoo Dinagdeef Siyaasaa farreen Mootummaafi Paartii keenyaa ta'an dhabamsiisuufis hidhannoo siyaasaa keenya cimsinee kutannoodhaan irratti qabsaa'uu akka qabnu hubachiisanii jiru.

Kana malees hoggansi keenya sadarkaa sadarkaan jiru keessoo isaa qulqulleeffachuudhaan hojimaata Mootummaafi Paartii iddootti deebisuun karoora xiiqii bara kana baafamee hojjetamaa jiru sadarkaa olaanaadhaan raawwachaa imala galma badhaadhinaatiif qabames milkeessuuf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabuuf ergaa dabarsaniiru.

Gamaggama raawwii hojii karoora xiiqii bara 2016 kan kurmaana 1ffaa ilaalameen ciminoota argaman daran itti fufsisaa hanqinoota mul'atan immoo raawwii keenya kurmaana itti aanu keessatti galtee godhannee karaa gurmaa'insa keenyaatiin hojii keenya hogganuu akka qabnuus dhaamaniiru.

Kallattii hojii gara fuula duraa kenname.....!
▶hojii mootummaafi paartii ijaarama sadarkaan jiru cimsuun gurmaa'insa isaa karaa eeggateen hogganuun hojjachuu...
▶Cabiinsa gama barnootaan nu mudatee jiru jalaa bahuuf nyaata barattootaa irraa kaasee adeemsi baruufi barsiisuu karaa sirrii ta'een hoogganamuu akka qabu.

▶kenna tajaajila manneen hojii Mootummaa fooyyessuu...
▶ hojiiwwan gama qonnaatiin wal qabatee milkaa'ina hojii injisheetiiviwwaniitiif hunduu kalaqaan, ariitiin,qulqullinan,baay'inaan akka hojjetamu gochuu...
▶Pirojektiiwwan sadarkaa Aanaatiin hojjetamaa jiraniif xiyyeeffannoon addaa kennuun hordofuu....
▶sassaabbii galii gibiraatiif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu..
▶hojii gama fayyaatiin dhukkuboota daddarboo ittisuuf hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu gochuu....
▶hojii gama qusannaatiin hojjetamaa jiru jajjabeessuu
▶Gama waldaa Hojii gamtaatiin hojiiwwan hojjetamuu qabaniif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu
▶liqii bule deebisuufi haaraa kennuu....
▶hojiin carraa hojii uumuu ajandaa qaama hundaa taasisuu
▶Hojii tajaajila Lammummaatiif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamuu akka qabus hubachiisaniiru.

▶hojii qulqullina bunaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu
▶sassaabbii midhaan bilchatee duulan sassaabuu...
▶hojii Nageenyaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojjachuu...
▶Gaachana sirnaa cimsuu...
▶Humnoota walootti gargaaramuu...fi kaneen kana fakkaatan cimsuu...

▶Xumura irrattis gamaggamni hojii mootummaafi paartii sadarkaa Gandaafi Gandaa gadiitti akka gaggeeffamuuf kallattiin kennamee jira.

Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooranniitti konfiraansiin barnootaa qooda fudhattoota waliin   gaggeefamaa jira.🙏🙏🙏🙏(Hagay...
23/08/2022

Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooranniitti konfiraansiin barnootaa qooda fudhattoota waliin gaggeefamaa jira.
🙏🙏🙏🙏
(Hagayya 17,2014) Waltajjii konfiraansii barnootaa kana ifatti kan saaqan Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaaa Aanaa Doorannnii Obbo Darajaa Guddinaa dubbii dubbataniin lammii barnootaan gahoome horachuuf hojiin barnootaa bara kana karaa hundaan xiyyeeffannaan kan hojjatamaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Bara barnootaa 2015tti immoo karaa barataan hundi umriin isaa barnootaaf qaqqabe kan itti daguugamanii gara mana barumsaatti galan ta'uus himaniiru.

Keessumattuu manneen barnootaa bu'uura Booruu ijaaruun dhaloota egereef hawaasni keenya hirmaannaa taasisaa jiru hojii fakkenyummaa guddaa qabuu dha.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Doorannnii Obbo Ambaachoo Gazzaahaanyi ibsa kennaniin guddinni biyya tokkoo lammii qaroomee fi barateen waan milkaa'uuf hojii baruu fi barsiisuu bara 2015 milkeessuuf qaamni hunduu tumsa gochuu akka qabu dubbataniiru.

Akkasumas hojiin baruuf barsiisuu bara darbee fooyyee akka qabu himuun kanneen akka ciminaatti turan itti fufsisuun bara 2015 keessatti hanqinaalee turan irratti xiyyeeffannoo galmaan gahuumsa hojii kanaaf qaamni hunduu qooda isaa bahuun lammii baratee jijjiirama biyyaaf gumaachu horachuuf cimnee hojjachuu akka qabus himameera.

Konfiraansii kanaan gabaasni raawwii hojii bara 2014 fi karoorri bara 2015 dhiyaachuun irratti mariyatamaa jira.

Karaan Sobaan darban galatti nama rakkisa!Qaamoleen Soba daldalan bu'aa hin buufatan.❌❌❌❌❌❌❌❌❌Hojiin qonnaa akka biyyaat...
29/07/2022

Karaan Sobaan darban galatti nama rakkisa!
Qaamoleen Soba daldalan bu'aa hin buufatan.
❌❌❌❌❌❌❌❌❌
Hojiin qonnaa akka biyyaatti hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta'uun isaa ni beekama.

Aanaa Doorannii keessatti sochii hojii qonna qamadii bonaa fi gannaatiin misoomni hojjetamaa jiru akka inisheetiviitti jalqabamee hojii irra erga ooluu jalqabee jijjiiramni jirus gaariidha.

Haa ta'u malee qaamoleen faallaa jijjiirama hojii misoomaa fi guddinaa misooma Aanichaa jibban oduu sobaatiin hawaasa burjaajessuuf kan yaalan immoo itti cichanii soba dhugaa gochuuf hojii akka biyyaattis ta'ee akka Aanaatti hojjetamaa jiru haaluun hojii burjaajii hojjechaa jiru.

Kanaaf kabajamtoonni hawaasaa Aanaa keenyaa kan hubachuu qabdan oduu sobaan biyyi kan hin ijaaramnee fi akkasumas kan hin diigamne ta'uu hubattanii qaamolee gama jijjiiramaa kanaa faallaa dhaabatan irraa akka of eeggattan isiniin jenna.

Oduu gidduu kana gama Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Aanaa Doorannii irratti gama sanyii qamadiitiin afarfamaa jiru ilaalchisee hubannoo dogonggoraa kan tamsa'aa jiru yammuu ta'u; sanyiin qamadii dhufe bule jechuun sobaan gabaafamaa jiru Sanyii 2014 dhufee mana kuusaa kan galee fi sanyiin kun Aanaa irratti kan yeroon itti darbe osoo hin taanee yammuu dhufu qulqullinni isaa rakkoo kan qabu, Daani'oon kan nyaatame ta'uu isaa Itti gaafatmaam Waajjira EBWHG Aanaa Doorannii obbo Mokonniin Andaargee himaniiru.

Ogeessaniis ilaalamee qulqullinni isaa gadi bu'aa akka ta'e madaalamee ilaalamuun adda kan ba'ee kan jiruudha.

Kanaaf kabajamtoonni hawaasa keenyaa kan qalbeeffachuu qabu Sanyiin Qamadii kun bara baajataa 2014 kan dhufe yammuu ta'u haa ta'u malee sanyiin dhufee gale yammuu dhiyaatu kan qulqullina hin qabnee kan geejjibsifamee Aanaa gale ta'uu isaa hubatamuu qaba.

Address

Elemo
Mettu

Telephone

+251905294178

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Doreni District Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share