02/06/2026
Ergaa Galataa!!
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Dawwee Harawaa irraa.
Guyyaa kaleessaa, Ummanni Aanaa Dawwee Harawaa fi aanaa Addaa Argobbaa irra Ganda Gobaraa fi Hasanee hager hundi ganama barii ka’ee sagalee isaa bifa dammaqina qabuun kennaa Ooleera.
Filannoon biyyoolessaa marsaa 7ffaa karaa nagaafi dimookraatawaa ta'een Gaggeeffame Irratti Ummanni keenya kan jaalala biyya isaaf qabu gochaan kan Agarsiisedha.
Ummanni Aanaa Dawwee Harawaa dhimmoonni kamuu osoo isa hin daangessin, buufata filannootti argamuun sagalee isaanii Karaa Haqa Qabeessa taheen kennaniiru.
Hojii kana Milkeessuuf halkanii fi guyyaa kan dhamaatan; caasaaleen Sadarkaan jirtan hundi, qaamoleen nageenyaa, abbootiin amantaa, akkasumas maanguddootni biyyaa fi hawaasni Aanaa Dawwee Harawaa fi aanaa Addaa Argobbaa irra ganda Gobaraafi Hasanee Hagar hundi Galatoomaa jedhan!
Itoophiyaan Filatteetti!
Ummaani Dawwee hundiifi gandonni lamaan aanaa Addaa Argobbaa Milkaa'ina Filannoo marsaa 7ffaaf Kutannoo Agarsiiftaniif Galatoomaa.
Obbo Mahammad Juhaar Indiriis Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Dawwee Harawaa.