30/05/2026
Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Manni Murtii Aadaa Hojii Jalqabsiisuuf Leenjiin Kenname jira.
Caamsaa 22/2018; Komunikeeshinii Magaalaa Kamisee.
Akka Naannoo Amaaraatti Labsii Hundeeffamaa fi Beekamtii Mana Murtii Aadaa lakk. 298/2017 fi Qajeelfama Raawwachiisummaa lakk. 23/2018 bu’uura godhachuun Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti Manni Murtii Aadaa Manguddootaa hojii jalqabsiisuuf guyyaa har'a leenjiin kenne jira.
Sagantaa kana irratti argamuun haasa banniinsa kan taasisan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Dawaa Caffaa Obbo Mahaammad Faaris akka jedhanitti, kaayyoon guddaan mana murtii aadaa kanaa walitti bu’iinsi hawaasa keessatti uumamu gara caasaa mootummaa idileetti osoo hin deemin, karaa aadaa fi dhugaa irratti hundaa’uun furmaata akka argatu gochuudha.
"Manni Murtii Aadaa dhaabbata cimaa hawaasni keenya kanaan dura itti fayyadamaa kan turee fi biyya keenya keessatti seenaa guddaa qabudha," jedhaniiru.
Akkasumas abbootiin keenya nageenya waaraa fiduuf jecha walitti bu’iinsota bifa araaraatiin hiikaa akka turan eeruun manni murtii aadaa kun bakka haqni, dhugaan fi komiin hawaasaa itti ilaalamee furmaatni waaraa itti argamu ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Leenjiin har'a eegalame kunis, hojjettoonni fi abbootiin seeraa aadaa hojii keessatti akka ciman gochuun sirna haqaa fi aadaa eeguu, icciitii eeguu fi mirga namummaa kabajachiisuu irratti dandeettii isaanii cimsuuf akka gargaaru ibsameera.
Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Bulchiinsa Godina Saba Oromoo Obbo Alii Mahaammad akka jedhanitti, naannoon Amaaraa naannoo aadaa baay’ee fi bal’aa qabudha; godinni keenyas aadaa walitti bu’iinsa hiikuu kanaan duroomaadha.
Akka Naannoo Amaaraatti aadaan saba kanaa xiyyeeffannoo argachuu qaban kan irraanfatamanis akka deebi’anii gochuun nurra eegama jedhaniiru.
Itti dabaluun leenjifamtoonni erga leenjii kana xumuranii booda akka abbootiin seeraa Mana Murtii Aadaa Bulchiinsa Magaalaa Kamiseetti tajaajiluuf akka qophaa’an dhaamaniiru.