20/09/2022
Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa imala milkaa'inaa waggoota kudhanii fi kallattii hojii gara fuula duraa
---------------------------
Hojiin Inshuraansii fayyaa biyya keenyaaf haaraa ta’uun isaa ni beekama. Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa hojii isaa raawwachuuf labsiidhaan erga hundeeffamee waggoota kudhan xumuree jira. Daarektarri Daayirektoreetii Galmee fi Buusii Miseensootaa Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itoophiyaa Obbo Guddataa Abbabaa waggoottan kurnan darban keessatti maal akka milkeessanii fi itti aansee maal gochuuf akka karoorfatan ibsan.
Hojiiwwan tajaajila inshuraansii fayyaa lammiileef karaa dhaabbatichaa beeksisuuf hojjetaman keessaa;
•Inshuraansii fayyaa hawaasaa naannolee fi bulchiinsa magaalota hundaaf dhaqqabamaa taasisuudhaan aanaaleen 894 fayyadamoo ta’uun uwwisni aanaalee 85% gaheera.
•Biyya keenyatti lakkoofsi fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa miiliyoona 45 kan gahe yoo ta’u, kana keessaa lammiileen miiliyoona 8 ta'an tajaajila yaalaaf kaffaluu akka hin dandeenyee fi baasiin isaanii mootummaan kan haguugamu ta’uu ibsaniiru.
•Dhaqqabiinsaa fi walqixxummaa tajaajila fayyaa argachuu keessatti IFH gumaacha mataa isaa akka qabu ibsaniiru.
•sirni inshuraansii fayyaa waggaa waggaan baasii tajaajila fayyaa uwwisuuf maallaqa gara biiliyoona 4 walitti qabuu danda’amee jira
• Miseensummaa inshuraansii fayyaa waliin walqabatee fedhiin tajaajila yaalaa dabaluu fi daawwannaan dhaabbilee fayyaa dabaluu isaatiin gumaacha qaba
• Daballii galii dhaabbilee fayyaatti mootummaan waggaa waggaan baajata keessaa 25% deeggarsa waliigalaa ramadaa jira
• Sirna inshuraansii fayyaa cimsuuf Labsii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa raggaasisuun agarsiistota inshuraansii fayyaa hawaasaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Walumaagalatti, inshuraansii fayyaa waggoota kurnan darban keessatti baasii tajaajila yaalaa yeroo hunda dabalaa jiru, keessattuu daballii gatii dawaa dandamachuun akkasumas tajaajila yaalaa gatii madaalawaan lammiileen waggaatti al tokko kaffaluun tajaajila argatan caalaatti gaheen inshuraansii fayyaa aadaa wal gargaaruu cimsuu keessatti taphate baay’ee nama dinqisiisa jedhan.
Obbo Guddataan hojiiwwan gara fuula duraatti hojjetamuuf karoorfaman yeroo tarreessan;
1. Caasaa inshuraansii fayyaa hawaasaa namoota miiliyoona 120 ta’an tajaajiluu danda’u hojjechuu
2. Sirna inshuraansii fayyaa karaa dijitaalaa ta'een Gandoota irraa hanga mootummaa federaalaatti fayyadamuuf hojjechuu
3. sirna inshuraansii fayyaa itti fufiinsa qabu uumuuf sadarkaa biyyaatti Herrega Baankii olaanaa ta'e tokko hundeessuu fi madda galii adda addaa uumuuf hojjechuu.
4. Tarsiimoo imaammataa fi qorannoowwan sirna inshuraansii fayyaa fooyyessan qaamolee qooda fudhattoota waliin bal’inaan hojjechuun kallattii xiyyeeffannoon itti kennaman keessaa isaan ijoodha.