ATGejiba magaala Jimmaatti Ademsa Nagenya Tiraafikaa

ATGejiba magaala Jimmaatti Ademsa Nagenya Tiraafikaa To inform The plans and reports of activities done by transport offic and reciving coments from the

Baga gessan jechaa, gabayaa ayyaanatiif sochii goonuufi guyyaa ayyaana kabajnu walirraa fageenya keenya eggachaa, ofegga...
22/05/2020

Baga gessan jechaa, gabayaa ayyaanatiif sochii goonuufi guyyaa ayyaana kabajnu walirraa fageenya keenya eggachaa, ofegganoo taasifamuu qabu hunda taasisuun ayyaana kabajuun haalota mijahoo tatamsa'ina dhibee korona/covid-19/ sochii geejjibaa keessaa dhabamsiisuudhaan dhibee kanarra of haa eegnu wal haa egnu! IED MUBARAK!!

Namni garuu coronamo to'annaa sodaachuu qaba silaa? Kabajasaa gadi buusee to'ataatti akka hin mul'anneef lafarra taa'ee ...
09/05/2020

Namni garuu coronamo to'annaa sodaachuu qaba silaa? Kabajasaa gadi buusee to'ataatti akka hin mul'anneef lafarra taa'ee deemu? Lakki yaa jamaa qalbiitti hadeebinu!!

Akkam ooltani, tatamsa'inni dhibe covid-19  biyya kenya kessatti dabalaa dhufuun yaaddessaa ta'ee jira. Haata'u malee ha...
08/05/2020

Akkam ooltani, tatamsa'inni dhibe covid-19 biyya kenya kessatti dabalaa dhufuun yaaddessaa ta'ee jira. Haata'u malee haalli qabatamaa hojii ATGe magaala Jimma tatamsa'ina dhibee kanaatiif haala mija'aa akka ta'e hubatamee jira, sababni isaas bay'inni konkolaachisaa adabbii raawwachuufi, gabatee, boolloo eyyama kkf baafachuuf dhufu humnaa ol ta'uu isaatiin hiriirsinee kessummessufillee kan dadhabameefi namni waldhiibe kessumma'uu malee waa'ee dhibechaatiif iddo kennaa hin jiru. Kanaafuu guyyaa wixata3/9/2012 irraa eegalee chaarjiifi dhimmota konkolaataadhaan walqabatanuuf tajaajila argachuu kan dhufanu haala sagantaa armaan gaditti ba'e qofaan ta'a. Abbaan dhimmaa konkolaataan, taksiin, bajajiin ykn motarri isaa lakk. Isaa inni dhumaa Guutuu ta'e wiixata, Roobii, jimaata waaree dura kan kessummaa'u yoo ta'u, kannenn lakk gabatee isaa inni dhumaa lakk hir'uu ta'e kibxata, kamisafi Jimaata waaree booda, ta'ee abbaa dhimmaa kanaa ala jiru tartiiba lakkofsa barraa'ee jiru eggatee akka keessummaa'u jechaa ergaa kana waliif qoqqooduudhaan dhamatii irraa wal haa baraarru haala mija'aa tatamsa'kna dhibee kanaa waliin haa ittifnu. Saganticha Beksisa armaan gadii irraas hubachuun ni danda'ama.

Tajaajilli geejjiba taaksii, baajajii,gaarii, awutobisiifi Dhoqdhoqqe guyyaa 8/8/2012 ofeggannoo guddaadhaan akka jalqab...
15/04/2020

Tajaajilli geejjiba taaksii, baajajii,gaarii, awutobisiifi Dhoqdhoqqe guyyaa 8/8/2012 ofeggannoo guddaadhaan akka jalqabamu, qaamolee qoodafudhattoota faana irratti mari'atamuun waliigalerra ga'amee jira. Tajaajilli kuni irra deebiin akka jalqabu kan godhamaa jiru dhibeen korona badeera jechuuf otoo hin taane miidhaa dhaabbachuun geejjibaa sochii siyaas diinagdefi hawaasummaa irrati qabu tilmaama keessa galchuudhaani waan ta'eef konkolaachiftootnis ta'ee imaltootni ofeggannoo guddaadhaan akkasumas nagalcha jechuudhaan hojimaata ittiin hojicha jalqabaa jirru hubatee gahee isa irraa barbaadamu ba'achuutu irraa eegama. Haata'u malee dandettii fe'umsaafi kallattii ka'ame cabsee kan argame haala armaan gaditti mul'atuun adabbii qarshii 2000 hang 5000 akkasumas sadarkaa yakkaatiin waan gaafachiisuuf qajeelfamaafii kallattii ka'ame qofaan haa hojjannu!

Hordoftoota fuula Fb kenya akkam jirtu? Koreen qindoomina taaksiforsii magaala Jimmafi Godina Jimma tajaajila gejjiba um...
09/04/2020

Hordoftoota fuula Fb kenya akkam jirtu? Koreen qindoomina taaksiforsii magaala Jimmafi Godina Jimma tajaajila gejjiba ummataa jalqabuuf qophii isaa xuree waan jiruuf guyyaa 1/8/2012 irraa egalee kallattii qajeelfama ATGe Oromiyaa gadi buuse irratti hundaa'uun haala qabatamaa magaalaafi godina kenyatiin kallatti ittin sochii geejjibaa dhimmota dirqisiisoo ta'aniif godhamu baafatee jira kanaafuu Imalaanis ta'ee konkolaachisaan guyyaa jedhame ganama irraa kaasee kallattii ka'amee kessatti waan hordofamuufii to'annoon gaggeffamuuf kallattii kana beekee wal hubachiisuudhaan miira itti gaafatamummaatiin haa jabaannu jechaa , dandeetti fe'umsaa %50 otuu hin hir'isin kan geejjibeefi taarifa ba'ee olitti kan kaffalchiise irratti hawaasni hundi diduufi qaama seeratiif eeru kennudhaan ofis lammiis tatamsa'ina dhibee korona/Covid-19/ irraa ha ittifnu jechaa, kaayyoon sochiin kun egalamuuf dhibechi hir'ateef otuu hin taane sochiiwwan dirqisiisoon hawaasumma waan jiranuufi waan ta'eef hanga danda'ametti namni oliif gadi gejjibaan deemuu isaa irraa naannodhuma jirenya isaa turuutu jajjabeeffama. Kanaafuu imala dirqisiisoo hin taane irraa of qusachuun tatamsa'ina dhibee koronaa waliin ha ittifnuun ergaa keenya dha. Rabbi dhibee kanarraa nu haa eegu!!!

Hawaasni bal'aan akkam jirtani ATGe magaala Jimmaa Qindoomina Qajeelcha poolisii magaala jimmaafii mana Qophessaa, walda...
30/03/2020

Hawaasni bal'aan akkam jirtani ATGe magaala Jimmaa Qindoomina Qajeelcha poolisii magaala jimmaafii mana Qophessaa, waldaaleefii kanneen biroo waliin ta'uun hojiin bal'aan hojjatamuun tatamsa'ina dhibee koronaa irraa hawaasa keenya eeguuf hojiin bal'aan hojjatamee jira, isa kanaafis ummatni ragaadha maggarajaa baajajotafi konkolaattotaa hiiksisuu, bakka qhiqannaa harkaa qopheessuu, foddaa bansiisu fi hojii hubannoo uumuu bal'inaan hojjachaa turree jirra haata'u malee hala qabatamaa tatamsa'inni dhibechaa yeroo ammaa irra jiru irraa ka'uudhaan guyyaa borii 22/7/2012 irraa eegalee sochiin geejjibaa kamiyyuu magaala kessas ta'ee kan gara magaalaa galuufi ba'u waan dhaabbateef hordoftootni fuula kanaa kana beekuun nama hin dhageenyes dhagessisuudhaan tarkaanfii ittisa dhibee kanaaf fudhatame kabajuun waliin haa ittifnu jenna Rabbi biyya keenyaaf nagaa haa buusu!

21/03/2020

Ummanni kenya akkam jirtani? Egaa kanaan dura nageenya tiraafikaa egsisuun balaafi ka'umsa balaa to'achuu qofa ture. Guyyaa sedeen kana garuu weerara yeroo ammaa kana yaaddessaa ta'e dhukkuba koronaf haala mija'aa wantoota uman irratti xiyyeffannee hojjachaa jirra. Isaanis dawitii bansiisuu, golgaa baajajifi konkolaattotaa hiiksisuu akkasumas taksiwwan tesso irratti nama lama qofa akka fe'anu bal'inaan itti deemameera. Haata'u malee ija eggachuudhaan darbaa kan fe'anuufi foddaa kan cufanu jiraachuu malu waan ta'eef hawaasni fayyummaa isaafi lammiitiif jecha yeroo imalu foddaa banaa gochuu, golgaa kaasisuu fi darbaa ta'anii imaluu irraa, qaama konkolaataa tuttuquu, of qusachuudhaan harka isaa immo saamunaadhaan imalaan booda dhiqachuudhaan hojii ittisaa hojjatamaa jiru irratti gahee isaa akka ba'atu ibsaa, rakkoo geejjibaa sababa taaksiwwanifi baasiwwan nama muraasa akka fe'anu godhameen nuqunnamaa jiru fayyummaa keenyaaf ta'uu isaa hubanne yoo geejjibni dhabamellee walirratti fe'amurraa miilanillee deemuu haafilannu isiniin jechaa akka balaa kana rabbi nurra dabarsu rabbiin kadhachuu haa cimsinu hunda keenyaaf nagaan ha ta'u!!

Qindoomina ATGe magaalaa Jimmaafii poolisii Tiraafikaa magaala Jimmaatiin leenjii gargaaraa tiraafikaafii dabaree kabach...
14/03/2020

Qindoomina ATGe magaalaa Jimmaafii poolisii Tiraafikaa magaala Jimmaatiin leenjii gargaaraa tiraafikaafii dabaree kabachiiftotaaf kennamaa ture xumuramuun ebbifamanii gara hojiitti bobba'anii jiru leenjii kanaanis naamusa hojii, seera geejjibaa fi ogumma tiraafikaa irratti hubannoon hanga daandii irratti ba'ani qabatamaan bifa agarsiisaafi shaakalaatin kennameeraaf. Dhuma irratti qindessitoota poolisii tiraafikaa to'attota ATGe bakka tokkotti fiduun ergamni hojii qindoominaa bakka tokkotti kennameefii haala gaariin xumuramee jira.

Tajaajila geejjibaa si'ataafii nageenyi isaa mirkanaa'e hawaasa biraan gahuuf leenjiin dabaree kabachiiftota waldaalee t...
13/03/2020

Tajaajila geejjibaa si'ataafii nageenyi isaa mirkanaa'e hawaasa biraan gahuuf leenjiin dabaree kabachiiftota waldaalee taaksii 2fii waldaalee baajajii jahaaf kennamuun egalamee jira. Leenjii kanaanis hirmaattotni 71 kan leenji'aa jiranu yommuu ta'u, hanqinaafii cimina hojii hanga yoonaa ture irratti mari'atamee waliif galamuun leenjii hanqina jiru guutuu danda'u kennamuutti jira. Mata dureewwan seera danbii gejjibaa, ogummaa tiraafikaa murtessoo ta'aniifii naamusa hojii irratti kan kennamaafii jiru yemmuu ta'u dhuma irratti leenjitootni leenjii isaanii yeroo xumuranu uffannaa addaa qophaa'en ebbifamanii sadarkaa gargaaraa tiraafikaafii dabaree kabachiisatti guddachuudhaan walitti hidhamiinsi poolisii tiraafikaa,to'attoota ATGe magaalaa jimmaa uumamuudhaan gara hojitti kan bobba'anu ta'ee, Dabaree kabachiisaatuma darbaa fe'uu, Imalaa irra dhibbaa adda addaa qaqqabu, baajaajiifii taaksiwwan seeraan alaa to'achuu, akkasumas rakkoole mul'atanu irratti hojiin hubanno uumuu irrattis kan hirmaatanu ta'a. Milkaa'ina hojii kanaatiif waldaaleen geejjibaa baasii uffataafii leenjichaa waliin ta'anii mijeessanii jiru lenjitotni leenjii isaanii xumuranii gara hojitti yeroo galanu qaamni hundi akka humnaatti fayyadamuufii deeggaruu qabna.

Akka magaala Jimmaatti balaa bara kana qaqqabe keessaa lama itti ijollee sayikilii konkolaachisanu ta'uun isaa ni beekma...
19/02/2020

Akka magaala Jimmaatti balaa bara kana qaqqabe keessaa lama itti ijollee sayikilii konkolaachisanu ta'uun isaa ni beekma dhimmi ka'uunis gamaaggama hojii ji'a 6 kessatti qoratamee to'annoon fayyadamtoota saayikilii ykn biskileta irratti akka taasifamu ta'eera, ijoollota xixiqqoo seeran ala daandii guddaa kessa galuun ofaa turanis hojiin hubannoo uumuufii too'annoo taasifamuun mooraa poolisii aanaa 2ffa fi 1ffaa kessatti walitti chaarjiin citeefii too'atamanii jiru. Hojii too'annoo cimaa poolisiin tiraafikaa magaala jimmaafii too'attotni ATGe malaala jimmaa waliin qinda'anii hojjatan kan nama jajjabeessudha. Kana malees gaarii harkaan daandii guddaa irra dhiibamuun sochii geejjibaa danqanus too'achuun danda'ameera.

Bu'uuruma karooraaf raawwii keenya waggaa walakkaa gamaaggamneen qaamolee qooda fudhattoota keessaa konkolaachiftootni b...
07/02/2020

Bu'uuruma karooraaf raawwii keenya waggaa walakkaa gamaaggamneen qaamolee qooda fudhattoota keessaa konkolaachiftootni balaa hir'isuu irratti iddoo guddaa qabu waan ta'eef , konkolaachiftoota baajaajifii taaksii magaala jimmaa waliin marii bala'aa goonee jirra marii kanaanis ka'umsa balaa hir'isuuf ofeggannoo taasifamuu qabanu irratii, naamusa ogummaan konkolaachisummaa barbaaduufii rakkooleen gurguddoo jiranu akkasumas nageenya magaala keenyaa eguufi kabachiisuu irratti gahee bahachuu qabanu irratti marii gaarii kan goone yommuu ta'u dhimmota dhiyaatan hunda kan gara mootummaatii sirraa'uu qabanuufii gama konkolaachiftootatiinis foyya'uu qabanu irratti mari'annee waliif galuun ergama walii kenninee waltajjii keenya milkaa'inaan xumurree jirra.

ATGe magaala Jimmaatti Adeemsi Nageenya tiraafikaafi Divizyinin polisii tiraafikaa magaala Jimma waliin ta'uudhaan polis...
06/02/2020

ATGe magaala Jimmaatti Adeemsi Nageenya tiraafikaafi Divizyinin polisii tiraafikaa magaala Jimma waliin ta'uudhaan polisii tiraafikaafii to'attota ATGe magaala Jimmaatiif leenjii hubannoo qajeelfama haaraa 2012 ba'e irratti kennamee jira. Lenjii kana irrattis dhimmoota qajelfamicha kessatti foyya'ani irratti gaaffii bal'aafi walfalmiin gaggeeffamee hubannoo walfakkaataa irra ga'amee jira. Bifuma walfakkaatuun naamuusa hojiifii janqinoota hojii kessatti mul'atanu irratti mari'achuudhaan ergama hojii itti aanu hojii hubannoofi to'annoo irratti waliif kennuun xumuramee jira.

Address

Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ATGejiba magaala Jimmaatti Ademsa Nagenya Tiraafikaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share