Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Godina Jimma

Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Godina Jimma Jimma Zone Women & Children affair 2017

26/05/2026
Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa Ganda Deegootti waajjirri dhimmoota gurmaa'insaa Ummataa baajata waadaa saqoxaan  hool...
21/05/2026

Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa Ganda Deegootti waajjirri dhimmoota gurmaa'insaa Ummataa baajata waadaa saqoxaan hoolotaa fi re'oota horsiisaaf oolan dubartoota ulfaa fi hoosisaniif bituun bakka hoggantootni aanichaa argamanitti dabarsee kennee fii jira.

Godina Jimmaa   Sababa daa'ima guddisuutiin dubartootni keenya hojii isaanii irrattii dhiibbaan akka hin uumamnee fi daa...
15/05/2026

Godina Jimmaa
Sababa daa'ima guddisuutiin dubartootni keenya hojii isaanii irrattii dhiibbaan akka hin uumamnee fi daa'imman isaanii irra miidhaan akka hin geenyeef yeroo ammaa mootummaan inisheetiivii Iddoo tursiisa daa'imman hojjettota mootummaa fi hawaasaa ( ECD)bocuun hojjetamaa kan jiruudha

Waajjirri dhimma dubartootaa fi daa'imman Godina Jimmaa inisheetiivii iddoo tursiisa daa'imman hojjetoota mootummaa fi hawaasaa aanaalee hundaa keessatti akka hundaa'uu bal'inaan hojjetaa kan jiruudha.

Bu'uuruma kanaan yeroo ammaa gamoo waajjira bulchiinsaa Godina jimmaa keessatti iddoon tursiisa daa'imman hojjettoota mootummaa hundaa'ee jira.

Iddoo tursiisaa daa'imman hojjettoota mootummaa hundaa'e kanaafis
kunuunsituun daa'immanii kan qacaramanii fi meeshaan daa'imman itti taphatanis guutamuun tajaajilaa kana kennaa jira..

yeroo ammaa kanas dubartootni hojjettoota mootumma daa'imman isaanii achitti tur
siifataa hojii idlee isaani hojjechaa jiru.

Godina Jimmaa Dubartootni keenya hojii utuu hin filatin aadaa  gosa hojii  hundumaa irratti hirmaachuu cimsataa jiru.   ...
14/05/2026

Godina Jimmaa
Dubartootni keenya hojii utuu hin filatin aadaa gosa hojii hundumaa irratti hirmaachuu cimsataa jiru.

Bu'uurumaa kanaan dubartootni Aanaa limmuu Saqqaa ganda dallee yaderaa fi Aanaa Noonnoo beenjaa magaalaa beenjaa keessatti waldaan ijaaramanii gemmoo fooyya'aa irratti hirmaatan oomisha isaanii gabaaf dhiyeessuun bu'a qabeessa ta'aa jiru.

Keessumattuu gemmoo fooyya'aan itti fayyadamtoota humnaa fi yeroo isaanii qusachuun cinaatti faayidaan innii gama fayyaa fi madaalli qilleensaa naanno eeguu keessatti qabu waan lakkaa'amee dhumuu miti

13/05/2026
Dubartoota Diinagdeen Ijaaruun Ijaarsa Biyyaa Keessatti Murteessaadha.Dubartoonni bu'uura ummataa waan ta'aniif gama siy...
13/05/2026

Dubartoota Diinagdeen Ijaaruun Ijaarsa Biyyaa Keessatti Murteessaadha.

Dubartoonni bu'uura ummataa waan ta'aniif gama siyaasaa,hawaasummaa fi diinagdeen akka gahoomaniif deeggarsaaf hordoffiin murteessaadha.

Jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti ga'een dubartootaa iddoo olaanaa qaba.Mootummaan jijjiiramaas kana hubachuun sirnoota darban keessatti gama siyaasaa,hawaasummaa fi diinagdeen ilaalcha boodatti hafummaa dubartoota irra ture yeroo gabaabaa keessatti cabsuu danda'eera.

Barii jijjiiramaa irraa kaasee mootummaan dubartoota gama siyaasa,hawaasummaa fi diinagdeen gahoomsuu fi ceesisuuf tarkaanfiin gurguddaa heddu fudhateera.

Bu'uuruma kanaan Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti dubartoota diinagdeen gahoomsuuf hojiileen gurguddoon hojjatamaa turaniiru.Dubartoota woldaan garmeessuun carraan hojii gosa garaa garaa uumamuu fi danda'eera.

Guyyaa har'aas Biiroon Dhimma Dubartootaaf Daa'immanii Oromiyaa fi Waajjirri dhimma Dubartootaaf Daa'immanii Godina Jimmaa dubartoota woldaan gurmaa'uun hojii adda addaa irratti boobba'anii jiraniif deeggarsaaf hordoffii taasiseera.

Bara Kanas Aanichaatti dubartoonni hojiiwwan akka,oomisha Dinnichaa,horsiisa lukkuu,maashinaan daabboo tolchuu fi baabura miidhaan daaku irratti woldaan gurmaa'anii hojjataa jiraachuu itti gaafatamtuun waajjira dhimma gurmaayinsa ummataa Aanichaa aadde Daraartuu Diroon himaniiru.

10/05/2026
10/05/2026

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Godina Jimma posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share