Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት

  • Home
  • Ethiopia
  • Jimma
  • Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት

Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት, Government Organization, Jimma.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Sigimoo Obbo Miftah Jamaal Garee Kubbaa Miilaa Manneen Barnootaa Aanaa Sigimoo Waajjira Isaani...
04/05/2026

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Sigimoo Obbo Miftah Jamaal Garee Kubbaa Miilaa Manneen Barnootaa Aanaa Sigimoo Waajjira Isaanitti Simachuun Galatoonfatan.

‎Chaampiyoonii Manneen Barnootaa Aanolee Godina Jimmaa Gaggeeffamaa tureen Gareen Manneen Barnootaa Aanaa Sigimoo Chaampiyoonaa Taphichaa ta'uun Abbaa Geeba ta'an Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Sigimoo Obbo Miftah Jamaal Garee Kubbaa Miilaa Manneen Barnootaa Aanaa Sigimoo Waajjira Isaanitti Simachuun Galatoonfatan.

01/05/2026
Shaampiyoonaan Liigii Ispoortii Manneen Barnootaa Aanaalee Godina Jimmaa guyyoota 8'f gaggeeffamaa ture olaantummaa Aana...
29/04/2026

Shaampiyoonaan Liigii Ispoortii Manneen Barnootaa Aanaalee Godina Jimmaa guyyoota 8'f gaggeeffamaa ture olaantummaa Aanaa Maannaatiin xumurame

Shaampiyoonaan Liigii Ispoortii kun mata duree 'Ispoortiin Ol Ka'iinsa Biyyaaf' jedhuun ispoorteessitoota Manneen barnootaa Aanaalee Godinichaa 21 irraa dhufan 500 ol ta'an hirmaachisuun gosoota ispoortii 4'n Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa kan ture yemmuu ta'u, guyyaa har'aa olaantummaa Aanaa Maannaatiin xumuramee jira.

Tapha xumuraa Kubbaa Miilaa guyyaa har'aa Aanaa Oomoo Naaddaa fi Aanaa Sigimoo gidduutti gaaggeeffameen Aanaan Sigimoo injifachuun abbaa waancaa yemmuu ta'u,
Aanaan Oomoo Naaddaa fi Aanaan Sokorruu 2ffaa fi 3ffaa ta'uun xumuraniiru.

Kubbaa saaphanaa dhiirotaan Aanaan Manchoo abbaa waancaa yoo ta'u, dubartootaan immoo Aanaan Maannaa waancaa argatee jira.

Aanaan Maannaa dorgommii taasisaa tureen: kubbaa saaphanaa dubaraan waancaa 1, atileetiksii dhiiraafi dubaraan akkasumas ida'ama walii galaatiin waancaa 3, walumaa galatti waancaawwan qophaa'an keessaa 4, walitti qabachuun shaampiyoonaa liigii ispoortii manneen barnootaa Aanaalee Godina Jimmaa bara 2018 ta'uu danda'eera.

Dorgommii gaggeeffamaa ture kanaan hirmaannaa fi naamusaan immoo Aanaan Qarsaa badhaafamaa waancaa ta'ee jira.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Jimmaa Obbo Miftaahuu Abdulqaadir dorgommichaan ispoortessitoota ciccimoo godinicha bakka bu’uun dorgommii Liigii Ispoortii Manneen Barnootaa Kibba Lixa Itoophiyaatti dorgomanii fi isportessitoota abdii borii kan itti horanneedha jedhaniiru.

Sirna cufiinsa shaampiyoonaa liigii ispoortii manneen barnootaa kanarratti hoggantoonni sadarkaa Godinaafi Aanaalee akkasumas jaallattoonni ispoortii kan argaman yemmuu ta'u, xumura irrattis moo'attoota dorgommichaa fi qaamolee milkaa'ina turtii shaampiyoonichaa keessatti gumaacha taasisaa turaniif badhaasaaf beekamtiin kennameera.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Godina Jimmaa/የጅማ ዞን ወጣቶችና ስፖርት ጽ/ቤት:

Share