Mana Murtii Aanaa Kofalee/Kofale Woreda Court

Mana Murtii Aanaa Kofalee/Kofale Woreda Court Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Kofalee/Kofale Woreda Court, Kofele.

10/09/2022
09/09/2022

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hawaasa manneen murtii Oromiyaa fi hawaasa Naannoo keenyaa maraan baga bara haaraa nagayaan geessan jechaa barri haaraan 2015 kan nagaa,kan gammachuu fi kan milkaayinaa aka isiniif ta’u hawwii qabu ibsa.Ayyaana Gaarii !!
………………………….………..
Daayireektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii

22/07/2022

Caffeen Oromiyaa Yaa'ii gaggeessaa jiru goolaba irratti muudama Abbootii Seeraa karaa Pirezidaantii MMWO, Kab. Obbo Gazaalii Abbaasimaliin dhiyeefateef raggaasisee jira.

Abbootiin Seeraa muudamni isaanii ragga'es haqummaa fi gahuumsaan tajaajiluuf akkaataa Labsii Gurmaa'ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Irra Deebiidhaan Murteessuuf Bahe Lakk. 216/2011 keewwata 21 tiin sirna kakuu raawwataniiru.

Nutis Abbootii Seeraa muudamni isaanii ragga'ee gara hojiitti bobba'an hundaaf bara hojii gaarii hawwina.

15/07/2022

𝗢𝗴𝗲𝗲𝘀𝘀𝗼𝘁𝗮 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮𝘁𝗶𝗶𝗳
••••
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa namoota ulaagalee barbaadamu guutan gita hojii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa irratti qacaree leenjii hojiin duraa ji'oota 12'f turuu fi ILQSO'n kennamu akka fudhatan erga taasisee booda hojiitti ramaduu barbaada.

Baay'inni barbaadamu 100 yoo ta'u ulaagaleen galmaa'uuf barbaachisanii fi haalli galmee Chaanala Telegiraamii keenya irratti maxxanfamee jira.

Kanaafuu, kanneen ulaagalee barbaadamu guuttan Chaanala Telegiraamii keenyarraa (https://t.me/MMWO2020) ilaallachuun galmaa'uu kan dandeessan ta'uu isin beeksisna.
•••
𝗠𝗠𝗪𝗢

08/07/2022

𝐁𝐀𝐆𝐀 𝐆𝐄𝐄𝐒𝐒𝐀𝐍
እንኳን አደረሳችሁ
•••
Hawaasni musiliimaa biyya keenyaa marti baga Ayyaana Iid Al-Adhaa (Arafaa) 1443 ffaa nagaan geessan.

ለመላው የእስልምና ዕምነት ተከታዮች
እንኳን ለ1443ኛው የዒድ አል-አድሐ/ዐረፋ በዓል በሰላም አደረሳችሁ።
•••
Iid Mubaarak!
ዒድ ሙባረክ!

01/07/2022

𝐃𝐈𝐈𝐆𝐀𝐌𝐔𝐔 𝐅𝐈 𝐅𝐎𝐎𝐘𝐘𝐀'𝐔𝐔 𝐌𝐔𝐑𝐓𝐈𝐈𝐖𝐖𝐀𝐍 𝐌𝐀𝐍𝐍𝐄𝐄𝐍 𝐌𝐔𝐑𝐓𝐈𝐈 𝐎𝐑𝐎𝐌𝐈𝐘𝐀𝐀
•••
Qulqullina kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuuf hojiiwwan ciccimoon hojjatamaa turaniiru. Kanneen keessaa tokko baay'ina murtiiwwan Mana Murtii gulantaa ol'aanuun diigamanii fi fooyya'an xiqqeessaa kanneen ciman dabalaa deemuu dha.

Isa kana milkeessuuf sababoota diigamuu fi fooyya'uu murtiiwwaniif ka'uumsa ta'an qorannoon ykn xinxaalaan adda baasuun bu'aa isaa irratti hojjachaa deemuun murteessaadha.

Kanuma haala giddugaleessa godhateen Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa bara 2014 qorannoo mata duree «Diigamuu fi Fooyya'uu Murtiiwwan Manneen Murtii Oromiyaa: Xinxaala Sababootaa fi Furmaata Isaanii» jedhuun gaggeesseera.

Qorannoon kun Abbootii Seeraa MMWO kan ta'an Obbo Hiikaa Araarsoo fi Obbo Ayyaanaa Toliinaa akkasumas Dursaa Garee Hoggansa Hojii Jijjiiramaa MMWO Obbo Abdii Gurmeessaa tiin kan gaggeeffameedha.

Qorannichi sababoota murtiiwwan Manneen Murtii sadarkaa adda addaarra jiran akka diigaman ykn fooyya'an ka'uumsa ta'an adda baasee furmaata wajjin akeekee jira.

Bu'aan qorannichaa maxxanfamee dubbistoota (keessumattuu Abbootii Seeraa, Abbootii Alangaa, Abukaattota, barreessitoota dhimma seeraa, qaamolee ragaa kennan fi kkf) bira yoo gahe faayidaan isaa ol'aanaa ta'uun waan itti amanameef akka armaan gadiitti isiniif maxxansinee jirra.

Bu'aa qorannichaa Telegiraamii MMWO (https://t.me/MMWO2020) irraa argachuu kan dandeessan ta'uu isin beeksifna.
•••
𝑫𝒂𝒂𝒚𝒊𝒓𝒆𝒌𝒕𝒐𝒓𝒆𝒆𝒕𝒊𝒊 𝑫𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝑲𝒐𝒎𝒖𝒏𝒊𝒌𝒆𝒆𝒔𝒉𝒊𝒏𝒊𝒊 𝑴𝑴𝑾𝑶

16/06/2022
01/05/2022

Baga Geessan!
እንኳን አደረሳችሁ!

Eid Mubarak!
ዒድ ሙባረክ!

23/04/2022

Hordoftootni Amantaa Kiristaanaa hundi baga Ayyaanota Yaadannoo Fannifamuu fi Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos nagaan geessan jecha ayyaana gaarii akka isiniif ta’u hawwina.

ለመላው የክርስትና ዕምነት ተከታዮች እንኳን ለስቅለትና የትንሳዔ በዓላት በሰላም አደረሳችሁ እያልን መልካም በዓል እንዲሆንላችሁ እንመኛለን።
••••
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Address

Kofele

Telephone

+251913384066

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Kofalee/Kofale Woreda Court posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share