Jimma Zone Communication

Jimma Zone Communication Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jimma Zone Communication, Government Organization, Jimma.

Coordinates and delivers accurate Government information, promotes public awareness and enhances communication between the government and the communities across the zone.

Misoomaafi qulqullina bunaa, milkaa'ina karoora imala badhaadhina biyyaaf.*********Godina Jimmaatti bara kana biqilaa bu...
05/06/2026

Misoomaafi qulqullina bunaa, milkaa'ina karoora imala badhaadhina biyyaaf.
*********
Godina Jimmaatti bara kana biqilaa bunaa miiliyoona 750 lafa hektaara kuma 200 ol ta'u irratti dhaabuuf hojjetamaa jira.

Godinichatti oomishtummaa bunaa dachaan dabaluudhaaf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa kan jiru yemmuu ta'u, qophiin biqiltuufi qophiin boollaa taasifamee dhaabbiif qophiin xumuramee jira.

Biqiltuun bunaa buufataalee biqiltuu mootummaa, dhuunfaa fi dhaabbilee gara garaa irratti ballinaan kan qophaa'e yemmuu ta'u, yeroo ammaa dhaabbiidhaaf qophiin boollaa karaa ogummaan deeggarameen taasifamaa jira.

Godina Jimmaatti buna baayyinaafi qulqullinaan misoomsuudhaan galmoota damee baadiyyaatiin qabaman afran akka milkeessuuf hojii hanga ammaatti xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa tureen jijjiiramni gaariin mullachaa jira.

===============
Odeeffannoo dabalataaf
👉 Facebook
https://www.facebook.com/kgodinajimmaa
👉 Youtube
https://youtube.com/.zone.communication?si=9rWer7I5rIeTBk60
👉 Tiktok
https://vm.tiktok.com/ZMHWmcr2fsy7t-eDntH/
👉Telegram
https://t.me/Jimmazonecomunication
Nu hordofaa.

05/06/2026
05/06/2026

Ilaalamni Ida'amuu Wabii Ce'umsa Baadiyyaati!
= = =

Baadiyyaan bu’uura jireenya uummataafi humna dinagdee biyya keenyaati. Jireenya hawaasa Baadiyyaa diinagdee, hawaasummaafi teknooloojiin jijjiiruuf ilaalama ida’amuutiin hojiin gama carraa hojii uumuu, oomishaafi oomishtummaa dabaluu, oomishalee alaa galaa turan kan biyya keessaan bakka buusuu, galii guddisuun guddina diinagdee biyyaa utubuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin hojjatamaa ture bu'aa guddaa argamsiiseera.

Kanaaf, ilaalamni Ida’amuu wabii ce’umsa Baadiyyaa ta'uun hojii qonna naannoo keenyaa ammayyeessuun biyya keenya eeggattummaa irraa gara oomishtummaatti ceesisuun abdii guddina biyya keenyaa ta'eera.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

05/06/2026
04/06/2026

Itoophiyaanotni Filataniiru; Itoophiyaan Injifateetti!
= =

Seenaan filannoo biyya keenyaa yeroo dheeraaf qajeeltowwan sirna dimokiraasii karaa eegeen gaggeeffamaa ture jechuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, Filannoon marsaa 6ffaa qormaatawwan hedduu keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif bu'uura cimaa kaa'eera.

Filannoon marsaa 7ffaa immoo seenaa filannoo biyyattii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun ijaarsa sirna dimokiraasiifi mootummaa eeyyantaa uummataa qabu ijaaruuf kutannoo mootummaafi paartilee morkattootaa akkasumas, hirmaannaa uummata bal'aatiin hojii guddaa raawwachuun danda'ameera. Filannicha fashaleessuuf keessaafi alaa shiraafi dabni qindaa'aan hojjatamus miiliyoonotni hirmaachuun milkaa'inaan raawwatameera.

Hundaa ol fedhiifi hawwiin Itoophiyaanonni Mootummaa cimaafi sirna dimokiraasii waaraa ijaaruuf qaban ifatti mul'ateera. Kunis egeree biyyaattiitti abdii guddaa kan uume, mootummaafi uummata gidduutti amanamummaa jabaa kan ijaaredha.

Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa, Dubartoonni ulfaa, Haadholiin Deessuun, Qaama miidhamtoonniifi kutaaleen hawaasaa adda addaa fedhiifi xiiqii guddaadhaan bahanii filachuun mootummaafi sirna dimokiraasii biyya isaanii ijaaruu keessatti gahee isaanii sadarkaa olaanaan bahataniiru.

Dargaggoonniifi misirroonni hedduunis sagaleen lammii tokko biyya ijaaruufi Mootummaa murteessu keessatti humna guddaa akka qabu hubachuun buufataalee filannootti argamanii dirqama lammummaa isaanii bahataniiru.

Filannichi seenaa filannoo biyyattii keessatti karaa ifa, bilisaafi nagaan gaggeeffamuun mootummaa uummataa ijaaruun akka danda'amu seenaa ta'uun galmaa'eera.

Haala seenaa filannoo biyya keenya keessatti mul'atee hin beeknen, lammiileen, dhaabbileen biyya keessaafi idil-addunyaa, akkasumas taajjabdoonni biyyoota alaa, geggeessitoonni paartilee morkattootaa, miidiyaaleen biyya keessaafi alaa, akkasumas namoonni hawaasa keessatti dhageettii qaban hedduun filannichi dimokiraatawaa ta'uu ragaa bahaniiru.

Kanaaf, filannoon marsaa 7ffaa Mootummaa filachuu qofa osoo hin taane, Nootummaa dimokiraatawaafi eeyyantaa uummataa argate ijaaruu, Mootummaa egeree biyyattii haaromsu bu'ureessuudha.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------

Godina Jimmaatti bara barnootaa 2018 kanatti barattoonni kuma 92 ol qormaata biyyoolessaa fi naannoo fudhachuuf qophaa'a...
03/06/2026

Godina Jimmaatti bara barnootaa 2018 kanatti barattoonni kuma 92 ol qormaata biyyoolessaa fi naannoo fudhachuuf qophaa'anii jiru.
********
Godinichatti barattoonni kuma 92 fi 545 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi qormaata ministirii kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhachuuf qophaa'uu isaanii Waajjirri Barnootaa Godina Jimmaa beeksiseera.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Jimmaa Obbo Miftaahuu Abdulqaadir akka ibsanitti, bara barnootaa 2018 kanatti barattoonni kuma 92 fi 545 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa kan fudhatan ta'uu himanii, haal-dureewwan barbaachisanis xumurameera jedhan.

Bara kana qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa muummee saayinsii hawaasaafi saayinsii uumamaatiin barattoonni kuma 11 fi 506 foormii guutuun qophaa'anii kan jiran yemmuu ta'u, kanneen keessaa barattoonni kuma 2 fi 457 dhibbeentaan 25 waraqaa malee (online) manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 14 irraa buufataalee qormaataa 8 irratti qormaaticha fudhachuuf qophaa'uu isaanii fi shaakalliis taasisaa kan jiran ta'uu kan himan Obbo Miftaan, barattoonni kuma 9 fi 49 dhibbeentaan 75 immoo waraqaadhaan Yuunivarsii Jimmaatti kan qoraman ta'uu dubbataniiru.

Qormaata naannoo kutaa 8ffaa baranaa ilaalchisees Aanaalee Godinichaa 21 keessatti manneen barnootaa 997 irraa barattoonni kuma 33 fi 242 ta'an kilaastaroota qormaataa 125 irratti kan qoraman ta'uu kan himan Obbo Miftaahuun, qormaata kutaa 6ffaa immoo barattoonni kuma 47 fi 797 manneen barnootaa 1,164 irraa kilaastaroota qormaataa 125 irratti qoramuuf qophaa'uu isaanii himaniiru.

Godinichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuun qabxiin barattootaa akka fooyya'uuf barnoota idileen kennamutti dabalataan barnoota dabalataa kennuun akkasumas dareewwan addaa fi manneen barnoota addaa hundaa'an keessatti ballaan hojjetamaa turuufi qormaata baranaatiifis haal-dureewwan barbaachisan xumuramee barattoonnis qophii taasisaa akka jiran Obbo Miftaahuun dubbatanii jiru.

Qormaanni naannoo kutaa 6ffaan Waxabajjii 8-9 tti kan kennamu yoo ta'u, kan kutaa 8ffaa immoo Waxabajjii 11-12 akkasumas qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaan immoo Waxabajjii 24 hanga Adoolessa 17'tti wal duraa duubaan kan kennamu ta'uunis ibsameera.

===============
Odeeffannoo dabalataaf
👉 Facebook
https://www.facebook.com/kgodinajimmaa
👉 Youtube
https://youtube.com/.zone.communication?si=9rWer7I5rIeTBk60
👉 Tiktok
https://vm.tiktok.com/ZMHWmcr2fsy7t-eDntH/
👉Telegram
https://t.me/Jimmazonecomunication
Nu hordofaa.

Kilaastaroonni Magaalaa Asandaabootti ijaaraman dargaggootaaf carraa hojii uumuun cinaatti, tasgabbii gabaa magaalicha k...
03/06/2026

Kilaastaroonni Magaalaa Asandaabootti ijaaraman dargaggootaaf carraa hojii uumuun cinaatti, tasgabbii gabaa magaalicha keessattis fidaa jiru.
********
Mootummaan jijjiiramaa magaalotni oomishaalee adda addaa baadiyyaa irraa kan bitan qofa otuu hin taane, iddoo oomisha gara garaa ta'anii jiruu lammilee akka jijjiiraniif xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Mul'ata gama kanaan qabame dhugoomsuufis galmoota gurguddoo afur magaalota keessatti akka milkaa'aniif xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jira.

Keessaayyuu magaalonni ballinaan carraa hojii lammileef akka uumaniif hojii ballaa hojjetamaa jiruun jijjiiramoonni gaariin mullachaa kan jiran yemmuu ta'u, hojii gama kanaan hojjetamaa jiruun lammilee hedduuf madda galii uumuudhaan jiruun isaanii akka fooyya'u gochuun cinaatti, hanqina dhiyeessii oomishaalee gara garaatiifillee fala ta'aa kan jiruudha.

Godina Jimmaattis magaalota 50 jiran keessatti kilaastaroonni baayyinaan ijaaramanii gosoota hojii adda addaa irratti dargaggootaaf dubartootaaf carraa hojii akka uumaniif hojiin ballaan bara kana kan hojjetame yemmuu ta'u, lammileen hedduunis carraa hojii argatanii jiruu isaanii fooyyeffachaa jiru.

Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboottis kilaastaroota 18 ijaaraman keessatti dargaggootaafi dubartoonni 255 ta'an waldaan gurmaa'anii hojii misooma aannanii fi misooma lukkuu irratti hojjechaa kan jiran yemmuu ta'u, galii gaarii argachuun jiruu isaanii fooyyessuun cinaatti, hanqina dhiyeessii aannanii fi hanqaaquu magaalicha keessa tureefillee fala ta'uu danda'anii jiru.

Mootummaan jijjiiramaa jiruu lammilee jijjiiruudhaan karoora imala badhaadhina biyyaa baasee hojiirra oolchaa jiru yeroo kamiyyuu caalaa daran jabeessee itti fufa.

===============
Odeeffannoo dabalataaf
👉 Facebook
https://www.facebook.com/kgodinajimmaa
👉 Youtube
https://youtube.com/.zone.communication?si=9rWer7I5rIeTBk60
👉 Tiktok
https://vm.tiktok.com/ZMHWmcr2fsy7t-eDntH/
👉Telegram
https://t.me/Jimmazonecomunication
Nu hordofaa.

03/06/2026

“Karoorri humnoonni badii nageenya uummataa gooluuf qopheessan tumsa uummataafi qindoomina qaamolee nageenyaan fashalaa’eera” Obbo Hayiluu Addunyaa
~~~~

Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressuun injifannoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf akka duudhaafi safuu Oromootti waamicha taasisaa tureen humnoonni hidhatanii Bosona turan hedduun galuun balbala qabsoo karaa nagaaf banametti fayyadamuu isaanii hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Kanaanis Oromiyaatti qilleensi nagaan qilleensa’ee hojiilee misoomaa fuula duratti tarkaanfachiisuun kan danda’ame ta’uu himaniiru. Haata’u malee, humnoonni shororkeessaa Shanee balbala qabsoo karaa nagaa diduun bosonatti hafan hojii shororkeessummaa isaanii itti fufuun uummata nagaa irratti gocha gara jabinaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni badii kunneen filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa danquuf ergama fudhatanii hojjechaa kan turan ta’us, uummanni sodaachisaafi dhaadannoo shorkeessitootaan osoo hin daangeffamin ba'ee sagalee isaa kennuun filannichi milkaa’uu himaniiru. Humnootni shororkeessaa filannoo danquuf karoorri qopheessan dambalii uummataa uumameen kasaaraan irra ga’uu hordofee, uummata nagaa irratti tarkaanfii fudhachuun haaloo ba'annaarratti bobba’anii jiraachuu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Gochi badii torbanuma kana keessa Godina Arsii Aanaa Asakootti bifa gara jabina qabuun uummata nagaa irratti raawwatame humna shororkeessaa Shaneetiin ta’uu kan ibsan obbo Hayiluun badiin lubbuu namaa, qabeenya uummataafi mootummaarra ga’uus himaniiru.

Humnoonni kasaaran kunneen gocha badii isaanii uummata nagaa irratti raawwachuun haaloo ba’uuf yaalanis karoorri isaanii guutummaatti akka hin milkofneef mootummaan humnoota nageenyaa bobbaasuun badiin dabalataa akka hin qaqqabne taasisuun karoora diinni walfixiinsa uummataa amantaa da’oo godhate uumuuf wixineesse fashaleessuun kan danda’ame ta’uus obbo Hayiluun ibsaniiru.

Mootummaan humnoota nageenyaa karaa qindaa'aa ta'een bobbaasuun shororkeessitoota ajandaa siyaasaa harkatti kasaareen uummataarratti haaloo ba'uuf bobba'an adamsee tarkaanfii madaalawaa fudhataa jiraachuu kaasuun, yeroo ammaa kanas hojiin namoota qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaa’an deebisanii dhaabuufi qabeenya barbadaa’e bakkatti deebisuu hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan itti fufiinsaan hojii nageenya waaressuu kan hojjetu ta’uu himuun, Uummatnis caasaalee nageenyaa waliin ta'uun nageenya isaa akka mirkaneessu waamicha taasisaniiru.

03/06/2026

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma Zone Communication posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share