W/ra Daandiiwwanii fi Loojistiiksii G/jimmaa

W/ra Daandiiwwanii fi Loojistiiksii G/jimmaa Rakkoo Bu'uuraalee misoomaa gama daandiin jiru furuuf kan hojjatudha.

Bitootessa 11/2017Godina Jimmaatti hojiin misooma Daandii fi Bulchiinsa qabeenya daandii bara 2017 tiif karoorfaman haal...
20/03/2025

Bitootessa 11/2017
Godina Jimmaatti hojiin misooma Daandii fi Bulchiinsa qabeenya daandii bara 2017 tiif karoorfaman haala gaarii raawwatamaa jiru.

Daandiiwwan Sagantaa waliingahinsa Daandii baadiyyaa fi Riqaaleen haaraan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessan raawwatamaa jiru. Bu’uuruma kanaan sararootni daandii 8 fi Riqaaleen baajata mootummaa fi Sagantaa FSRP tiin hojjataman 7 ta’an Aanaalee garaa garaa keessatti raawwatamaa jiru. Piroojaktoonni kunneen hanga wax. 30 bara 2017 tti xumuramuun ummataaf tajaajila akka kennan irratti hojatamaa jira.

Gama Bulchiinsa qabeenya Daandiitiin daandiiwwan qabnu itti fufiinsaan ummataaf tajaajila akka kennan Aanaalee hunda keessatti raawwatamaa jira. Bara kana Baajata Kaappitaalaa, Fandii Daandii fi Sagantaa RCUP fayyadamuu daandiin km 1200 ol suphamaa jira.

Humna Woloo!!G/jimmaa A/B/xoollayitti G/B/booroo daandii Dillee,waarxuu Sokoree,Aanaalee L/koossa,C/botor fi Nadhii gibe...
11/03/2025

Humna Woloo!!
G/jimmaa A/B/xoollayitti G/B/booroo daandii Dillee,waarxuu Sokoree,Aanaalee L/koossa,C/botor fi Nadhii gibee walqunnamsissu humna Ummataattin riqicha Aadaa guddaan ijaarame tajaajjila kennaa jira!!

Badhaadhina Gochaan !Guyyaa Amajjii 02/2017G/Jimmaa A/Sigimootti Riqichi Rarra’aan Laga Gabbaa irratti ijaaramaa ture ga...
10/01/2025

Badhaadhina Gochaan !
Guyyaa Amajjii 02/2017
G/Jimmaa A/Sigimootti Riqichi Rarra’aan Laga Gabbaa irratti ijaaramaa ture gara xumuraa qaqqabe. Rakkoo hawaasaa yeroo dheeraa kan ture yeroo ammaa tajaajilaaf qophaa’ee jira.

Onko.20/2017Godina jimmaa Aanaalee garaagaraa 4 fi Magaalaa jimmaatti (Laga Aweetu Waldaa fi Hospitaala Shanan Gibee kan...
30/10/2024

Onko.20/2017
Godina jimmaa Aanaalee garaagaraa 4 fi Magaalaa jimmaatti (Laga Aweetu Waldaa fi Hospitaala Shanan Gibee kan walqunnamsiisu ) Riqichi rarra'aan hojjatamuun tajaajilaaf ooluuf xumararra gahaa jiru.

Riqichi Rarra'aan ( Trial Bridge ) kun bakkawwan lageen babal'aa fi Riqa idilee ( conventional Bridge ) hojjatamuu hin dandeenyee fi Sochii ummataa irratti Rakkoo fidaa turanidha.

Onkololeessa 8/2017W/rri Daandiiwwanii fi Loojistiiksii G/Jimmaa Raawwii hojiiwwan torban lamaa gamaggame. Gamaggama kan...
18/10/2024

Onkololeessa 8/2017
W/rri Daandiiwwanii fi Loojistiiksii G/Jimmaa Raawwii hojiiwwan torban lamaa gamaggame. Gamaggama kanaan Raawwii sassaabbii galii Fandii Daandii, kunuunsa qabeenya Daandii fi Raawwii piroojaktootaa kan ilaalamedha. Akkasumas ciminoonni jiran daran akka cimanii itti fufanii fi hanqinoota mul'atan sirreessuun yeroo itti aanu keessatti Raawwiin akka fooyya'u kallattiin karaa hogganaa w/raa Ing. Toofiq A/Firaatiin kennameera.

18/10/2024
Humna woloo Misooma keenyaaf !Guyyaa 08/02/2017G/Jimmaa Aanaalee garaa garaa keessatti  Ummataa hirmaachisuun bifa ho'aa...
18/10/2024

Humna woloo Misooma keenyaaf !
Guyyaa 08/02/2017
G/Jimmaa Aanaalee garaa garaa keessatti Ummataa hirmaachisuun bifa ho'aa ta'een kunuunsi qabeenya Daandii gaggeeffamaa jira. Hojiileen kanneen akka suphaa salphaa,Bo'oo lolaa qulqulleessuu, Misooma koriidarii baadiyyaa bal'inaana kan hojjatamaa jirudha.

21/12/2023

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when W/ra Daandiiwwanii fi Loojistiiksii G/jimmaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share