Kofele Woreda government communication affairs

Kofele Woreda government communication affairs Communication is the bridge between government and the peoples

Tarkaanfiin keessa deebii hin qabne shanee 189 irratti fudhatame!Oppireshinii qindaahaa qaamoleen nageenyaa taasisaniin ...
12/09/2024

Tarkaanfiin keessa deebii hin qabne shanee 189 irratti fudhatame!

Oppireshinii qindaahaa qaamoleen nageenyaa taasisaniin Godina Shawaa Kaabaatti miseensota ABO Shanee waamicha shanee didanii ummata saamaa fi dararaa turan 189 irratti tarkaanfiin yoo fudhatamu, hedduun ammoo booji’aman.

❌❌❌

Godina Arsii Lixaa Aanaa kofaleetti wol-harkaa fuudhiinsi daangaa Bulchiinsa lafa Ganda Qaabatee Baadiyaa fi Bulchiinsa ...
20/12/2022

Godina Arsii Lixaa Aanaa kofaleetti wol-harkaa fuudhiinsi daangaa Bulchiinsa lafa Ganda Qaabatee Baadiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Qaabatee jiddutti lafti herktaara 216 taasifame

Muddee 11/2015 Kofalee

Sagantaa kana irratti kan argaman I/G Waajjira Paartii Badhaadhina Aanaa Kofalee Obboo Kamaal Tolaa Bulchaa Aanaa Bakka bu'uudhaan wol-harkaa fuudhinsa eerga taasisaniin booda
haasaa taasisaniin akka jedhanitti magaalaan magaalaa kan jedhamtu
-Seera Magaalaa yoo qabaatte
-Qaama ittiin bultu yoo qabaattee fi
-Ummata isii keessa jiraatu yoo qabatte jedhanii

wantoonni kunniin Qaroominna fiduun alatti magaalaan magaalaa jedhamtee akka jiraattotaa fi taatu isii taasisa inni kun immoo pilaanii magaalaa jedhama, jedhanii jiru

Hoji gaggeessaan Bulchiinsa Magaalaa Qaabatee Obboo Abdurroo Kadiiroo immoo gama isaaniitiin wol-harkaa fuudhiinsi guyyaa hara'aa taasifme kun guddinnaa fi misooma magaalaa daran akka saffisiifnu kan nu taasisu ta'uun cinaatti, magaalaan maddoota galii isii akka cimsattu ni taasisas jedhan

Hawaasni sagantaa kana irratti argaman yaada nuuf kennaniin ,wol-haraa fuudhiinsi taasifame kun bu'uura guddinna Magaala teennaa ta'ullee Magaalaan Qaabatee bara 1964 hundooftee hanga ammaatti tajaajila IBSAA Qabaachuu dhabuun isii gaafii keenna guddaadha, kun furmaata atantamaa akka nuuf argatu barbaanna jedhan

Sagantaa kana irratti Hooggantoonni Aanaa kanaan durallee deeggarsa garagaraa taasisa kan turan Qaamaan argamuun irraa hirmaatanii jiru

Qaammee 5/2014   JALABULTII  Bara haaraa Ummanni Itoophiyaa Hundi kan biyya keessaafi biyya Alaa jiraattan baga bara  20...
10/09/2022

Qaammee 5/2014 JALABULTII Bara haaraa

Ummanni Itoophiyaa Hundi kan biyya keessaafi biyya Alaa jiraattan baga bara 2015 nagaan geettan.

Barri haaraan bara nagenyaa bara Badhaadhinaa fi Tokkummaa nuuf haa ta'u !!!!

07/09/2022

Biyya ofiitiif ummata ofiitiif duuluun sabboonummaadha !

Kolelejjiin BLTO Kofalee Barattoota Muummee garagaraatiin barsiisaa ture eebbisiise     Hagayya 28/12/2014 Godina Arsii ...
03/09/2022

Kolelejjiin BLTO Kofalee Barattoota Muummee garagaraatiin barsiisaa ture eebbisiise
Hagayya 28/12/2014 Godina Arsii lixaa Aanaa/Magaalaa Kofaleetti kan argamu kolleejjiin BLTO barattoota dhiira 79 dub 43 idama 122 ta'an Muummee garagaraatiin barsiisaa kan ture eebbisiisee.

Sagantaa eebbaa kana haasaan kan banan diiniin kolleejjichaa Obboo Kadiir Roobee dubbii dubbataniin kolleejjiin kun guyyaa hara'aa barattoota barsiisaa ture eebbisiisuu isaatiin gammachuu isaanitti dhagayame eerga ibsaniin booda sadarkaa kana kan geenne bu'aa bayii baayee ogummaadhaan injifanneeti jedhanii jiru.

Woltajjii kana irratti kan argaman I/Bulchaa Aanaa kofalee Obboo Abubakar Muussaa Kolleejjiin kun Kaampaasii keenna eerga jedhanii booda, kolleejjii kana daran akka hojjatu taasisuudhaaf hudhaalee isaa hiikaa ni deemna jedhanii jiru

kantiibaan magaalaa kofalee kan ta'an Obboo woliyyii Nabii gama isaaniitiin ergaa dabarsaniin eebbifamtoonni guyyaa har'aa ogummaa argattaniin guyyaa haraa irraa kaatanii hojii uumachuu qabdu eerga jedhaniin booda,biyya kamuu biyya kan taasisu ogummaa ogeessii isiif gumaachuun jedhanii jiru

Keessummaan kabajaa eebba kana irratti haasaa taasisan kan biraa immoo I/G waajjira CHUO Godina Arsii Lixaa Obboo Abdoo Huseen Ergaa dabarsaniin ogummaa keessan hunduu itti hajama waan ta'eef ittiin tajaajiluu qabdu eerga jedhanii ''Harki ogummaa hin qabne hooqachuu qofaaf oola jedhan''*Hooqachuu jechuun HIYYUMMAA dha jedhaniitis jiru.
I/A koojjeejjicha Instractor Badhaasoo Guddataa eebbifamtootaan manasaanasii isaanii mirgarraa gara bitaatti akka deebisaniif eerga taasisaniin booda eebbifamtoonni kunniin leevil( IV) ta'uu isaanii mirkaneessanii jiru
Barattoota qabxii fooyyee galmeessuun xumuraniif woltajjii kana irratti badhaasni garagaraa kennamee jira

Sagantaa kana irratti wolaloof qophiin bashannanaa heddullee kan dhiyaatee fi sagantaan daawwannaatiis gaggeeffamee jira

Hawaasa bakka buune tajaajila inni nurraa barbaadu qabatamaafi iftoominan tajaajiluuf hundi keenya miira itti gaafatamum...
01/09/2022

Hawaasa bakka buune tajaajila inni nurraa barbaadu qabatamaafi iftoominan tajaajiluuf hundi keenya miira itti gaafatamummaatiin hojjachuun dirqama hunda keenyaati jedhame.

Kofalee, Hagayya, 26/2014 Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti yaa'iin ariifachiisaa 17ffaa bara hojii 9ffaa waggaa 9ffaa marsaa 4ffaa miseensota mana marii aanaa kofalee eegale.

Jalqabbii yaa'ichaarratti argamuun haasawaa taasisuun maricha kan jalqabsiisan Af-yaa'iin aanaa kofalee kabajamoon obboo Kuluu Nagoo akka jedhanitti ummata keenya tajaajiluun kabajaafi ulfinna olaanaadha.

Kanaaf tajaajiltummaa ummata keenyaaf taasifnu miira aantummaa, xiiqii,kutannoo, murannoo fi kutannoo cimàan ummata keenya tajaajiluuf carraa argannetti of kenninee tajaajiluu qabna.

Ta'uu baannaan rakkoofi dararrii hanqinna tajaajilummaatiin ummata keenya irraa jalaan qoruuf qaamni itti gaafatamuummaaf eeginu kan hin jirre ta'uu beeknee hundi keenya miira yeroo hin qabnuutiin hawaasa keenya bakka nu buufateef miira gaachenummaatiin tajaajiluu qabna jechuun yaa'ii kana yoommuu taasifnu yeroo Juuntaan marsaa 3ffaaf waraana biyya keenyarratti bane tokkummaa lammiilee biyya keenyatti duula aggammii birmadummaa biyya keenyaa qolachaa jirrutti gaggeeffamuun adda isa taasisa jedhanii booda aggaammii diinotaa kanatti tokkummaan raayyaa ittisaa biyya keenyaa cinaa dhaabbachuun ijifannoon cululuqaan keessaa ni baana jedhaniiru.

Yaa'ichaan:-1ffaa cuunfaan qaboo yaa'ii idilee 35ffaan dhiyaachuun ragga'eera.
2ffaa fiixxeen baajataa bara 2015 aanaa kofalee birriin miliyoona 302,123,044 fi fiixxeen baajata bulchiinsa magaalaa kofalee bara 2015 birriin miliyoona 132,685,170 dhiyaachuun sagalee guutuun ragga'eera.
Baajata bara 2015 aanaa kofalee fi bulchiinsaa magaalaa kofalee irratti gaaffileefi yaadota miseensota mana marii irraa ka'aniif hoggansi bulchiinsa magaalaa kofalee fi aanaa kofalee deebii quubsaa itti kennamiiru.

Xumurarratti yaa'ichaan kallatti fuula duraa cimaan fayyadamummaa hawaasaa cimsu kan kenname yoo ta'u baajata dhiyaate misooma ummataatiif dursa kennuun rakkooleefi dararriin ummataa deebii quubsaa akka argatuu hunduu cimee hojjachuu akka qabu kallattiin kaa'ameera.

Ummata keenya yeroo rakkoo tumsuun gaachena ta'uun aadaa keenyaa ganamaati.Kofalee, Hagayya, 22/2014 Godina Arsii Lixaa ...
28/08/2022

Ummata keenya yeroo rakkoo tumsuun gaachena ta'uun aadaa keenyaa ganamaati.

Kofalee, Hagayya, 22/2014 Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa kofalee ummata aanaa shaallaa hoongeen saaxilameef deeggarsa dinnichaa konkolaataa 8ti arjooma taasise.

Ummatni magaalaa kofalee osoo nuti jirru qomoon koo beela'uun nuti beela'e jechuun jiraataa magaalaafi dhaabbileen amantii hundi tumsa taasisuun dirqama keenya tumsa hanga ummatni bayyantutti itti fuufna jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kofalee Obboo Woliyyii Nabii ummatni Magaalaa Kofalee ummatni kiyya beela'uun anatu beela'e, natural miidhame jedhaniif waamicha yeroo gabaabaa keessatti taasifne guutumatti fudhaachuun deeggarsa taasisaniif hawaasa magaalattii,dhaabbilee amantiifi qaamolee tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Haala yeroo irratti ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname!=== Humni shororkeessaa TPLF waggoottan aangoo irra tu...
28/08/2022

Haala yeroo irratti ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname!
===

Humni shororkeessaa TPLF waggoottan aangoo irra turetti tokkummaa biyyaa diiguu, ummattoota wal nyaachisuuf shira hin xaxneefi summii jibbinsaa inni hin facaasne hin turre. Ergama diinota biyya keenyaa galmaan gahuuf ummattoota Itoophiyaa sabaafi amantaan qoqqoodee wal nyaachisaa tureera. Duudhaalee waloo tokkummaa biyyaa ta’an diiguuf tattaaffii inni taasise salphaa hin turre. Saamichi diinagdees akkanuma. Yakka seenaa keessatti dhiifama hin qabne Itoophiyaa irratti raawwate.

Hundaa ol ammoo seenessa diinummaa babal’isan diriirsuun Itoophiyaa akka salphaatti diiguuf akka isaa tolu ummattoota obbolaa waliin kufanii ka’anii Itoophiyaa ijaaran ummata Oromoofi Amaaraa ibiddaafi cidii walitti taasisuuf tarsiimoo boce. Tokkoon dhiphaa, kaaniin ammoo oftuulaa jechuun moggaase. Saboota lameen gidduutti wal shakkii uumee qoqqoodee bulchuu akka tooftaatti dhimma itti bahuun kisaaraa isaanii keessatti bu’aa argachaa ture. Kana qofa osoo hin taane humni shoroorkeessaa TPLF ummattoota Oromoofi Somaalee bara dheeraa Afaan, Aadaafi duudhaa waliin jireenyaa qooddatanii tokkumaan waliin jiraatan wal nyaachisuuf tooftaa boceen ummata Oromoo miiliyoona tokkoo ol ta’an jiruuf jireenya isaanii irraa buqqisuun hammeenya daangaa hin qabne mul’ise, tokkummaa biyyaas rakkoo irraa buusee ture.

Haa ta’u malee bu’uurri tokkummaa biyya keenyaa cimaa, akkasumas duudhaaleen waloo ummattoota Itoophiyaa jabaa waan ta’eef shira wayyaanee dandamatee, tooftaa qoqqoodanii bulchuu inni diriirse ofirraa darbuun samii Itoophiyaa jalatti bilisummaa, walqixxummaa obbolummaafi tokkummaa sabdabneessa dhugoomsuun danda’ameera.

Humni olaantummaa bare walqixxummaa akka cunqursaatti fudhata akka jedhamu, gareen shoroorkeessa TPLF walqixxummaa balfee Itoophiyaa diiguudhaaf dhaadate. Ergama diinota biyya keenyaa fudhachuun naannolee Amaaraafi Affaariin kallattiin weeraruun lubbuu namoota nagaa gaaga’e, miiliyoonota qe’ee isaanii irraa buqqise, qabeenya biiliyoona hedduutti tilmaamamu mancaase baandummaa isaa mirkaneesse. Karaa Baha Itoophiyaa Al-shabaab waliin walitti hidhachuun, Oromiyaa keessatti garee shororkeessaa Shanee bobbaasuun, naannolee akka Benishaanguliifi Gaambeellaa keessatti fakkaattota isaa bobbaasuun Itoophiyaa nagaa dhorkuun adeemsa keessa ammoo diiguuf dhagaa hin fonqolchinefi boolli in hin qonne hin turre. Garuu duudhaan gootummaa waloo ummattoonni Itoophiyaa seenaa keessatti gabbifatan kaayyoo humna shoroorkeessaa TPLF qabatee ka’e fashaleesuu danda’eera.

Humni Shoroorkeessaa walitti bu’insaafi waraana malee jiraachuu hin dandeenye TPLF, waamicha waldhabdee karaa nagaan furuuf mootummaan federaalaa taasise cinatti dhiisee weeraraafi gochoota gara jabeenyaa naannolee Amaaraafi Affaar keessatti raawwachaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee balaaleffata. Ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma kanaan duraa wareegama barbaachisaa ta’e kaffalanii birmadummaa biyyaa tiksan har’as ummattoota Amaaraafi Affaar waliin ta’uun wareegama hunda kaffaluun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qophii ta’uu ibsuu feena.

Hawaasni Idil-Addunyaas gocha humni shoroorkeessaa TPLF dambalii ummataa akka tooftaa waraanaatti dhimma bahaa jiru balaaleffachuu qofa osoo hin taane daandii nageenyaa Mootummaan Itoophiyaa dhiyesse akka fudhatu dhiibbaa barbaachisaa ta’e irraan gahuun gargaggoota Tigraay dhumaatii irraa baraaruu keessatti qooda isaanii akka taphatan waamicha dhiyessina.

Gareen shoroorkeessaa kun gocha badii gara jabummaan guutame irraa of qusatee daandii nagaatti yoo deebi’uu baate tarkaanfii mootummaan federaalaa dirqama nagaafi tasgabbii lammilee mirkaneessuuf akkasumas tokkummaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu hunda Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa ta’e kan kennu ta’uu irra deebiin ni ibsa.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Hagayya 22/2014
Finfinnee

Hanqina Roobaan miidhaa gahee dandamachiisuuf deeggarsi taasifameGodina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti hanqina Roobaan ho...
28/08/2022

Hanqina Roobaan miidhaa gahee dandamachiisuuf deeggarsi taasifame

Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti hanqina Roobaan hongee mudateen lubbuu namaa sababa nyaata dhabuutiin darbuuf malu du'a irraa oolchuuf deeggarsi midhaan nyaataa gosa adda addaa taasifame.

Aanaa Shaallatti qonnaan bultootni hanqina roobaa mudateen oomishni ganna sadiif oomishaa turan jalaa manca'uun hoongee mudatee ture furuuf,"lammituu lammiif"birmata,Wal malee homaayyuu hin qabnu jechuun deeggarsa godinni Arsii Lixaa deeggarsa taasisaniiru.

Deeggarsi taasifame kun madda gara garaa irraa kan argame yommuu ta'u,
Biiroo Dhimma Daa'immanii fi Dubartootaa Naannoo Oromiyaa
Hooggansa Godina Arsii Lixaa

Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa

Aanaalee 12 Godina Arsii Lixaa fi

Bulchiinsa Magaalota Arsii lixaa 2
irraa midhaan nyaataa Qamadii kuntaala 677,Boqqolloo kuntaala 733,Daakuu kuntaala 168.5,Dinnichaa kuntaala 1180 walumaa galatti kuntaala 2758.5 qarshiitti yommu shallagamu miiliyoona 6.3 Ol ta'uu,bakka hooggansi sadarkaa naannoo,Godinaa,Aanaa fi bulchiinsotni magaalaa godinichaa argamanitti taasifameera.

Bulchaan aanaa Shaallaa obbo Ibsaa Tibbeessoo dubbii taasisaniin gogiinsa haala qilleensa uumameen midhaan yeroo ammaa hawaasni oomishaa ture jalaa manca'uun ,yoo roobes dandamachuu kan hin dandeenye,ta'uu hubbattanii deeggarsa barbaachisaa ,guyyaa hawaasni keenya rakkate,kennaa firri firraf,dhiigni dhiigaaf jechuun waan qabdan addaan qoodannee nyaatna jechuun deeggarsa nuuf taasiftaniif galatoomaa jedhaniiru.

Bulchaan bulchiinsa Godina Arsii Lixaa obbo Ahmad Hajjii,
Ummatni aana Shaallaa Ummata qabsoo diddaa keessatti gahee qabuu fi jijjirama akka biyyatti dhufe keessatti gahee kan qabu ta'uu himuun,Yeroo ammaa hanqina roobaa taasifameen
hoongee mudateen namni akka hin duune ,deeggarsa gochaa jiraachuu himaniiru.

kanaan boodas deeggarsa keenya kan itti fuufnuu fi deeggarsa taasifamenis hoggansi Godina Arsii lixaa,osoo nuti jirru,hawaasni keenya beela'uu hin qabu jechuun deeggarsa taasisuu himuun,Aanotni keenyas yaamicha keenya dhagahanii deeggarsa barbaachisu taasisuu himaniiru.Deeggarsi taasifame kunis dursa namoota miidhaa cimaaf saaxilamaniif taasifamuu akka qabu himaniiru.

Hoggantuun Dhimma Daa'immanii fi Dubartoota Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruu ,
beelli beellama hin qabu,lammiin lammiif jechuun deeggarsa barbaachisaa gochuuu keessaniif galatooma jedhaniiru.
Aanaan shaallaa oomishaalee gara garaa oomishuun kan beekkamuu ,ummata aadaa hojii guddaa qabu fi kan biraa kan qarqaaru ture.Aanichi diddaa gabrummaaf qolachuu keessatti gahee kan qabuu dha.Diinaafummata hin jilbiinfanne ummata goitummaa qabu ta'uu himuun,
Gogiinsa umamaan dhufeef,wal qarqaranii bara bahan waan ta'eef,deeggarsi namoomaa taasifamu itti fuufuu qaba jedhaniiru.

Hawaasa hunda deeggarsaan jiraachisuun ulfaataa waan ta'eef,hojjatanii jiraachuun ulfina fi kabaja ta'uu hubattanii , namni hojjachuu danda'u iddoo hojin jiru deemee hojjachuun jireenya ofii fi maatii isaa foyyeessuu akka qabu Aadde Jamiilaan dhaamaniiru.

Ammas sababa hanqina roobaatiin midhaan oomishamee jiru dandamachuu kan hin dandeenyee fi rakkoon kun itti fuufiinsaan mudachuu waan danda'uuf quuqamni lammii kan itti dhagahamu hundinuu,kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jirtan,qaamni dhimmi lammii baraaruu ilaallatu hundinuu deeggarsa deeggarsa wal irraa hin citne taasisuun hawaasa keenya bira haa dhaabbanuun dhaamsa keenya.

Kofalee ,Hagayya 21,2014 –Umurii garee shororkeessaa TPLF dheereessuuf ummanni Tigraayi aarsaa kaffaluu hin qabu.Gareen ...
27/08/2022

Kofalee ,Hagayya 21,2014 –Umurii garee shororkeessaa TPLF dheereessuuf ummanni Tigraayi aarsaa kaffaluu hin qabu.

Gareen shororkeessaa TPLF dhiigaa dargaggoota Tigraayi dhangalaasuu irra darbee gonkumaa faayida akka hin qabne kanaan dura gochaan hubanerra; garichi kanaan dura ijollee umuriin isaanii waraanaaf hin geenyeefi dargaggoota waraannatti ergee ficisiisuun ummata fixuun alatti faayidaan argamsiisan hin jiru.

Ammaas taanaan faayidaan addaa argasiisan akka hin jirree hubachuu barbaachisa.

Gaaffiin ummataa kan deebi’uu misoomaafi sirna dimookirasii ijaaruun malee yeroo mara waraana labsuun miti.

Hawwiin hoggansa TPLF Itiyoophiyaa diiguufi bittinsuu yomiyyuu akka hin dhugoomne hubachuun gocha badiirraa of qusachuu qaba jedhameera.

Ummanni Tigraayi garichi waamicha nageenyaa akka fudhatu taasisuuf itti gaafatamumma qabas jedhame.

Humni badii kun waliigaltee nageenya akka keessuummeessuu karaalee adda addaan dhiibbaa geessisuun irraa eegama.

Uummanni Tigraayi umurii garee shororkeessaa TPLF dheereessuuf jecha qofa gara waraannatti guurama tureera kun dhaabbachuu qaba jedhame. Raayyaa Ittisa Biyyaarraa odeeffanne.

Maddi OBN

Address

Kofele

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kofele Woreda government communication affairs posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share