Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa" Limu Seka Attorney office"

  • Home
  • Ethiopia
  • Jimma
  • Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa" Limu Seka Attorney office"

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa" Limu Seka Attorney office" Kun peejii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Saqqaati

Waajjirri abbaa alangaa aanaa Limmuu Saqqaa hubannoo seeraa hawaasaaf kennuu kan itti fufe, yoo ta'u....gaafa guyyaa 21/...
31/10/2025

Waajjirri abbaa alangaa aanaa Limmuu Saqqaa hubannoo seeraa hawaasaaf kennuu kan itti fufe, yoo ta'u....gaafa guyyaa 21/2/2018 hubannoo seeraa mirga daa'immanii irratti kennaa ooleera

Irraa baratamuu qaba
31/10/2025

Irraa baratamuu qaba

25/10/2025

Manneen Hojii Mootummaa ykn Dhaabbilee Misooma Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ilaalchisee Falmiin Karaa ykn Eeyyama Abbaa Alangaa Naannichaa Malee Gaggeeffamuu fi Murtiin Kennamuu danda’aa?
============================================================
Manneen hojii mootummaa dhimmoota hariiroo hawaasaa waajjira isaanii ykn dhimma dantaa mootummaa fi uummataa ta'e irratti qaama biroo himachuufis ta'ee himatamanii deebii kennuuf beekamtii Abbaa Alangaa malee yookaan bakka BAAWO fi Caasaa Biirichaa sadarkaan jiru irraa osoo hin argatin ykn hin qabaatin Mana Murtiitti falmii taasisuun ykn gaggeessuun murtiin kenname fudhatama hin qabu! Murtiin haala kanaan kenname ilaalchisee Abbaan Alangaa falmiin qaama aangoo hin qabneen gaggeeffame waan ta'eef jechuun iyyata mormii murtii dhiyeessuun murtichi akka haqamuuf gaafachuu ni danda'a jechuun Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachi Ijibbaataa lakk. galmee 470361 ta'e(hin maxxaffamme) irratti dhaddacha gaafa guyyaa 11/2/2018 ooleen hiikkoo dirqisiisaa kennee jira!.

AANNANITTI_BISHAAN_MAKEE_ADABAME , Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xiyyoo,Onkololeessa 06/2018Himatamaan Aannanitti Bishaan...
16/10/2025

AANNANITTI_BISHAAN_MAKEE_ADABAME

, Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xiyyoo,Onkololeessa 06/2018
Himatamaan Aannanitti Bishaan makuun gurgurtaaf dhiheesse adabame.
================================
Yakkaan himatamaan maqaan isaa ###### jedhamu gaafa guyyaa 19/01/2018 tilmaaman ganama keessaa sa'aatii 2:30 yommuu ta'u Aanaa Xiyoo ganda Shaalaa Cabeetti keessatti aannaanitti bishaan dabaluun gurgurtaaf osoo dhiheessaa jiru harkaa fi harkatti qabamee sakattaii'insi meeshaan yommuu taasifamu %15 bishaan itti makamuun isaa mirkanaa'e.
Kanumaan eeruun waajjira poolisii Aanaa Xiyoo tti dhihaate gareen qorannaa qorannaa xumuruun galmeen waajjira A/Alangaa Aanaa Xiyoo tiif darbe.
Abbaa Alangaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Xiyoos Labsii Too'annoo Gabaa fi Qulqullina Omishaalee Qonnaa Labsii Lakk.234/2013 keewwata 26(7) fi Dambii Sirna Gabaa fi Too'annoo Qulqullina Omishaa Aannanii fi Bu'aa Aannanii Dambii lakk.221/2013 keewwata 11(6) jalatti himannaa hundeessuun mana murtiif dhiheesse.
Manni murtiis falmii bitaa fi mirgaa erga taasiseen booda haala raawwii yakkichaa, bu'aa yakkichaan argamuuf yaadamee fi haala galii himatamaa ilaalcha keessa galchuun himatamaa fi fakkaattota isaa ni barsiisa kan jedhu dhaddacha guyya 06/02/2018ooleen adabbii qarshii 2000 tiin adabee jira.

muuxannoo gaariidha, gochaan akkasii magaalaa keenya keessattiis mullachuu danda'a waan ta'eef qaamni arge akka eeruu kennu dhaamna.

Irraa baratamuu qaba
10/10/2025

Irraa baratamuu qaba

Waajjirii Abbaa alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa gaafa guyyaa arraa baratoota maatii harka qalleeyyi lakkoofsaan 16 ta'an, da...
19/09/2025

Waajjirii Abbaa alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa gaafa guyyaa arraa baratoota maatii harka qalleeyyi lakkoofsaan 16 ta'an, dabalataan barataa abbaa fi haadha hin qabnee 1 waajjirri abbummaan qabatee fuul-duraaf kan barsiisuuf meeshaalee barnootaa dabtaraa fi qalama jalqabbii barnootaaf oolan, Akkasumaas namoota harka qalleeyyii ta'an kanneen lakkoofsaan 19 ta'aniif zeeyitaa fi daakuu bituun walumaagalatti namoota lakkoofsaan 36 ta'aniif haguma humna isaa deeggarsa taasisee jira.

Hundi keenyayyuu carraa keenya borii, hin beeknu waan ta'eef wal deeggaruu aadaa haa godhannu.

04/09/2025
04/09/2025

Address

Atinago
Jimma

Telephone

+251964420132

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Limmuu Saqqaa" Limu Seka Attorney office" posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share