Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii

Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Haqaan, Haqaaf, Haqa hojjenna!

Baga Bara Haaraa 2019 tiin nu gahe !!           ********Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo hawaasa kutaa magaal...
10/09/2026

Baga Bara Haaraa 2019 tiin nu gahe !!
********
Manni Murtii A/Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo hawaasa kutaa magaalaa keenyaa fi ummata biyya kanaa maraan baga bacaqii gannaa ofkaltanii booqaa birraatti nagaan ceetan jechaa; barri haaraa Kun kan nagaa, kan gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'uu hawwa!

★★★ Haqaan Haqaaf Hojjenna

Aangoo Mana Murtii dhimmoota National ID waliin wal qabatee!Dogoggorri Maqaa wal qabatee uumamu (maqaa dhuunfaa, maqaa A...
21/08/2026

Aangoo Mana Murtii dhimmoota National ID waliin wal qabatee!
Dogoggorri Maqaa wal qabatee uumamu (maqaa dhuunfaa, maqaa Abbaa fi kkf) akkasumas dogoggoroota umrii fi kanneen kana fakkaatan irratti uumaman sirreessuuf Manni Murtii aangoo sadarkaa jalqabaatiin ilaalee sirreessuuf/murteessuuf aangoo hin qabu!
Odeeffannoo dabalataaf xalayaa kanaa gadii (fi labsii xalayichaan wal qabatee jiru) dubbisaa!

18/08/2026
Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa irratti Manneen Murtii  Magaalaa Shaggar Manneen Murtii Oromiyaa hunda kee...
16/08/2026

Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa irratti Manneen Murtii Magaalaa Shaggar Manneen Murtii Oromiyaa hunda keessaa 1ffaa bahuun badhaafamaa geebaa ta'eera!
Hawaasni Manneen Murtii Magaalaa Shaggar hundi keessan baga gammaddan!

‎Sagantaan cufiinsa Mana Murtii fi eegalchiisaa hojii yeroo gannaa gaggeeffame!‎          *******‎Manni Murtii Kutaa Mag...
28/07/2026

‎Sagantaan cufiinsa Mana Murtii fi eegalchiisaa hojii yeroo gannaa gaggeeffame!
‎ *******
‎Manni Murtii Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo boqonnaa Abbootii Seeraa sababeeffachuudhaan sagantaa cufiinsa Mana Murtii fi jalqabsiisa hojii gannaa gaggeesseera.
‎Sagantaa kanarratti Abbootiin Seeraa fi hojjettoonni Mana Murtii hundi, bakka bu'aan Bulchaa fi Mana qopheessaa kutaa magaalichaa, itti gaafataman waajjira abbaa Alangaa kutaa magaalichaa, bakka bu'aa qajeelcha poolisii kutaa Magaalichaa fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.
‎Gabaasni raawwii hojii bara 2018, ciminoonni fi hanqinoonni turan karaa pirezdaantii Mana Murtii keenyaa kab ob Jiidhoo Bachareetiin erga dhiyaateen booda mariin bal'aan taasifameera.
‎Saganticharrattis milkaa'ina Hojii bara kanaa keessatti Abbootii Seeraa fi hawaasa Mana Murtii keenyaa waggaa guutuu nuffi malee dadhabaa turaniif galata guddaa kan qaban ta'uu fi hojii yeroo gannaa kanas akkuma barame naamusaa fi kaka'uumsa ol'aanaadhaan akka hojjetan dhaamsa dabarsaniiru.
‎Dhumarrattis abbootii qabeenyaa fi dhaabbattoota Mootummaa fi miti Mootummaa Mana Murtii keenyaaf deeggarsa garagaraa taasisaa turaniif Sirni galateeffannaa fi beekamtii kennuu gaggeeffamee kallattiin hojii yeroo gannaa ka'aanuun sagantichi goolabamee jira.

‎★★★ haqaan haqaaf hojjenna!

25/07/2026
14/07/2026

galgala har'aa sa'aatii 3:00 tti itti dhiyaadhaa!

09/07/2026

Tajaajila Abbaa Seerummaa Waraqa Maleessa || Mosaajii E-Court

Address

Shaggar
Lege T'afo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share