Hawi Gudina Government Comunication

Hawi Gudina Government Comunication Odeeffannoo wayitaawaa fi qulqullun misooma hunda galeessaaf!!

 ======........Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni ABO Shane 57 hidhannoo guutuu wal...
28/09/2025


======........
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti hidhattoonni ABO Shane 57 hidhannoo guutuu waliin karaa nagaan galan.

OBN CYBER MEDIA Fulbaana 18, 2018

Karaan qabsoo irra deemaa turan sirrii ta'uu dhabuu hubachuun biyyaa fi ummata keenya dararuurra karaa nagaan qabsoo sirrii ummata keenya waliin qabsaa'uuf karaa nagaa filanne galle jedhan hidhattoonni ABO Shanee karaa nagaan galan.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaarteetti waamicha nagaa mootummaa fi ummatni taasiseen hidhattoonni ABO Shane 57 hidhannoo guutuu waliin karaa nagaan galan.

Meeshaale waraanaa Bireeni Torba(7),isnaayiperii afur(4) Kilaashii 42 fi boodatti hafaa afur (4)hidhannoo guutuu waliin fidanii dhufuus Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Taakkalee Olaanii himan.

Itoophiyaan Hiree waliiniiti jechuun kinooti.*************** Godina Harargee lixaa Aanaa Hawwii guddinaatti Ayyaana Iid ...
06/06/2025

Itoophiyaan Hiree waliiniiti jechuun kinooti.
***************
Godina Harargee lixaa Aanaa Hawwii guddinaatti Ayyaana Iid Al Adahaa(Arafaa) Kan waggaa 1446ffaa sababeeffachuun Abbootiin Amantaa Ortoodoksii Ergaa Baga Geessanii dabarsaniiru.

Dureewwan Amantichaa kunniin "Barsiifanni amantaa kamiiyyuu Amantii walii kabajuu akka qabnu ajajaa" jedhan.

👉Waldanda'uu jechaan osoo hin taane gochaan Baruu yoo barbaaddan Hawwii Guddinaa koottaa🤝

  18/2017  Torbani !!!Biyya cimsuudhaaf bu'uurri ganda cimaa ijaaruudha.************************************************...
26/05/2025

18/2017

Torbani !!!
Biyya cimsuudhaaf bu'uurri ganda cimaa ijaaruudha.
*********************************************************************
Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii guddinaatti waajirri ganda Torbanii eebbifamee jira.

Gandi Torbanii gandootaa Aanaa Hawwii guddinaa keessa isa tokkoodha.eebbi waajira gandichaatis bifa miidhagaa ta'een gaggeefameera.

Sagantaan kan saaqame eebba maangudootaatiin yoo ta'u,
Saganticha irratti argamuudhaan haasaa Baniinsaa kan taasisan
I/Gaafatamtuu ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Hawwii guddinaa Aadde Xaahaa,Pirisdaantii Mana murtii Aanichaa Baqqalaa walduraaduubaan haasawaan baniinsaa taasifameera.

Akkasumas Itti-aantuun afyaa'ii Sh/Kadirii fi Keessummootaan sagantaan Daabboo muraa taasifameera.

Jiraattonni gandichaa eebba waajira gandaa fi Mana murtii Aadaa walfaana eebbisuu keenyatti baay'ee gammanneeraa jedhaniiru.

07/02/2025

Address

Rimeti
Mersu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hawi Gudina Government Comunication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Hawi Gudina Government Comunication:

Share