Abdurrazaaq Abbaa Raayyaa Abbaa Foggii

Abdurrazaaq Abbaa Raayyaa Abbaa Foggii Abdurrazaaq

Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.****************************************1,dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.2...
18/04/2026

Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.
****************************************
1,dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.
2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan.
3, Dubbii warra yaraa sodaachisuun fixan...

● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..

~Dubbachuun bekumsa,
~Obsuun wallaalummaa,
~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin.

● WAA SADII HIN SEE'IN

~Nama beektu hunda fira kee,
~Nama si lolu hunda diina kee,
~Nama badii irra si dhorku hunda
hammaataa....Hin see'in.

● WAA SADII HIN HAWWIN.................

~Bokokni quufaa miti,
~Abaarsi eebbaa miti
~Summiin qorichaa miti.. hin
hawwin.

● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN.

~Nama kolfu hunda gammadaa,
~Nama dureessa hunda arjaa,
~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee
hin~ tilmaamin.

● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU

~Oduu:-haasawa gaggaarii
~Aduu:-caama ganamaa
~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu.
● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN

~Dubbii keessa hin beekne,
~Bishaan gad-fageenya isaa hin
beekne,
~Imala daandii isaa hin beekne
Hubattu malee hin seenin.
waan dubbiftanif galatooma💞💞
via # mariya
muzi dheeraan Akkasii naannoo kessan jiraa?

Yaadan jooree, lafa mareeGaariin dhabe,hamaa maleeIlmi namaa;Ilkaan adii keessi cilee Oolee,bulee, qoraattii naaf biqile...
16/11/2025

Yaadan jooree, lafa maree
Gaariin dhabe,hamaa malee

Ilmi namaa;
Ilkaan adii keessi cilee
Oolee,bulee, qoraattii naaf biqile

Na biratti ana faarsa
Takka turee,lama bulee
Hama dubbiin qalbii daarsa
Yeroo isaas godha aarsaa

Yaadee,yaadeen;
Qalbii cabe
Uumaa koo! Namni kami
Nama keessaa nama dhabee

27/09/2025

Diraamaa Piriimer Liigiii...

Liiverpuul harka Kiristaal Paalaasitti mo'ame.

Maanchister Yuunaayitidii fi Cheelsiin ammayyuu kufaatii keessa jiru. Kileboonni kunneen maal jedhan?

👉👉 https://bbc.in/3Kn4sJ7

25/09/2025
Karra haaraa soquu dhiifteeKan cufameef hidhii nyaataa,Maaf akka oppisoo mukaaCiiftee baraan-achee taata?Rabbi uumee jir...
16/09/2025

Karra haaraa soquu dhiiftee
Kan cufameef hidhii nyaataa,
Maaf akka oppisoo mukaa
Ciiftee baraan-achee taata?
Rabbi uumee jiraachisee
Baabii rizqii sitti-n cufu,
Kan har'a dagattee kufte
Yaadattee kaata bar-dhufu!
•••
Karuma tokkicha qofaan
Argatama seetee milkii
Bakkuma kuftetti hin hafin
Dhaabbattee akka muka silkii.
Abdii kutuu dhiiftee kaatee
Of barbaannaan karaa kuma
Xurree milkiitiin si gaha
Rabbi itti obsinaan suma.

Kanaaf...
Gaabbiin of hin komatinaa
Karra ofitti cuftanii,
Har’i kennaa, bor abdiidha
Ol-ka’aa bakka kuftanii!

13/09/2025

Address

Oromiyaa
Jimma

Telephone

+251991373461

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdurrazaaq Abbaa Raayyaa Abbaa Foggii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share