Guma News

Guma News Jimma

12/08/2025
mashaa allaah
12/08/2025

mashaa allaah

ODUU:Aanaa Dibaaxeetti Balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 12 darbeNaannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Diba...
09/08/2025

ODUU:
Aanaa Dibaaxeetti Balaa Tiraafikaan Lubbuun namoota 12 darbe

Naannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Matakkal Aanaa Dibaaxeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 12 darbeera.

Balichi Konkolaataan deddeebisaa Ummataa Dibaaxeerraa gara Gasasitti imalaa ture konkolaataa abbaa Miilaa sadii waliin walitti bu’uun kan uumameedha.

Balaa uumameen lubbuun namoota 12 darbuu Ajajaan Poolisii Aanichaa Komaandar Birhaanuu Ijjataa himaniiru.

Lammiileen miidhaan irra qaqqabe gara Hospitaalaa geeffamuu eeruun, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jedhaniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa

ODUU:Naqamtetti lolaan lubbuu namoota shanii galaafate. Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti, rooba cimaa roobe ho...
09/08/2025

ODUU:

Naqamtetti lolaan lubbuu namoota shanii galaafate.

Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti, rooba cimaa roobe hordofee balaan lolaa magaalattiitti mudate, namoota shan ajjeesuu, Obbo Dabalaa Tamasgeen, Itti gaafatamaan waajjira koomunikeeshinii Naqamtee dubbachuu gabaafameera.

Obbo Dabalaan, balaan lolaa kun Naqamtee gandoota sadii keessatti mudachuu ibsanii, garuu kan lubbuu namoota kanaa baasuu danda’e gandoota 02 fi 07 keessatti bakkeewwan maqaan isaanii Daargee fi Jaatoo jedhamanitti ta’uu ibsan.

Balaan lolaa kun qabeenya rrattillee miidhaa geessisuu Obbo Dabalaan dubbachuun gabaafameera
Jiraattonni magaalattii balaa kanaan gadduu ibsanii, ammas roobni gannaa kun kan itti fufu waan ta’eef mootummaan tarkaanfii eeggannoo fudhachuu malee jedhan.

Bulchiinsi magaalaa Naqamtees dhaamsa of eeggannoo jiraattotaaf dabarsaa akka jiru ibse. Jiraattonni daandii lolaa akka sirreessan, muki naannoo manaa yoo jiraate akka jigsan, itti himamaa akka jiru Obbo Dabalaan dubbataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad fi Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin hojiiwwan misoomaa g...
29/07/2025

Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad fi Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin hojiiwwan misoomaa gara garaa Magaalaa Jimmaa daawwatan.
***********
Doktar Abiyyi Ahimad gita isaanii biyya Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliin guyyaa har'aa hojiiwwan misoomaa gara garaa Magaalaa Jimmaa kan daawwatan yemmuu ta'u, hoggantoonni gara garaas qooda fudhataniiru.

Daawwannaa kanaanis haaromsa Masaraa Mootii Abbaa Jifaar akkasumas pirojektii Bosona Jimmaa fi misooma qarqara Malkaa Booyyee dabalatee hojiiwwan magaalichatti hojjetamaa jiran kan ilaalaman yoo ta'u, mooraa Masaraa Mootii Abbaa Jifaar keessattis biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabaniiru.

Daawwannicha irratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa kan argaman yemmuu ta'u, hawaasni Magaalaa Jimmaa simannaa ho'aa keessummootaaf taasisee jira.

Alhamdulillah! Obboleettiin teenya tun Guyyaa har'aa; maatii ishee wajjiin shahaadaa qabattee gara Islaamummaatti deebit...
29/07/2025

Alhamdulillah! Obboleettiin teenya tun Guyyaa har'aa; maatii ishee wajjiin shahaadaa qabattee gara Islaamummaatti deebite. Dhalootan Godina Harargeeti. Rabbiin istiqaamaa haa kennuufi. Filannoo koo Islaamummaa dha jette. Abbaan mana ishee Kiristaana, Islaamummaa na wajjiin fudhu jennaan lakki, ani karaa Abbootii kootii hin dhiisu jedheen. Abbaa mana ishees Rabbi haa qajeelchu. Aamiin 🤲

29/07/2025

Yeroo Yoo Qabate Nabi Muhammad 💔🫶 irraati salawaaata buusi 💚🥀 S.A.W

galatooma
29/07/2025

galatooma

   Iiraan 🇮🇷 haleellaa seenaa keeysatti isa guddaa ja'amu raawwachuuf akka deemty saawudii Gaazeexaan gabaase.Laata Daqi...
16/06/2025


Iiraan 🇮🇷 haleellaa seenaa keeysatti isa guddaa ja'amu raawwachuuf akka deemty saawudii Gaazeexaan gabaase.
Laata Daqiiqaawwan muraasa,booda maaltu asdeema?

Iraan: Teehraan haleellaa misaa'elaa seenaa keessatti isa guddaa fi jeeqamaa ta'e Israa'el irratti qopheessuufi.Aduun se...
16/06/2025

Iraan: Teehraan haleellaa misaa'elaa seenaa keessatti isa guddaa fi jeeqamaa ta'e Israa'el irratti qopheessuufi.

Aduun seente.
Injifannoon kanuma warra halkan sadiif gonfachaa jiruuti. In shaa Allah Shaabbul Islaam

Breaking News!!Sabaasaan Mosaad 2ffaan kan kallattiin odeessalee hunda Yakkamaa waraanaa Netanyaahuun qunnamuun kennaa t...
16/06/2025

Breaking News!!

Sabaasaan Mosaad 2ffaan kan kallattiin odeessalee hunda Yakkamaa waraanaa Netanyaahuun qunnamuun kennaa tureef qabamuun ammas yeroo 2ffaaf misaa'ela balistikii kanaan gara IZra"ael ergameera Netanyaahuun akka kaabinee isaa waliin simannaa godhuuf abdii qabna!!...

Rais Abdurahman follow godhaa hordofaa

Address

Jimma
JIMA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Guma News posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Guma News:

Share

Category