25/01/2026
Ganama tokko tokko🥹
"Doctor dha. Dilbata har'aa kana guyyaa boqonnaa isaa fayyadamuun dhimma wayiin dafee xumuradhee deebi'a' jedhee ciree nyaachuu didee ba'e" jedhu Harmeen isaa.
Mana isaatii ba'ee daqiiqaa muraasa booda bakkuma homaa konkolaatan hin jirretti fireemiin didee, pooliidhuma fuula isaa dura jiru sana rukutee duubatti deebi'uun lubbuu isaa galaafate. Guyyaadhuma keeti gaafa siin jedhu qabeenyuma kee kan ati dafqa waggoota heedduun itti dadhabdee kan kee godhattetu si galaafata. balaadhuma guddaallee hin fakkaatu, gaafa bira geenyu garuu lubbuun homaa keessa hin jirtu.
Maatiin guddoodha; firriifi konkolaataan meeqa yaa'ee dhufee homaa gochuu hin dandeenye.
Yoo Waaqayyo qofti nama hin eegne, Afaan kaawwachuufi alanfachuu, alanfachuufi liqimsuu gidduu illee garaagarummaa guddaatu jira.
Waaqayyo nama ha eegu; Biyya lafaa soba💔