29/04/2024
Itti Gaafatama Biiroo Bishaanii Kabajamoo Dr Maamaruu Ayalew Rakkoo Bishaan Dhugaatii Magaalaa fi Aanaa Baatee hiikuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeefannoo addaa itti kennanii qaama ilaallatu wajjiin marii gochuun tattaaffii isaan gochaa jiran kan nama gammachiisu dha. Deeggarsa nuuf godhamaa jiruuf Maqaa qajeelchan galateffachaa deeggarsi jalqabe kun akka hanga dhumaatti itti fufu abdii guddaa qabna.
Piroojektii Bishaan dhugaatii Gareeroo Erga dhaabbatee ji'oottan kan lakkoofsisee yoo ta'u ujummoowwan bishaanii dhiheessuf haalli nageenya naannoo keenya gufuu ta'ee ture guyyaa har'a dhiheessa ujummoo bishaanii gosa gara garaa meetira 5,059 nuuf dhihaate jira, boru eegalee gara hojii ni galama.
የአብክመ ውሃና ኢነርጂ ቢሮ ክቡር ዶ/ር ማመሩ አያሌው የባቲ ከተማና ወረዳ የውሃ ችግርን ለመፍታት ከሚመለከተው አካል ጋር በመወያየት ችግሩን ለመፍታት እያደረጉ ያሉት ጥረት አስደሳች ነው። እየተደረገልን ያለውን ድጋፍ በመምሪያችን ስም እያመሰገንን የተጀመረው ድጋፍ እስከመጨረሸው እንዳይለየን ባለሙሉ ተስፋነን።
የጋሬሮ መጠጥ ውሃ ፕሮጀክት በግብአት ችግር ቆሞ የነበረውን የተለያዩ የውሃ ቱቦ ወደ 5,059ሜትር አቅርቦት የተላከልን ሲሆን ቆሞ የነበረውን ፕሮጀክት ከነገ ጀምሮ ወደ ስራ እናስገባለን።